Huutiin dhalattuu Itoophiyaa sagaggalummaan himatee waggoota shaniif hidhe gadhiise

Madda suuraa, INTISAR AL-HAMMADI
Finciltoonni Huutii moodelii hiddi dhlootaashee Itoophiyaa ta'e sagaggalummaan himachuun waggoota shaniif mana-hidhaa tursiise gadhiise.
Abokaatoshee Kaalid al-Kamaal fi maddi qama nageenyaa tokko AFPtti akka himetti, Moodel Intisaar Hammadii kaleessa galgala gadhifamtee yeroo ammaa kana manashee jiti.
Intisar al-Hammadii shamarree Yaman umriin ishee ganna 23 yoo taatu, moodeliifi taatoo filmiiti.
Intisar haatii ishee lammii Itoophiyaa yoo taatu, abbaan isheemmoo lammii Yamaniiti.
Shamarreen kun Guraandhala 2021 Sanaa keessatti osoo gara bakka suura ka'uuf karoorfatte deemaa osoo jirtuu ture kan to'atamte.
Abukaatoon ishee akka jedhutti, konkolaataan magaalaa Sanaatti namoota biroo sadii wajjin otoo imaltuu finciltoota Huutiin ture kan qabamtee hidhamte.
Yakka sagaggalummaa, qoricha nama si'eessu jedhaman ykn sammuu adoochan fayyadamuufi ejjaan himatamtee ture kan waggaan shan itti murtaa'e. Abokaatoon isheefi gareen mirgoota namoomaaf falman garuu himannaawwan Intisaar irratti dhiyaate kana sobaa fi walabummaa dubartootaa ukkaamsuuratti kan xiyyeeffatedha jedhu.
"Intisaar dhiibbaa isheerra ga'erraan kan ka'e dhibee gara garaaf kan saaxilamteefi haalli fayyaashee hammaatee ture," jedha abokaatoon ishee kun.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Bara 2021 keessa ammoo Intisaar lubbuushee balleessuuf yaaltee akka turte dubbatu gareen mirgoota namoomaf falman.
Intisar Hammadii suurawwan gara garaa hedduu uffata aadaa uffattee, jiinsii ykn jaakkeettii leezerii uffattee, shaarbbii/haguuggannaa Islaamaa godhattee, akkasumas osoo hin godhatiin toora interneetiirratti maxxansaa turteetti.
Miidiyaa hawaasaa Instagram fi Facebook irratti hordoftoota kumaan lakkaa'aman qabdi.
Otoo namoota biroo wajjin wal hin argiin guyyoota 10'f addatti fo'amtee hidhamteetti.
''Bilbilli ishee irraa fudhatame, hojiin moodelii ishee akka naamusa cabsuutti ilaalamuun qondaaltoti Huutii akka dubartii sagaagaltuutti fudhatan,'' jedhe abukaatoon ishee.
Akka Huumaan Raayitis Waach (HRW) jedhutti, Intisaar Hammadii waggoota afuriif moodelii ta'uun kan hojjette yoo ta'u, diraamaa TV Yamanii lamarrattis taatoo taatee hojjetteetti.
Aministii Internaashinaal akka jedhatti ammoo, Intisaar Hammadii akkuma qabamteen "fuulli xaxamee/haguugamee qoratamaa turteetti, miidhaan qaamaafi qoor-qalbiinis irratti raawwatameera, akkasumas arrabsoon sanyummaas irratti raawwatameera.
Kana malees, qoricha sammuu nama doochu fayyadamuufi sagaggalumaa keessatti akka hirmaachuu dabalatee yakkawwan baayyee akka raawwatte akka 'amantus' dirqisiifamteetti.
Yaman keessatti, keessumaa bakka to'annoo Huutii jala jiru keessatti miidhaan dubartootarrati raawwatamu bara 2014 erga Yaman wal waraansaatti seentee kaasee akkaan dabaleera.
Dhaabbanni Biyyota Gamtoomanii Yaman keessatti haalli dubartoonni keessa jiran gidiraa hamaa akka ta'e ibseera.
Huutiin bara 2015 irraa kaasee waraana Yaman keessatti mootummaa biyyattii sadarkaa idil-addunyaatti beekamtii qabuun loludha.















