Muddama Chaayinaa- Taayiwaan duuba maaltu jira?

Lammiileen Taayiwaan hedduun odolosaanii akka biyya walabaatti ilaalu

Madda suuraa, EPA

Chaayinaan bara kana yeroo lammataaf naannoo Taayiwaanitti shaakala waraanaa gurguddaa kan gaggeessite yoo ta’u, kanaanis erga Pirezidaantiin Taayiwaan Wiliyaam Laayi haasawa Guyyaa Biyyaalessaa jalqabaa taasisanii guyyoota muraasa booda haleellaa guutuu odola kana irratti raawwatame fakkeessiteetti.

Kanaan dura Laayii kakuu raawwatanii baatiiwwaniin booda shaakala gaggeessan ammas itti deebi'an.

Shaakalli kunis dhimma dubbii ijoo ta'e cimsa: Chaayinaan Taayiwaan kan ofiin of bulchitu akka bulchiinsa mataasheetti ilaaluu kan of keessaa qabuudha.

Beejiing odola kana akka bulchiinsasheerraa addaan baatee fi dhumarratti qaama biyyattii taateetti ilaalti, kana galmaan ga’uufis humna fayyadamuu hin hafne.

Garuu lammiileen Taayiwaan hedduun akka biyya addaatti of ilaalu. Irra caalaan isaanii Taayiwaan kan Chaayinaa irraa walaba ta'u hin labsine ykn Chaayinaa waliin hin tokkoomne ta'uu ni deeggaru.

Seenaan Chaayinaa fi Taayiwaan jidduu jiru maali?

Qubattoonni Taayiwaan jalqaba namoota gosa Awustirooneeshiyaa ta'un kan beekaman yoo ta'an, kibba Chaayinaa ammayyaa irraa akka dhufan amanama.

Galmeen Chaayinaa jalqaba odola kana kan eeru AD239, yeroo mootii humna imala gara isheetti kan galmaa'e fakkaata.

Yeroo gabaabaaf kolonii Nezerlaands jala erga turtee booda, Taayiwaan sirna mootummaa Chaayinaa Qingiin bulfamti turte. Kunis, Jaappaan erga Waraana Chaayinaa fi Jaappaan Jalqabaa (First Sino-Japanese) injifattee booda Tookiyootti dabarfamuu ishee dura jechuudha.

Waraana Addunyaa Lammaffaa booda ammoo Jaappaan harka kennachuun naannoo Chaayinaa irraa fudhatte to’achuu dhiiste. Sana booda Taayiwaan kan ifatti akka Rippabiliika Chaayinaa (ROC)n to'atamteetti kan ilaalamte. Isheenis hayyama michoota ishee yeroos, US fi UK irraa argatteen bulchuu eegalte.

Garuu waggoota muraasaan booda Chaayinaa keessatti waraanni eegaluun, loltoonni hogganaa yeroo sanaa kan Chiiyaang Kai-shek waraana Koominiistii Maa'oo Zedong’n mo’aman.

Chiiyaang, haftee mootummaa isaa fi deeggartoonni isaanii, namoonni gara miliyoona 1.5 ta'an bara 1949tti gara Taayiwaan baqatan.

Chiiyang mootummaa abbaa hirree hanga bara 1980mootaatti Taayiwaan bulchaa ture hundeesse. Du'a isaatiin booda Taayiwaan gara dimokiraasiitti ce'uu kan jalqabde yoo ta'u, bara 1996tti filannoo jalqabaa gaggeesse.

Kanaafuu eenyutu Taayiwaaniif beekamtii kenna?

Haala Taayiwaan irratti waliigaltee dhabuun jira.

Taayiwaan heerashee, hoggantoota karaa dimokiraasiitiin filataman, akkasumas loltoota gara 300,000 ta’an humna waraanaa ishee keessatti socho’an qabdi.

Mootummaan baqataa Chiiyaang jalqaba irratti Chaayinaa guutuu bakka bu'a jedhee ture, sababii deebii'ee Chaayinaa qabachuuf yaadaa tureef.

Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniittis teessoo Chaayinaa kan qabdu yoo ta'u, biyyoota dhihaa hedduu biratti beekamtii argate ture.

Chiiyaang Kai-shek

Madda suuraa, Central Press

Haata'u malee bara 1970moota keessa biyyoonni tokko tokko mootummaan Taayipee kana booda bakka bu’aa dhugaa ummata Chaayinaa guddittii keessa jiraatu ta’ee fudhatamuu hin danda’u jedhanii falmuu jalqaban.

Bara 1971 keessaa ammoo, UN beekamtii dippilomaasii gara Beejiingitti jijjiire. Wayita Chaayinaan bara 1978tti dinagdeeshee banaa gochuu eegalteen booda ammoo, Ameerikaan ishee waliin carraa daldalaa fi hariiroo guddisuun barbaachisaa ta’uu hubatte.

Bara 1979ttis Beejiing waliin hariiroo dippilomaasii idilee hundeessite.

Ergasii lakkoofsi biyyoota mootummaa Rippablika Chaayinaatiif beekamtii kennan haalaan gadi bu’uun, har’a biyyoota 12 qofti odola kanaaf beekamtii kennan.

Chaayinaan biyyoonni biroo Taayiwaanitti beekamtii akka hin kennine gochuuf dhiibbaa dippilomaasii guddaa taasifti.

Hariiroon Taayiwaan fi Chaayinaa akkam jira?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Taayiwaan seera daawwannaa fi invastimantii Chaayinaa laaffisaa waan turteef, hariiroon jidduusaanii fooyya’uu kan jalqabe bara 1980moota keessa ture. Bara 1991tti ROCn waraana Rippabiliika Ummata Chaayinaa waliin gaggeessuu akka xumurame labse.

Chaayinaan filannoo "biyya tokko, sirna lama" kan jedhamtu Taayiwaan to'annoo Beejiing jala galuuf yoo waliigalte ofiin of bulchuu irra caalaa hayyamu jette dhiyeessite.

Sirni kunis yeroo Beejiing dhiibbaa ishee guddisuuf yaaltutti bu’uura ta’e, bara 1997'tti Hoong Koong gara Chaayinaatti deebi’uushee fi akkaataa hanga yeroo dhiyootti itti bulfamtu kan qabateedha.

Taayiwaan yaadicha kuffiisuudhaan Beejiing mootummaan ROC Taayiwaan seeraan ala ta'uu akka cimsitu taasise. Haata'u malee bakka bu'oonni idilee hin taane Chaayinaa fi Taayiwaan irraa yeroo kanatti marii murtaahe geggeessaniiru.

Sana booda bara 2000tti Taayiwaan Cheen Shui-biyaan pirezidaantii gochuun filatte, kunis Beejiing baayyee yaaddesse.

Cheeniifi paartiin isaa Paartiin Tarkaanfataa Dimookiraatawaa (DPP) ifatti "walabummaa" Taayiwaan deeggaraa turan.

Cheen bara 2004 irra deebiin erga filatamanii waggaa tokko booda, Chaayinaan seera farra farra-foxxooquu jedhamu labiste.

Seerichis Taayiwaan yoo Chaayinaa irraa "adda ba'uuf" yaalte Chaayinaan ''karaa nagaa hin taane" fayyadamuuf mirga akka qabdu labsite.

Boodarra Cheen booda paartii KMT kan PRC waliin hariiroo cimaa uumeen bakka buufame.

Bara 2016 keessa DPP irraa Tsaayi Ing-ween pirezidaantii ta'uun filatamte. Ishee jalatti hariiroon qaxxaamuraa (cross-strait relationship) ni hammaate.

Chaayinaan erga Aadde Tsaayi aangoo qabatteen booda, yaada-rimee Chaayinaa tokkittii jedhu ragaasisuu dide jechuun, qunnamtii ofiisaa Taayiwaan waliin qabdu addaan kutte.

Tsaayi walabummaa Taayiwaan ifatti ni labsina jettee hin beektu, Taayiwaan duraanuu walaba ta'uu ishee cimsitee dubbatteetti.

Bara Ms Tsai walitti dhufeenyi biyyoota lamaanii

Madda suuraa, Reuters

Haata'u malee yaadni Taayi kunis Chaayinaa caalaatti gara dubbii hammeessuutti kan geessuu akka ta'e himattiin. Shii Jiinpiing Taayiwaan Chaayinaa waliin ''deebitee tokko ta'uunshee hin oolu'' jechuun, barri 2049 kan ''abjuu Chaayinaa kun guyyaa itti galmaan ga'uu'' jechuun kaa'eera.

Guraandhala bara 2024tti ammoo Taayiwaan ittaanaa pirezidaantii Tsaayi, Wiliyaam Laayi, pirezidaantii taasifte filatte. Nama kanas Chaayinaan kan "foxxoquu barbaadudha" jettee moggaaste.

Shaakala Chaayinaa - kan Joint Sword 2024A jedhamuun moggaafame, torban jalqabaa inni itti aangoo qabateetti gaggeeffame. Kunis Beejiing ''gocha foxoquutiif adabbii cimaa'' ta'uu dubbatteetti.

Akkasumas Laayiin pirezidaantota DPP hanga ammaa turan keessaa isa "hundaa caalaa hamaa" jechuun adda baaste.

Shaakala marsaa lammaffaa mata duree 'Joint Sword 2024B' jedhuun qophaa'e ammoo, Laayi haasawa guyyaa biyyaalessaa Onkoloolessa 10 taasise irratti sadarkaa ofiin of bulchuu Taayiwaan kabachiisuuf waadaa erga seensnii guyyoota muraasa boodadha.

US hariiroo Chaayinaa fi Taayiwaan waliin keessaa maal qabdi?

US hariiroo of danda'e Beejiing waliin kan qabdu yoo ta'u, akkasumas "imaammata Chaayinaa Tokko" ishee jalatti mootummaa Chaayinaa tokkicha ta'uushee beekamtii kenniti. Garuu ammoo, deeggartuu idil-addunyaa Taayiwaan ishee guddoo taatee itti fufte.

Waashingitan Taayiwaaniif meeshaa ittisaa kennuudhaaf seeraan kan dirqamte yoo ta’u, prezidaantiin Ameerikaa Joo Baayiden ammoo Ameerikaan Taayiwaan waraanaan akka ittistu dubbatan. Kunis ejjennoo wal-xaxaa tarsiimoo jedhamuun beekamu kan cabsuudha.

Odolli tun yeroo dheeraaf hariiroo Ameerikaa fi Chaayinaa keessatti dhimma falmisiisaa ta’e keessaa tokko yoo taatu, Beejiing deeggarsa Taayipee Waashingitan irraa argattu jedhamee yaadamu kamiyyuu ni balaaleffatti.

Bara 2022tti erga Af-yaa’iin Ameerikaa Naansii Peeloosiin Taayiwaan daawwatteen booda, Chaayinaan haaloo bahuudhaaf humna kanaan dura agarsiiftee hin beekneen shaakala waraanaa raawwachuun deebii kennite.

Bara aangoo pirezidaant Shii jalatti Chaayinaan "waraana naannoo halluu cuquliisaa" kan daraarra jabeessite.

Walitti dhufeenya siyaasaa Ameerikaa fi Taayiwaan gidduu jiruuf deebii kennuudhaaif xiyyaarota waraanaa Chaayinaa lakkoofsaan hin beekamne naannoo Taayiwaanitti erguu fi shaakala waraanaa hahheessite.

Bara 2022tti xiyyaaronni waraanaa Chaayinaan naannoo ittisa qilleensaa Taayiwaan (ADIZ) keessa seenuun dachaa lamatti dabaleera.

Bu'aan filannoo kanaa adeemsa hariiroo Ameerikaa fi Chaayinaa ni boca ta'a. Eenyullee ifilatamus hariiroo wal xaxaa US, Chaayinaa fi Taayiwaan gidduu jiru irratti dhiibbaa hin jijjiramne qabaata.