Dubartoonni baay'een maaliif suuraa jaalalleesaanii miidiyaa hawaasaarratti hin qoodanii?

Madda suuraa, Tawana Musvaburi
Taawaanaa Muusvaaburii Instagram irratti hordoftoota kuma 33 qabdi. Hordoftoonni ishee waa'ee ishee sirriitti kan beekan itti fakkaata.
Baayyeen isaanii garuu jaalalleen ishee eenyuu akka ta'e hin beekan. Garuu jaalallee akka qabdu odeeffannoo agarsiisuu kennuunshee hin oolle.
Isheefi jaalalleen ishee osoo wayinii dhuganii wayita burcuqqoo waliitti busanii suuraa agarsiisuu qooddee jirti.
Shamarreen waggaa 24 taateTaawaanaan suuraa jaalallee ishee hin qooddu. ''Akka dubartiitti wanti hundi too'annoo kiyya jala ta'u agarsiisuun barbaada'' jetti.
Shamarreen miidiyaa hawaasaa irratti beekamtuu taate tunis, hojiishee baayyee yeroo raawwattuuttis jaalallee ishe hin hirmaachiiftu.
''Kan milkoofne gargaarsa dhiiraatiin akka ta'e nutti dhagahamu hin qabaatu. Waan hunda kanan milkeesse yaalii dhunfaa kootiin yoon jedhu gammachutu natti dhagahama'' jechuun ibsiti.
Jaalalee ishee waliin gaa'ila dhaabbatan illeen walitti dhufeenya isaanii ifa gochuu hin barbaaddu.
''Waanan qubeellaa hidhadheef qofa waa'ee jireenya jaalalaakoo miidiyaa hawaasaa irratti hin barreessu'' jetti.
Isheenis namoota suuraa jaalallee isaanii miidiyaa hawaasaa irratti maxxansuu hin barbaadne baayyee keessaa tokkodha.
Odeessaalee kana fakkaatan

Madda suuraa, Tawana Musvaburi
Barruu Voog
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Baatiidhaan dura barruun Voog dhimma kanarratti barreessee ture. 'Jaalallee qabaachuun qaanii ta'eera?' mata dure jedhuun gabaasni dhiyaate TikTok fi Instagram gubbaatti ijoo dubbii ta'ee ture.
Barreessituun gabaasichaa Chaantee Jooseef akka jetteetti, dubartoonni jaalallee saala biraa waliin hariiroo jaalalaa uummatan waa'ee walitti dhufeenya isaanii ilaalchisee miidiyaa hawaasaa gubbaatti baayyee yoo dubbatan hin dhagahaman.
Jaalalee qabaachun isaanii 'bu'aa hawaasummaa' qabaatu jaalatan illeen, kan ''waa'ee hiriyaqaqsaanii dhiiraatiin ala omaa yaaduu hin dandeenyee'' jedhamuun yaaduu hin barbaadan.
Miidiyaa hawaasaa gubbaatti suuraa jaalalleesaanii maxxansuun ''qaanii'' fi ilaalcha hammayyaa'aadhaan ''kan baayyee kabaja namaaf hin kenniisiifne'' ta'aa dhufuusaa barreessituun tun dubbatteetti.
''Hiriyaa dhiiraa qabaachuun akka milkaa'inaatti ilaalamuun hafeera. Akka Kanaan dura yaadamuutti akka dubartii caaltuutti nama hin ilaalchisu'' jetti.
Sababii dubartoonni itti suuraa jaalallee isaanii miidiyaa hawaasaa gubbaatti maxxansuu hin barbaadneef keessaa tokko sirna ''dubartoota irratti dhiibbaa qabu dura dhaabbachuuf'' akka ta'e dubbatti
''Dubartoonni baayyeen abbaa warraa ykn jaalallee qabaachun gaariidha jedhu. Haala siyaasa amma keessa jiruutti garuu hariiroo dhiiroota waliin qabnu dhaabbannee yaaduu qabna'' jechuun ibsiti.

Madda suuraa, JEBOAH
"Namoonni kuma ta'an fuula miidiyaa hawaasaakoo hordofuu dhaaban"
Isteefaanii Yaabooh kitaaba 'South London' jedhamu tokko maxxansiteetti. Miidiyaa hawaasaa irrattis namoota dhiibbaa uuman keessaa tokkodha.
Suuraa jaalallee ishee Instagram irratti maxxansuu isheetiif ni gaabiiti.
''Hiriyaa dhiiraa kan qabduu yoo taatee kan ati jettu nuuf hiikaa qabaachuunsaa ni dhaabbata jechuun baayyeen isaanii fuula kiyya hordofuu dhaaban. Guyyaa tokkotti namoonni gara 1,000 ta'an fuula Instagram koo hordofuu dhaaban'' jetti.
Hordoftoonni miidiyaa hawaasaa waa'ee jaalallee dhiiraa isaanii dhagahuun baayyee akka isaaniitti hin tolle dubbatti.
''Waa'ee harooroo jaalalaa yoo haasa'amu nama hin gammachisu. Namoonni yoo ilaalan miira isaaniitti hin tollee itti uuma'' jetti.
Koleejjii Kinjis Landaniitti qorattuun qabiyyee miidiyaa hawaasaa fi dhiibbaa uumtootaa kan taate Dr Juuliiyaan Biruksi akka jettuutti, namoonni miidiyaa hawaasaa irratti beekaman ''wanti ittiin beekamuu barbaadaman'' qabu.
''Waan isaan ittiin beekaman sana namoonni hordofan waan jiraniif waan jalqabarratti ittiin of barsiisan sanarraa waan adda ta'een dhufuun isaan rakkisa'' jechuun ibsiti.

Madda suuraa, GRILLIAN BROOKS
"Nama of hin dandeenye fakkaachuu hin barbaadu"
''Odeeffannoo namoota dhiibbaa uuman irraa eegan yoo argachu baatan kan isaan hordofu hin jiraatu. Qabiyyeen isaan irraa eegamu kan hin hojjanne yoo ta'e, kan fuula isaanii hordofu hin jiraatu'' jechuun itti dabalte.
Namoonni miidiyaa hawaasaa irratti dhiibbaa uuman kan ''jireenya jaalallee isaanii irratti hundaa'uu'' kan qabanfakkaatanii mul'achu hin qabaatan.
Qaamoolee miidiyaa hawaasaa irratti dhiibbaa uumaniin alattis lakkoofsi dubartoota waa'ee hariiroo jaalalaa isaanii ifatti dubbachuu hin barbaadne hedduudha.
Miiliin jaalallee waggaa shanii ishee waliin qubeellaa hidhatteetti. Shamarreen umuriin waggaa 25 Miiliin suuraa kaadhimaashee miidiyaa hawaasaa irratti maxxansuu hin barbaaddu.
''Jireenyikoo akka waan isarratti hundaa'eetti akka na yaadan hin barbaadu. Hariiroon jaalalaa keenyas madda jireenya kiyya guutuu miti'' jetti.
Fakkiin miidiyaan hawaasaa waa'ee eenyummaa namoota irratti uumuu kan daangeeffame ta'u dubbatti.
''Suuraa jaalallee kootii miidiyaa hawaasaa irratti maxxansuufi waa'ee keenya ibsuun waa'ee isaatiin ala waan biraa yaaduu akka hin dandeenye na fakkeessa'' jetti Miiliin.
Jaalalli dhimma dhuunfaa ta'uu qaba
Shammarreen umuriin waggaa 20 Shaarlat waggaa lamaaf hariiroo jalalaatiin turtetti. Fuuraa jaalalee ishee miidiyaa hawaasaa irratti suuraa jaalallee ishee hin qoodneef hedduu qabdi.
''Suuraa Instagram irratti maxxanfamu danda'u hin qabu. Kanarratti jaalalli anaafi isa jidduu jiru dhimma dhunfaa keenya'' jechuun sababii ishee tarreessiti.
"Suuraa keenya yoo maxxansiinu nu ilaalaa jechuu keenya fakkaata'' jetti itti dabaluun.
Shamarreen waggaa 21 Ariitaam Bashaarlatis yaada ishee kanaan waliigalti. Suuraa jaalallee ishee maxxansuun ''ija namaa keessa isa buusa'' jettee amanti.
''Budaatu isa nyaataa jedheen yaada. Namoonni isa ilaalanii akka innaafanis hin barbaadu. Yaadanii osoo hin taane osoo hin yaadiin innaafaan itti dhagahamu danda'a'' jetti.
Yunivarsitii Michigaan Isteetiitti ogeessi xin-sammuu hawaasummaa Dr Geendooliiyaan Siidimaan, hariiroo jaalalaa interneettii irratti buu'urreeffate irratti qorannoo hojjatteetti.
Odeeffannoowwan interneetii irratti bahan yeroo dheeraaf akka turan yaaduudhaan namoonni baayyeen odeeffannoo dhunfaasaanii qooduu akka hin barbaadne kaafti.
''Ammaan tan odeeffannoon miidiyaa hawaasaa irratti qoodamu hir'ataa dhufeera. Wanti maxxansanis akka interneetii guyyaa yeroo dheeraaf turu ni beeku. Odeeffannoowwan balleessuun waan hin danda'amneef of eeggannootu barbaachisa'' jechuun gorsiti oggeettiin tun.












