Dubartoonni Afrikaa Kibbaa miidhaa saalaa irratti mormiin guutuu biyyattiitti akka gaggeeffamu gaafatan

Madda suuraa, AFP via Getty Image
Gareen mirga dubartoota Afriikaa Kibbaaf falmaan miidhaan saalaa dubartoota irratti raawwatamu balaa biyyaalessaa ta'ee akka labsamu gaafachuuf mormiin guutuu biyyattii akka gaggeeffamu gaafachaa jiru.
Gareen mormii guutuu biyyattii akka gaggeeffamuuf ifatti waamicha dhiyeessan kunneen sochii kana miidiyaa hawaasaa irratti eegalaniiru.
Mormiin kun yaa'iin G20 Afrikaa Kibbaa Johaannesbargitti gaggeeffamu osoo hin jalqabin dura kan gaggeeffamuuf karoorfame yoo ta'u, miidhaan saalaa dubartoota irratti raawwatamu dhimma addunyaa akka ta'u dhiibbaa gochuufi
Namoonni beekamoo, aktiivistootni fi lammiilee hedduun suuraa piroofaayilii miidiyaa hawaasaa isaanii gara haalluu siddisaa (Purple)fayyadamuun sochii kanatti makamuun deeggarsa isaanii agarsiisaa jiru.
Halluun sun akka mallattoo sochii miidhaa saalaa mormuufi yeroo baayyee hubannoo miidhaa Saalaa waliin walqabatu uumuu waliin akka wal qabatutti ilaalama.
Afrikaan Kibbaa biyyootahaleellaan saalaa baay'inaan itti raawwataman keessaa tokko.
Akka Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii jedhutti Afriikaa Kibbaatti dubartoonni ajjeefaman giddu galeessan kan addunyaa irraa dachaa shaniin ol ta'aa jedha.
Bara 2025tti dubartoonni 137 ajjeefamaniiru, kanneen 1,000 ol ta'an ammoo gudeedamaniiru jedha ragaan yakka biyyattii.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Akeekkachiisa: Gabaasni kun ibsa miidhaa saalaa of keessaa qaba
Jimaata har'aa dubartoonni kabaja dubartoota biyyattii keessatti ajjeefamaniif jecha gara hojii ykn mana barumsaa deemuu irraa akka of qusatan akkasumallee sa'aatii walakkaattii 12:00 (10:00 GMT daqiiqaa 15f miidhaa saalaa dubartoota irra gahe akka yaadatan gaafatamaniiru.
Qindeessitootni sochii kanaa dubartoonni "gaddaa fi mormii" agarsiisuuf uffata gurraacha akka uffatan kakasaa jiru.
Sochiin kun mormii Dubartoota cufiinsa G20 jedhamuun kan moggaafame yoo ta'u, garee Dubartoota Jijjiiramaaf jedhuun kan qindaa'aa jiruudha.
Namoonni miliyoonni tokkoos ol iyyannoo mootummaan miidhaa saalaaf deebii kennu akka cimsu gaafatu mallatteessaniiru.
Dhaabbanni bulchiinsa fi to'annoo balaa biyyattii haleellaa koorniyaa irratti hundaa'e yaada akka balaa biyyaalessaa ta'ee labsamuuf dhiyaate kuffiseera, kunis ulaagaa seeraa keessa hin seenu jedheera.
Pirezidaantiin Afrikaa Kibbaa Siiriil Raamaafoosaan walgahii kana dura dhimmoota hawaasummaa irratti hoggantoota G20f haasawa taasisaniin, biyyattiin jeequmsa saalaa fi ajjeechaa dubartootaa bara 2019 labsii balaa biyyaalessaa ta'uu ibsaniiru.
Garuu aktivistoonni wanti jijjiirame waan xiqqoo ta'uu fi ammallee mootummaan tarkaanfii dabalataa akka fudhatu barbaadu.
Dubbi himtuun Dubartoota Jijjiirama Kaameroon Kaasambalaa "seerotni fi labsiiwwan gaariin hedduun" hojiirra osoo jiranii mootummaan "hojiirra hin oolchinee fi iftoomina dhabuun jira" jedhu.
''Miidhaa koorniyaa qaama aadaa keenyaa gooneerra.Jijjiirama arguu kan jalqabnu gaafa mootummaan tarkaanfii fudhatu qofa. Biyyi eessa akka dhaabbattu kan murteessu mootummaadha,'' jetti.
Weellistuun badhaasa Giraamii injifatte Taayaan namoota sochii kana deeggaruuf mallatteessan keessaa tokko.
Weellistuun badhaasa Graamii injifatte Taayilaan namoota beekamoo fi lammiilee kumaatamaan lakkaa'aman waamicha kana duuba hiriiranii piroofaayilii miidiyaa hawaasaa isaanii jijjiiran keessaa tokkodha.
Barsiistuun lammii Afrikaa Kibbaa tokko sochii kana irratti hirmaachuuf hojii irraa boqonnaa fudhattee gara Johaannesbargi imaltee akka turte BBC'tti himteetti.
Sochiin kun tarkaanfii miidhaa saalaa "hir'isuu" ta'uu amanu.
Dubartoonni tokko tokko sochii kana keessatti hirmaachuuf gaafa gaafatan hoggantoota isaanii irraa deebii gaarii akka hin argannes dubbataniiru.
Sochii 'Girls on Fire' jedhamu kan jalqabde dubartiin Nat Oxley jedhamtu akka jettutti dubartoonni meeshaan miidhaa isaanirra gahu ofirraa ittisuu qabu jetti.
Afriikaa Kibbaatti hayyama baafatanii meshaa waraanana ittiin miidhaa ofirraa ittisan bitachuun seera qabeessa.
Dubartoonni sochii isheen Net'f jalqabde keessatti hirmaatan irra caalaan isaanii gudeedamaniiru, rukutamaniiru, saamamaniiru.
Dubariin Pirudensi jedhamtu kan bara 2022 erga gudeedamtee booda garee kanatti makamte. "iyye, boo'e, na dhiisi jedhee kadhadhee garuu inni garaa naaf hin laafne ture," jetti
Akkasumas saamudi jeneetikii erga gudeedamtee booda fudhatame waan badeef dhimmi ishee mana murtiitti akka kufe ibsiti.
"Rakkoon jiru kan poolisii qofa osoo hin taane, kan biyyattii guutuudha," jechuun BBC tti himte dubartiin kun.
Miseensonni sochii kanaa qawwee dhukaasu kan baratan yoo ta'u, akka ''furmaata dhumaa''tti akka ilaalamus kan Liynette dubbattu
"Qawweedhaan ofirraa ittisuu qofa miti. Dubartoonni callisuu dhiisanii akkaataa waa'ee ofii isaanii itti yaadan akka jijjiiran nan barbaada. Lola kana yoo mo'achuu baatanis yoo xiqqaate falmuu qabu."jetti















