Paarlaamaan Aljeeriyaa koloneffannaa Faransaay yakka jechuun labse

Madda suuraa, AFP via Getty Images
Paarlaamaan Aljeeriyaa koloneffannaa Faransaay yakka jechuun seera qopheesse sagalee guutuun raggaasise.
Gita bittaa Faransaay jala kan turte biyyi kaaba Afrikaa tun, Faransaay dhiifama gaafachuu qabdi, beenyaas nuuf kaffaluu qabdi jechuun labse.
Seerri haaraa tumame kun gita bittaa leellisuunis yakka ta'uu tumuu miidiyaan mootummaa gabaase.
Labsiin paarlaamaa Aljeeriyaa kun mallattoo muddama hariiroo dippilomasii biyyoota lamaanii dhiyeenya mul'achaa jiruuti jedhame.
Erga gaafa 1963 Aljeeriyaan kolonii Faransaay jalaa walaba baatee as hariiroon dippilomasii biyyoota lamaanii amma mul'atu isa hundarra hamaa ta'uu xiinxaltoonni.
Baroonni Faransaay Aljeeriyaa koloneeffatte (1830 -1962) baroota ajjeechaan jumlaa, jumlaan biyyarraa ari'uu fa'iin kan ibsamu yoo ta'u, barri gita bittaa kunis lola sukkanneessaa dhiiga namoota hedduu dhangalaase bilisummaaf lolameen goolabame.
Aljeeriyaan waraana kanaan namoonni miliyoona 1.5 dhumuu yoo himattu, barreessitootni seenaa Faransaayimmoo namni dhume xiqqaa dha jedhu.
Pirezedantiin Faransaay Immaanu'eel Maakroon kana dura koloneeffannaa sun yakka farra namoomaa ta'uu amanainiiru, garuu dhiifama hin gaafanne.
Miseensonni paarlaamaa Aljeeriyaa fooxaa bifa alaabaa biyya isaanii mormatti marachuun "Aljeeriyaan bara baraan haa jiraattu" jechuun sagalee ol kaasanii iyyanii wixinee kana raggaasisuu isaanii AFP'tu gabaase.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Labsiin kun Faransaay gochoota sukkanneessaa raawwatteef gaafatamummaa seeraa qabdi jedha.
Faransaay hammeenya raawwatameef "beenyaa guutuu fi haqa-qabeessa" uummata Aljeeriyaaf baasuu qabdi jedha. Faransaay labsii kana ilaalchisee hanga ammaa yaada hin kennine.
Biyyoonni lixaa garbummaa fi bittaa koloniif raawwataniif beenyaa akka baasan, hambaalees saamanii godaambaalee isaanii keessa keewwatan akka deebisan dhiibbaan godhamaa yeroo jirutti Aljeeriyaan labsii kanaan kan gadi baate.
Paarlaamaan Aljeeriyaa Faransaay madfii naasarraa hojjetame kan jaarraa 16ffaa saamte akka deebiftu gaafachaa ture.
Faransaay Aljeeriyaa kan koloniin qabatte bara 1830 ture.
Bara 2020, Faransaay lafee loltoota Aljeeriyaa 24 jaarraa 19ffaa keessa osoo Faransaayirratti fincilanii du'anii deebifte.
Ji'a darbe keessa, Aljeeriyaan kora haqaa fi beenyaa afrikaaf malu akka bahu dhiibbaa godhu kan biyyoota Afrikaa hirmaachise qopheessitee turte.
Ministeerri dhimma alaa Aljeeriyaa Ahimad Ataf, labsichi kennaa ykn oolmaa kan ittigaafannu osoo hin taane, deebinee of ijaaruudha jedhan.
Aljeeriyaan garee Adda Polisaariyoo jedhamu (sabboontota sahaaraawii fi dhaabbata soshaalistii arabaa) Morokoorraa fottoquu qaban deeggarti. Faransaay immoo birmadummaa Morookootti amanti. Kun madda dhibdee dippiloomasii Faransaayi fi Aljeeriyaa kan biraati.
Ji'a darbe barreessaan og-barruu beekamaan hidda dhalootaan Faransaayii fi Aljeeriyaa ta'e hidhaa waggaa shaniirraa erga Pireedaantii Aljeeriyaatiin dhiifamni godhameefii bahee booda buufata xiyyaaraa Aljeersirraa qabamee hidhame.
Abbaan alangaa namni kun daangaa Aljeeriyaa irratti haasawa godheen wal qabatee nageenya biyyaalessaa gaaffii keessa jechuun himate.












