Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Arteettaan erga Bireentfordiin 2-0 mo'atanii maal jedhe?
Leenjisaan Arsenaal Mikeel Arteettaan erga Bireentfoordiin 2-0 mo'atanii, ''gahumsa agarsiifneen baay'ee gammadeera.
Mo'achuu keenyatti, galchiin osoo nurratti hin lakkaa'amiin bahuutti baay'ee gammadeera,'' jedhe.
Garee baay'ee cimaa waliin morkanne,'' kan jedhe Arteettaan injifannoo isaanii kanaan Maanchister Siitii qabxii shaniin caaluun liigicha dursaa jiru.
Bireentfoord kubba dhaabbate irraa, kubba sarara keessaa bahe darbatanii gara galchiitti dhiyaachuun lakkoofsisuu irratti garee cimaadha.
Galchii 1-0 yeroo dursaa turre amansiisaa hin turre. Bakak tahetti akka qormaata sitti tahan hubatta.
Kubba dhaabbate nurratti yaalaniiru. Inumaayyuu karra eegaa keenyatu kubba cimaa koornaa irraa rukutame deebisuun nu oolche jedhe.
Injifannoo Arsenaal bara kana galmeesse keessaa %80 kan tahu galchiin osoo irratti hin lakkaa'amiin kan xumuramedha.
Kana jechuun taphoota kudhan keessaa yoo xiqqaate saddet irratti jechuudha.
Erga barri dorgommii bara darbee jalqabee haga ammaatti taphataan tokkoyyuu hamam Mikeel Meerinoo mataadhaan galchii hin lakkoofsifne.
Arsenaal tapha itti aanuun Aston Viilaa morkata. Ba darbe akka Arsenaal qabxii gatu kan godhan keessaa tokko Aston Viilaa ture.
Unaay Imiree kana dura Arsenaal leenjisaa waan turaniif tapha kanaafis qophii addaa taasisu jedhamanii eegamu.
Arsenaal haloo isaa bahuu fi dogogorri baea darbee akka irra hin deebineef of eeggannoon kan taphatu taha.
Kaleessa galgala morkataa biraa kan tahe Cheelsiin kileba kufaatii irraa of oolchuuf tattaafatu Liidsi Yuunaayitidiin 3-1'n mo'ame.
Arsenaal wlaiin taphattoota 10niin taphatanii qixa kan xumuranii ture Cheelsiin kaleessa ammoo gahumsi sun wlaiin hin turre.
Eenzoo Maareshkaa taphattoota jijjiiruun taphachiisan. Garuu hin milkoofne.
Liidsi Yuunaayitid daqiiqaa jalqabaa irraa eegaluun waan hundaan nu caalu ture. Injifannoon kun isaaniif mala jedhe Maareshakaan.
Kun ammoo Arsenaal irraa qabxii sagaliin duubatti akka hafan isaan taasiseera.
Liiverpuul kileba barana Shaampiyoonshiippii irraa Piriimer Liigiitti guddachuun gahumsa ajaa'ibaa agarsiisaa jiru Sanderlaand waliin qixa bahe.
Inumaayyuu Sanderlaand Liiverpuuliin injifachuuf dhiyaatanii ture. Haga daqiiqaa xumuraatti falmachaa kan ture Liiverpuul Mohaammad Saalaa tapha lammaffaaf taa'umsa jijjiirraa irratti dhiisuun ture dirree kan gale.
Garuu akka gaafa West Haam sana milkaa'uu hin dandeenye. Aleeksaander Isaak kubba kallattii isaa eeggate tokkollee gara karra Sanderlaanditti osoo hin yaaliin bahe.
Sanderlaandii fi kiristaal Paalas qabxii 23 qabu. Biraayitan qabxii 22 qaba. Liiverpuul qabxii 22'n sadarkaa toorbaffaa irra jiru.
Arnee Isloot Liiverpuuliin waan kufaatii irraa oolchan miti. Arsenaal irraa qabxii 11'n duubatti hafaniiru.
Maanchister Siitiin garuu garaagarummaa Arsenaal waliin qabu gara shaniitti dhiphiseera.
Fuulhaam wlaiin taphni gaggeessan diraamaan kan guutame ture. Maanchister Siitiin 5-1'n osoo dursaa jiruu ture Fuulham duubaa ka'uun galchii sadii lakkoofsisuun walumaa gala 5-4'n kan xumurame.