Saamicha daqiiqaa torbatti muziyeemii addunyaa beekamaarratti raawwatame

Hattoonni gonfoo mootittii Ewugenii fudhachuuf yaalan garuu yeroo baqatan kuffisan fakkaata

Madda suuraa, Louvre Museum

Poolisiin saamicha ija jabinaan faaya gonfoo Faransaay kan gatii guddaa qabu irratti xiyyeeffate qorachuuf, Muuziyeemii Lowuvre Paris keessatti argamu cufamuuf dirqamera.

Hattoonni guyyaa saafaa muuziyeemii addunyaa irratti beekamaa ta'e cabsanii seenanii, achiis faaya gatii guddaa qabu saddeet hatuun miliqan

Waa'ee yakka aja'ibsiisaa Faransaayitti muudatee kana wanti beeknu kunooti.

Hanni kun akkamitti raawwatame?

Hanni kun kan raawwatame Wiixata guyyaa akka sa'aatii biyyaatti sa'aatii 09:30 hanga 09:40 gidduutti, erga muuziyeemichi daawwattootaaf banee booda ture.

Hattoonni afur karaa manjalee qaraqaraa lagaatti aanuun,liiftii meeshaalee konkolaataa irratti fe'amee jirutti fayyadamuun gara muuziyeemii Appoolloo jedhamu(Gallery of Apollo)tti seenu.

Suuraaleen bakka sanaa irraa fudhataman akka agarsiisutti liiftii meeshaalee buusuuf konkolaataa irratti fe'amee fayyadamuun gara foddaa daree tokkoffaatti ol ba'u isaanii ni mul'ata.

Hattoota kana keessaa lama meeshaa baatiriidhaan waa muru fayyadamuun foddaa muuziyeemicha muranii seenan.

Sana boodas eegdota doorsisanii, meeshaalee agarsiisaf saanduqaa daawwitii keessa ka'aman lama keessaa hatuun gamoo sana keessaa bahan.

Hattootni kunnen foddaa gamoo tokkoffaa bira ga'uuf kortee konkolaataa irraa jiru fayyadamanii kan turan fakkaata

Madda suuraa, Getty Images

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Muuziyeemicha keessatti sagaleen alarmii kan dhaga'ame yoo ta'u, hojjettoonni nageenya akeekkachiisa kennuu fi nageenya daawwattootaa mirkaneessuuf dursa kennuu kan hordofan ta'uu ibsa ibsi ministeera aadaa biyyatti irraa bahe.

Hattootni kunne konkolaataa ala naannawa Muuziyeemichaa jiranitti ibidda qabsiisuuf yaalan, hojjetaa muuziyeemii tokkon dhaabsifamuu ibsichi dabalee eerera.

Akka suuraa kaamera naannoo ture irraa argametti saamtonni haguuggii fuulaa uffatan ''tasgabbiidhaan'' seenuun meeshaalee agarsiisaa faaya kana qaban cabsuu agarsiisa.

Akka carraa ta'ee yeroo taatee kanaa namni miidhame hin jiru, "jeequmsi uumames hin jiru,'' jedhe ministeerichi.

Hattoonni kun "muuxannoo" kan qaban fakkaatanii fi karoora miliquu sirriitti yaadameakka qaban kan mul'isuus ta'uu ibse

Qorattoonni shakkamtoota afran kana barbaadaa kan jiran yoo ta'u, karaa isaan irra miliquuf deeman irraa suuraa CCTV soqaa jiru.

Hanni kun guutuun "yeroo baay'ee saffisaan" kan raawwatame yoo ta'u, akka ibsa Ministira biyya keessaatti daqiiqaa torbaa gadi keessatti xumurame.

Maaltu hatame?

Faayaa Muuziyeemichaa hataman

Madda suuraa, Louvre Museum

Akka qondaaltonni jedhanitti, meshaaleen saddeet kan hataman yoo ta'u, isaanis Gonfoo mootii, faaya mormaa, faaya gurraa fi kan mataafaa kan dabalatudha.

Meeshaaleen kun hundi jaarraa 19ffaa keessa kan turan yoo ta'u, kan mootummaa Faransaay ykn hoggantoota impaayera yeroo sanaa turaniidha.

Ministeerri aadaa Faransaay akka gabaasetti, meeshaaleen hataman kanneen akka: gonfoo mootiittii fi faaya rifeensa mataa kan mootii Ewugiinii haadha warraa Napoliyoon 3ffaa ture. Faayyi gurraa fi mormaa ammoo kan mootii Mariye Luwiis yoo ta'u, faayi muraasni ammoo kan mootittii Marii-Amelii fi mootittii Hortense irraa argame.

Meeshaaleen kunnin diyaamandiifi dhagaa gati jabeessa adda addaatiin kan miidhagfamanidha.

Gonfoo mootii Ewugiini dabalatee meeshaleen dabalataa lama naannawa sanatti kan argaman yoo ta'u, yeroo baqataa turan sanatti kan harkaa bu'an fakkaata. Yeroo ammaa kana qorannoon taasifamaa jira

ministeerichi meeshaaleen kun meeshaalee ''gatii jabeessaa'' fi '' hambaalee gatii hin madaalamne'' qaban jechuun ibseera.

Kanaan duras hanni walfakkaataan raawwatamaa turee?

Bara 1911tti hojjetaan muuziyeemii Xaaliyaanii tokko fakkii yeroo sanatti baay'ee beekamaa hin turre Moonaa Liizaa dallaa galma muuziyeemichaa irraa erga fudhatee booda, kootii isaa jalatti dhoksee bahuu danda'eera.

Fakkin kunis waggaa lama booda kan argame yoo ta'u, namni hate kun boodarra hojiin guddaan Leenaardoo da Viinnchii Xaaliyaan keessa ta'uu qaba jedhee amanuun akka deebise himate.

Guyyoota kanarraa eegalee carraan fakkiin Mona Lizaa fudhatamu akk xiqqaatu ta'uun, fakkiin kun tarii kuusaa muuziyeemichaa keessaa isa beekamaa taʼuun bakka eegumsa olaanaa qabu keessatti fannifamee jira.

Bara 1998tti fakkiin Le Chemin de Sevres kan fakkii jaarraa 19ffaa Kaamiil Koorootiin hojjetame hatamee hanga yoonaa argamee hin beeku. Taatee kun nageenya muuziyeemii irratti fooyya'iinsa guddaa fide.

Dhiheenya kanas hanni muuziyeemota Faransaay irratti xiyyeeffate biroo ka'aa jira.

Ji'a darbe hattoonni Muuziyeemii Adriyen Dubowuche Limoges keessa jiru cabsanii seenuun meeshaalee gatii naannoo yiuuroo miiliyoona 9.5 ykn doolara miliyoona 11tti tti tilmaamamu hataniiru.

Sadaasa bara 2024tti meeshaaleen gatii seena qabeessaa fi aadaa guddaa qaban torba Muuziyeemii magaalaa guddoo biyyattii keessatti argamu Cognacq-Jay irraa fudhatamaniiru. Isaan keessaa shan guyyoota muraasa keessatti deebi'aniiru.

Ji'uma sanatti saamtonni hidhatanii Muuziyeemii Hiheron Burgundy seenuun dhukasa banuun, hojiiwwan aartii jaarraa 20ffaa kan maallaqa miliyoonaan lakkaa'amanitti tilmamamu fudhatanii miliquu danda'aniiru.