Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
MM Abiy Ahimad waa'ee tiktookaroota hidhamanii maal dubbatan?
Dhalootni amma jiru dirree dijitaalaa irratti hirmaannaan taasisu barbaachisaa ta'us, karaa aadaa ummataa 'summeessun' ta'u hin qabu jedhan bulchaan Itoophiyaa.
Ministirri Muummee Abiy Ahimad kan kana jedhan sagantaa tarsiimoo Dijitaalaa Itoophiyaa 2030 yeroo jalqabsisanittidha.
Poolisiin Itoophiyaa torban lamaan darban tiktookaroota dhageettii qabaniifi beekaman 'safuu cabsan, aadaa faallessan' jechuun hidhaa jira.
Dhimma kanarratti Ministirri Muummee Abiy yeroo duraaf yoo dubbatan akeeka mootummaa ibsaniiru.
''Dhihoo TikTokii waliin walqabatee dargaggoonni to'annoo jala oolan turan. Dargaggoonni kunneen Itoophiyaaf barbaachisoodha.
''…Barachuuf, hojii hojjechuuf yaaluun isaanii wanta jajjabeeffamu qabudha.
''Haa ta'u malee, beekumsa alaa barachuu qabaniifi aadaa keenya eeguu qaban yoo walitti naqan badii geessisa.
''Isaafimmoo gorfamuu, qeeqamu qabu. Walakkaan maaliif to'ataman, walakkaan maaliif hin to'atamne jedha.
''Nuti ijoollee kana baarsiisaa jajjabeessuu barbaanna,'' jechuun dubbatan.
Kanneen to'ataman keessaa tokko dargaggoo Adonaay kan jedhamu yoo ta'u TikTokii gubbaa hordoftoota miliyoona afur ta'an qaba.
Itoophiyaa keessatti waggoota muraasa darban fayyadmtoonni TikTokii haalaan dabaleera.
TikTokiin kaaniif madda galii akkuma ta'e kaaniif immoo dirree yaaddoos ta'eera.
Sirni to'annoo yoo hin jiraanne badii geessisa jedhanii ogeeyyiin ibsan jiru.
Awustiraaliyaan ol adeemtonni umrii 16 gadii miidiyaa hawaasummaa akka hin fayyadamne dhihoo dhorkiteetti.
Itoophiyaan garuu dhaloota akkaataa itti fayyadama isaaf dursa kennu uumuu barbaanna jechuun Ministirri Muummee Abiy himaniiru.
''Itoophiyaan dargaggoon umrii kanaa bilbila akka hin qabanne jettee seera yoo hin baasne, TikTok immoo 'filter' [seecca'uu] yoo gochuu dadhabe namoonni dhiibbaa uumu jedhamnu sababa keenyaan namni baay'ee summaa'uu danda'a.
''Sababni isaa akkaataa uffataa, akkaataa dubbiifi dhaabbii isaa hunduu daa'imman irratti dhiibbaa qaba.
''Namni nu hordofu akka jiru yaadnee of eeggannoo yoo hin goone aadaa, amantiifi fedhii Itoophiyaa kan faallessu yoo ta'e tekinolojichi kan tumsu osoo hin taane badii ta'a jechuudha.
''Tekinolojiin kan itti barannu, itti guddannu akka ta'u keessoo keenya kan fakkaatu ta'uu qaba,'' jechuunis dubbatan.
Tarsiimoon Dijitaal Itoophiyaa maali?
Itoophiyaan tarsiimoo dijitaalaa waggoota shanii (2030) dhufanii yeroo ifa goote, karoorri duraa (2025) ''100% haala jechuu danda'amuun tarsiimoo milkaa'e'' jechuu dandeenya jedhan MM Abiy.
Kaayyoon tarsiimoo 2025 waan sadii galmaan gahuuf kan kaayyeffatedha jechuunis ibsani.
Lammiileen bakka jiraatanitti tajaajila akka argatan carraa uumuudha (access) jechuun himan.
Mootummaan bara 2030 dhaqqabinsa dijitaalaa 90% geessisuuf yaada qaba.
Lammaffaa carraa wal fakkaataa (opportunity) lammiileef uumuudha jechuun ibsan.
Sadaffaan lammiileefi mootummaa gidduu amantee (trust) uumuudha jechuun himan.
Tarsiimoon dijitaalaa kuni garuu ''bu'uurri lama yoo guutamedha'' jechuun dubbatan.
Tokko elektirikiidha, kan lammataa tajaajila intarneetiidha.
''Itoophiyaan yeroo ammaa seelii solaarii oomishuu eegaltee ji'atti dolaara miiliyoona 20 hanga 25'tti biyya alaatti ergiti,'' jechuun himan.
Itoophiyaa keessatti erga yeroo dhihootii namoonnii bilbila isaaniin karaa dijitaalaa maallaqa daddabarsuun dabaleera.
''Miiliyoona 130 [ummata] akka qabnu dubbachuu qofa osoo hin taane, lammiin tokkoon tokko eessa akka jiru, maal akka hojjetu maaliin akka jiraatu yoo hin beeknu ta'e,'' hiika hin qabu jedhan MM Abiy.
Akka fakkenyaatti waraqaan eenyummaa Faayidaa eenyummaa nama tokko bakka tokkotti akka qabatu ibsan.
Dhaqqabinsa damee elektirikiifi intarneetaa guddisuun yoo danda'ame waan yaadne galmaan geenya jechuun dubbatani.