Daa'ima hoomaa kanniisaa fuularra naquun biyya ajaa'ibe
Daa'ima hoomaa kanniisaa fuularra naquun biyya ajaa'ibe
Muusaa Amiir lammii Yamanidha. Dhihoo hoomaa kanniisaa fuularra naquun erga viidiyoorra mul'atee beekamtii guddaa horateera.
Muusaan damma Yaman beeksisuuf kana godhe. Hawaasni Yaman waggoota kuma hedduuf kanniisa horsiisaa, damma mi'aawaa oomisha.
Biyyi Yaman wal waraansa keessa jiraattus akkuma durii kanniisa horsiisanii damma ishee nyaachuun itti fufeera.
Kana dura seenaa wal fakkaataa dargaggeessa lammii Itoophiyaa kanniisa madaqsee ''itti hasaasu'' isiniif dhiheessinee turre.





