Haalaand v Imbaappee, Meesii v Roonaaldoo- Ramaddiin Waancaa Addunyaa kam walitti fide?

Ramaddiin Waancaa Addunyaa bara 2026 kaleessa Waashingitan DCtti raawwatameera.

Sirna baninsa ramaddii Waancaa Addunyaa kana irratti pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp, Badhaasa Nagaa Fifa fudhataniiru.

Badhaasni kun pirezidaantii Fifa Jiyaanii Infaantiinoodhaan bara kana hojiirra oole.

Nama ''nagaa fi ''uummata addunyaa tokkoomsuuf'' hojii addaa hojjeteef kennama.

Haaluma kanaanis waancaa addunyaa mo'ataadhaaf kennamu warqee irraa hojjetamee fi medaaliyaawwan kaan Tiraampiif kennamaniiru.

Gara ramaddii baheetti haa deebinu.

Waancaa Addunyaa bara 2026 irratti biyyoota 48 tahantu hirmaata. Kun seenaa kubba miilaa addunyaa keessatti isa guddaadha.

Garee 12tti qoodamuun biyyoonni afur afur wal dorgomu. Ingilaand walakkaa xumuraa irratti bara 2018 kan wal argatte Kirooshiyaa waliin jalqabuma falamtti.

Bara kana tilmaama warra argatan keessaa Ingilaand ishee tokko.

Biyyoonni lameenuu sadarkaa FIFA kudhanii jiran wal argan isaan jalqabaa yoo tahan taphni cimaan biraa eegamu Biraazilii fi Morookoo gidduuttidha.

Biraazil addunyaa irraa sadarkaa shanaffaa Morookoon sadarkaa 11ffaa irra jirti.

Nezerlaandis garee ulfaatu keessatti ramadamte. Jaappaan, Tuuniziyaa fi Ikkuwaador garee kana keessatti argamu.

Haalaand v Imbaappee

Dhaloota kubba miilaa ammaa keessaa galchii lakkoofsisuun maashinoota kan jedhaman Erliing Haalaandii fi Kiiliyaan Imbaappeen isaan tokko.

Haalaand erga bara 1998 yeroo jalqabaaf biyya isaa Waancaa Addunyaaf dabarsuuf taphoota saddet irratti galchii 16 lakkoofsise.

Biyya isaa kana baateema dabarse yoo jedhame ukukubsuu hin tahu. Taphataan tokkollee gulaallii waancaa Addunyaa irratti galchii haga kana lakkoofsisee beeku hin jiru.

Noorwey biyyi Haalaand tapha mo'atanii darbuun carraa kanaaf kan geessu tokko, Senegaaleii fi Faransaay waliin ramadamaniiru.

Galchii lakkoofsisun Laaliigaa keessaa taphataa tokkoffaa tahee fi Piriimer Liigii keessaa tokkoffaa tahe yeroo jalqabaaf wal dorgomu.

Imbaappeen bara kana taphoota 15 irratti galchii 16 Riraal maadridiif lakkoofsiseera.

Leenjisaan Faransaay Diidee Diishoo ''morkii cimaa taha. Isaan lamaan keessaati galchii baay'ee lakkoofsisuuf dorgommii dhufu irrattis kan wal falman'' jedhe.

Meksiikoon Afrikaa Kibbaa waliin tapha jalqabaa gaggeesiti. Bara 2010 yeroo Afrikaan Kibbaa yeroo jalqabaaf waancaa Addunyaa Afrikaa keessatti qopheessitu taphni baninsaa Meksiikoo fi Afrikaa Kibbaa gidduutti gaggeeffamee ture.

Yeroo sana galchii yeroo hundumaa yaadatamtu Shabalalaan lakkoofsiseen qixa 1-1 xumuraan.

Bara dhufu yeroo Meksiikoon qopheessitus biyyootuma lamaantu jalqaba irratti taphata.

Kan biraa Farnsaayii fi Senegaal gidduutti kan gaggeeffamus haalaan eegama.

Biyyoonni xixiqqoo akka Keep Verdee garee Ispeen keessatti argamu.

Uzbeekistaan, Keep Verdee, Joordaanii fi Kiyuurisaahoo [Curacao] biyyoota xixiqqoo carraa FIFA bal'isetti fayyadamuun darbanidha.

Hundumaa irra biyyi baay'ee xiqqoon Kiyuurisaahoo jedhamti. Keep Verdeenis Afrikaa irraa biyya uummata walakkaa miliyoonaa qabdu taatee darbitedha.

Kiyuurisaaho Jarman waliin ramadamteetti. Keep Verdee Ispeen waliin garee tokko keessa jirti.

Joordaan waggaa 40 booda darbite ammoo Arjeentiinaa waliin morkatti. Morkattoonni biyyoota xixiqqoo kanneennii hundi dhiyeenyatti warra Waancaa Addunyaa mo'ateerudha.

Uzbeekistaaniin ammoo bara 2006 Waancaa Addunyaa Xaaliyaanii waliin kan mo'ate Faabiyoo Kanavaarootu leenjisa. Isaan Poorchugaal waliin garee tokko keessa jiru.

Yoo garee isaanii keessaa darban Jarmanii fi Faransaay 16 keessatti wal argu. Nuusa Xumuraaf sadarkaa tokkoffaan kan darban yoo tahe Arjentiinaa fi Poorchugaal walitti dhufu.

Morkattoota lamaan Meesii fi Roonaaldoo asitti yoo ammas wal morkatan arguu dandeenya.