Shawaa Kaabaa - Rakkoo nageenyaan 'dhufaatiin galgalaa jiraattota yaaddessu'

Uummata Salaalee araara kadhachuu bahe

Madda suuraa, Kominikeeshinii Shawaa kaabaa

Godinni Shawaa Kaabaa waggoota muraasa dura nagaaf tasgabbii qabuufi omisha aannaniitiin beekamu 'wiirtuu dararaa fi dirree saamichaa hidhattootaa' ta'e jedhu jiraattonni.

Godinichi durumarraa 'godina misoomaan dagatame jedhamuun komatamu' ta'ulleen hawaasni godinichaa haala nageenyaa amansiisaa tureen oomisha midhaanii fi horsiisa loon aannaniitiin maqaa gaarii kan qabu ture.

Daandii aspaaltii tokkicha godinicha keessa qaxxaamuree gara naannoo Amaaraa deemurras sochiin geejjibaa sa'aatii 24 waan tureef magaalonni godinichaa hedduun carraa dinagdeedhaan dadammaquu kan qabanidha.

Waggoota afran darbanitti garuu sochiin qaamolee hidhatanii suutuma suutaan godina nagaa qabu kana gara 'wiirtuu yaaddoo fi dararaatti' kan jijjiiraa dhufe yoo ta'u, lafti nagaan waldhabees dhawaatuma aanota godinichaa hedduutti bal'ateera.

Akka Jiraattonni godinichaa jedhanitti, sochiin qaamolee hidhatanii kuni karaa laga Mogor irraan aanaalee Kuyyuu, Yaayyaa Gullallee fi Dagam irraan jalqabe.

Yaaddoon nageenyaa gandoota baadiyyaa fageenyarra jiranii dhagahamus suutumaan magaalota aanolees dhuunfate.

Waggoota lamaan asitti garuu aanaalee godinichi qabu irra caalaan isaanii bakka ooltii bulti hidhattootaa ta'eera.

Hidhattooti badii kanaaf himataman immoo Waraana Bilisummaa Oromoo akkasumas hidhattoota Faannoo daangaa Naannoo Amaaraan argamanidha.

Rakkoon nageenyaa kuni Shawaa Kaabaa qofa osoo hin taane godinoota Naannoo Oromiyaa kaanis hubeera.

'Dhufaatiin galgalaa yaaddoodha…'

Akka jiraattonni jedhanitti, sababa sochii hidhattootaa kanaan saamichii fi dararaan, akkasumas nama ukkaamsanii maallaqa humnaa olii gaafachuun kan raawwatamu yeroo halkaniiti.

BBC'n ammaan dura seenaawwan gaddisiisoo namoota godinichatti halkan hidhattootan butamanii guyyootaaf harkasaanii turanii boodarra maallaqa hedduu kanfaluun gadhiifaman gabaasaa tureera.

Miidhamtoonni kunneen maallaqa humnaa olii hidhattootaan erga ukkaamfamanii kanfalan kanaan alatti miidhaa xiinsammuu ukkaamfamuu isaaniitiin irra gaheen hedduu miidhamuu himu.

Gochi halkan mana isaanii cabsanii seenuun namoota ukkaamsanii fuudhuu kuni godinichatti 'biizinasii kiisii hidhattootaa gabbisee, jiruu hawaasaa ammoo luqqisaa jiru' ta'eera jedhu.

Aanaalee akka Kuyyuu, Dagam, Hidhabuu Abootee, warra Jaarsoo, Yaayyaa Gullallee fi Darraatti maatiin hedduu balaa kanaaf saaxilamaniiru.

Sababa kanaanis aanaalee olitti eeraman kana keessa kanneen carraa fi humna qaban qe'ee handhuurri isaanii itti awwaalame osoo hin jaalanne dirqamanii gadhiisanii gara magaalota naannawa Finfinneetti baqatan lakkoofsaan hedduudha.

Hiriira Araaraa…

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ji'oota muraasaan dura hawaasni godinichaa dararaan gurra hawaasa naannoo biraa fi miidiyaatiin alatti waggootaaf keessummeessaa ture daangaa darbe jechuun hiriira bahanii Waaqaafi warra kana keessaa qooda qabu araara kadhatanii ture.

Hiriira araaraa kanas akkaataa duudhaa hawaasichaatiin waan yeroo rakkoon hammaataan akkanaa mudatu taasifamuun waanjootti nama camadanii, meeshaalee ulfoo qabatanii 'izgoo' jechuun araara kadhataa turan.

Gochi kuni bifa walfakkaataan aanaalee godinichaa hedduu keessatti kan adeemsifame yoo ta'u, eegasii garuu araarrii fi nagaan fooyyee qabu wanti argame akka hin jirre jiraattonni BBC'n dubbise himaniiru.

Sababa kanaaf jechas jiraattonni aanaa Dagam Sanbata darbe kana Hiriira Araaraa jechuun yeroo lammaffaaf karaatti bahanii araaraaf Waaqa kadhachaa turan.

Maanguddoon aanichaa hiriira araaraa kanarratti hirmaatanii fi nageenya isaaniif jecha maqaa isaanii akka hin ibsamne barbaadan ''rakkinni hammaachaa deeme'' jechuun fooyyeen akka hin jirre dubbatu.

"Ji'a muraasa dura baanee 'izgoo' jennee maaloo nuu araaramaa, ummanni dararamee yaa Waaq nuuf araarami jennee akka Oromiyaattuu jalqaba kan karaatti bahee kadhate nu'i ture.

''Torbee muraasaaf xiqqoo fooyya'ee ture. Eegasii garuu haalichi hammaachaa deeme malee hin fooyyofne" jedhan.

Torbee darbe keessa halkan Kamisatti bari'u hidhattoonni magaala Guddoo aanichaa kan taate Hambisoo seenudhaan namoota qabeenya qabu jedhaman dabalatee nama hedduu ukkaamsanii fudhatanii deemuus himan.

Namoota ukkaamfamanii fudhataman kanaan alattis qabeenyi jiraattotaa mana keessa jiru hedduun akka saamamee fi kanneen hidhattootaan fudhataman hedduun ammayyuu akka hin gadhiifamnes dubbatu maanguddoon kun.

Hidhattooti WBO keessumaa aanolee Shawaa Lixaafi Shawaa Kibba Lixaatti araara buusan simatamaa turan

Madda suuraa, Oromia President Office

Ibsa waa'ee suuraa, Hidhattooti WBO keessumaa aanolee Shawaa Lixaafi Shawaa Kibba Lixaatti araara buusan simatamaa turan

Haa ta'u malee, Shawaa Kaabaatti [Salaaleenis beekama] hidhattoonni karaa nagaatiin galan jedhaman muraasa akka ta'ee fi saamichii fi dararaan kan durarra jabaatee itti fufuu dubbatu.

Jiraattuun magaala Hambisoo biraa BBC'n dubbise ''rakkoon Salaalee furmaata dhabe kuni maali laata? kanuma jedhuun Waaquma kadhachuuf hiriira kana yeroo lammaffaaf baane'' jedhu.

"Rakkinni Salaale keessa jiru kuni nibeekama. Maalumaaf furmaata dhabe laata jenneeti warra gales galateeffannee, warra hafes araara kadhanne.

''Biyyi Oromoo nagaa haa himatu jennee 'Izgoo' jenne. Nuti rakkinuma himanne malee kanatu sanatu balleesse jechuuf miti" jedhan.

'Wayyuma uffannee deemnaaf jirra jenna...'

Gara lamaanirraayyuu kan wal ajjeesaa jiru ijoolluma Oromoo afaan tokko haasa'u kan jedhan aayyoon kun, gidduutti gidiraan kan irratti dheerate hawaasa nagaati jedhan.

"Afaan tokko dubbatu, dhiigni keenya tokko. Nuti rakkoo gidduu jiru sirritti hin beeknu. Garuu rakkoon lolaa fi ajjeechaadhaan hin hiikamu. Nagaa fi ilaa fi ilaameedhaan akka furatani nuti kan gaafanne" jedhan.

Rakkoo amma dhabamuun nageenyaa fide kanaan 'ummanni wayyaa uffateetuma waan deemnuf jirra jenna malee nama jirru miti' jechuunis miidhaan isaanii gadi fagoo ta'uu himu jiraattuun kun.

"Halkan balbala namaa cabsanii seenanii nama fuudhu. Maallaqni gaafatamu humnaa oli. Isammoo liqeeffatamee kanfalama. Wayyuma uffannee deemnaf jirra jenna malee haalli jiru ulfaatadha" jedhan.

Godina shawaa Kaabaa daangaa Naannoo Amaaraarra kan jirtu warra Jaarsootii hanga Funyaan Finfinnee jala kan jirtu Sulultaatti hidhattoonni namoota nagaa butuu fi ajjeechaan raawwatamu oduu gurraaf haaraa hin taane ta'eera.

Daandiin aspaaltii guddicha godinicha keessa darbee naannoo Amaaraatiin walqunnamsiisu irras sochii sa'aatiidhaan daangeffametu taasifama. Isumaa namni daandicharra imalu miira yaaddoodhaan guutameeni.

Sababni ammoo hidhattoonni yeroo adda addaatti guyyaas daandii guddicha kanatti bahuun namoota ukkaamsanii fudhachuun baratamaa waan dhufeefi.

Godinichatti sukkuummaa rakkoo nageenyaatiin daddaaqa dinagdee hawaasni keessa jiruun rakkinni miira furamuu caalaa hammaachaa deemus, jiraattonni garuu ammayyuu araaraa fi kadhaa nageenyaaf daanditti bahu itti fufanii jiru.