Bu'aa qorannoo haaraa qaccee Hiitleer falmisiisaa ta'e

Madda suuraa, Getty Images
Qorannoon saayinsaawaa garee ogeeyyii idil-addunyaan adeemsifame kun jette jetteewwan 'Hitlar sanyii Jeewish fi dhibee guddina qaama saalaa miidhu qaba ture' jedhaniif deebii kan laatedha.
Qorattoonni akka jedhanitti Hiitler cidhaan tokko qofa ture. Dabalataan ammoo dhibee guddina qaama saalaa dhorku Koolman Siindiroom jedhamu qaba ture.
Dhibeen kun akka qaamni saalaa isaa hin guddanne waan godhuuf qaamni saalaa Hiitler baay'ee xiqqoo ture jedhu qorattoonni.
Qaamni saalaa isaa iinchii lama ykn seentimeetira shanii gadi kan jedhan jiru. Kun hundi qorannoo DNA isaa irratti gaggeeffame irraa kan argame akka tahes himaniiru.
Dhibeen kun akka dargaggummaan itti hin dhagahamne godha. Hoormoonii kanaaf gargaaru akka hin uumamne ykn miira sana keessa hin galle godha jedhu qorattoonni.
Fuula irratti rifeensa xiqqoo qabaachuu fi dubartoonni akka yeroodhaan laguu isaanii hin argine gochuus danda'a jedhu.
Dhibeen kun dhiirota 30,000 tahan keessaa nama tokko irratti carraa argamuu qabas jedhan.
Hiitler ijoollee tokkoyyuu hin qabu. Namni mucaa isaati ejdhee ifatti galmaa'eerus hin argamne.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Haadha warraa isaa yeroo Waraana Addunyaa Lammaffaa dahoo [mishigii] keessatti of ajjeesan waliin wal fuudhaniis yeroo dheeraa hin turre.
Wal fuudhanii sa'aatii 40 caalaa osoo waliin hin turiin lameenuu bakka tokkotti of ajjeesan jedhu qorattoonni.
Dookimantariin waa'ee DNA Hiitler himu erga argisiifamee gaaffiiwwan adda addaas irratti ka'aniiru.
Akka argannoon qorannoo kanaa agarsiisutti Adoolf Hitlar sanyii Jeewish kan hinqabne yemmuu ta'u, rakkoolee fayyaa akka otizimii, dhibee sammuu shizofireeniyaafi miira gaddaafi gammachuu olaanaa to'achuuf rakkachuuf (bipolar disorder) saaxilamummaa olaanaa akka qabus qorattoonni himaniiru.
Garuummoo 'Adoolf Hitlar rakkoolee fayyaa kunneen qaba ture jechuu miti' jedhu qorattoonni qorannicha adeemsisan.
Bu'aan qorannoo adeemsifameerratti sagantaan televiziyoonaa 'Hitler's DNA: Blueprint of a Dictator' jedhu kan qophaa'e yemmuu ta'u, dhimma loogii fi naamusaan walqabatee qorannicharratti qeeqawwan dhiyaachaa jiru.
Dhimma 'qorannichi mataasaatiin adeemsifamuu qaba turee?' jedhurrattis gaaffin ka'eera.
Qorrannicha ilaalchisee "Dhimmicharratti dhiphachaan ture" kan jedhan Professar Turi King, qorannicharratti akka hirmaatan yemmuu afferamanitti, falmiiwwan qorannichaan walqabatanii dhufuu malan yaadanii akka turan BBC'tti himaniiru.
Haa ta'u malee qorannoon kun nama biraatiin yeroo biraatti adeemsifamuu waan hin oolleef yoo xiqqaate qorannichi karaa naamusaafi sadarkaasaa eeggateen akka adeemsifamuuf irratti hirmaachuu dubbatan.
Huccuu Dhiiga tuqe
Huccuun dhiigni tuqefii dhiigichis kan Adoolf Hitlar akka ta'e amanamu waggoota 80 dura ture teessoo soofaa inni taa'aa ture irraa murame kan olkaawwame.
Xummuramuu Waraana Addunyaa 2ffaa hordofee humnootiin Michuu (Allied Forces) wayita magaalaa Barlin to'achaa jiranitti miseensi raayyaa Yunaayitid Isteetis, Koloneel Roswell P. Rosengren dawoo lafa jalaa Adoolf Hitlar itti of ajjeesse keessaa huccuu dhiiga Hitlar irratti dhangala'e akka goonfootti muratee fudhate.
Huccuun kun yeroo ammaattis US keessa God-hambaa Seenaa Geetsbarii keessatti agarsiifamaa jira.
Saayintistoonnis dhiiga huccuu kanarra jirurraa samuuda fudhachuunfi samuuda kiromozoomii-Y qaccee sanyii (DNA) nama fira Hitlar ta'erraa waggaa 10 dura fuudhameen walbira qabanii ilaaluun dhiigni huccuurra jiru kan Hitlar ta'uusaa amanan.
Itti aansuunis qorattoonni waggota afuriif DNA Hitlar xiinxalan. Saayintistoonni kunis qorannoo isaanii kanaan oduu bara 1920 eegalee 'Hitlar sanyii Jeewish qaba' jechuun adeemaa ture soba ta'uu mirkaneessuu himan.
Kana malees Hitlar rakkoo qaccee sanyii 'Kallmann syndrome' jedhamufi guddina qaama hormaataa danqu akka qabus himaniiru.
Yunivarsiitii Postdam keessatti barsiisaa kan ta'an Dr. Aleks Kay, "qorannoon kun waa'ee jireenya dhuunfaa Hitlar waan baay'ee nutti hima, Hitlar jireenya dhuunfaa hinqabu ture" jedhu.
Sababa Adoolf Hitlar siyaasatti cicheef ilaalchisee hayyoonni seenaa wal falmaa kan turan yemmuu ta'u, argannoon ammaa kun falmichaaf deebii kennuu akka danda'us barsiisichi himu.
Gama biraatiin argannoowwan qorannichaa keessaa dhimmi walxaxaafi falmisiisaa ta'e argannoo fayyaa sammuu Hitlar waliin walqabatudha.
Qorattoonni kiromozoomiiwwan Hitlar samuuda namoota biroo waliin walbira qabuun kan qoratan yemmuu ta'u, Hitlar rakkoolee fayyaa akka otizimii, ADHD, dhibee sammuu shizofireeniyaafi 'bipolar disorder' saaxilamummaa olaanaa akka qabu himan.
Haa ta'u malee qorannoon kun samuuda Hitlar kan namoota biroo waliin walbira qabuun kan adeemsifame ta'uusaatiin bu'aan argamu amansiisaa ta'uu dhiisuu mala.
Kanaafis xiinxalli adeemsifame saaxilamummaa qabaachuusaa agarsiisuus rakkoolee fayyaa eeraman 'qaba' jechuu akka hintaane qorattoonni himaniiru.

Madda suuraa, Gettysburg Museum of History
Gama biraatiin xiinxalli qorattootaa kun namoota rakkoolee fayyaa kunneen qaban irratti loogii fiduu mala jechuun kunneen qorannicha qeeqanis jiru.
Yunivarsiitii Kaambiriijitti Daayrektara Giddugala Qorannoo Otizimii kan ta'an Profeesar Saayiman Baaron-Kohen, "qorannoo qaccee sanyii akkanaa ilaaluun loogiin mudachuu danda'a" jedhu.
Dabaluunis "namoonni 'rakkoon fayyaakoo nama gochaa hamaa raawwatee walin hidhata qabaa?' jechuun ofgaafachuu danda'u" jedhan.
Gama biraatiin Hawaasni Otistikii Biyyaalessaa Yunaayitid Kingidam qorannicharratti deebii hatattamaa kan laate yemmuu ta'u, "gochaa bushaa'aa xiyyeeffannoo argachuuf raawwatame" jechuun sagantaa dokumantarii qorannicha ilaalchisee qophaa'e qeeqe.
Dhaabbatichatti daayrektara gargaaraa dhimma qorannoo kan ta'an Tim Nikools, "Qorannichi qulqullina gadi aanaa kan qabu ta'uusaan dabalataan miira namoota otizimii qabanii ilaalcha keessa galchuu dhabuusaatiin gaddineerra" jedhan.
Yaaddoo kana ilaalchisee BBC'n yaada dhaabbata televiziyoonaa 'Channel 4' fi dhaabbata dokumantaricha hojjete Blink Films' gaafateera.
Dhaabbanni 'Blink Films', amalli nama tokkoo bu'aa qaccee sanyii qofa osoo hintaanee haala guddinaa, haala naannoo, barnootafi aadaa hawaasa keessatti guddaterratti kan hundaa'u akka ta'e hayyoota saganticharratti hirmaatan wabeffachuun eere.
'Channel 4' gama isaatiin hojiinsaa "sagantaawwan daawwattoota heddu bira gahan hojjechuufi yaadawwan saayinsaawaa walxaxoo ta'an akkasumas qorannoo seenaa daawwattoota hunda biraan gahuu" akka ta'e hime.
Gaafilee naamusaa
Dhimma naamusa qorannoon walqabatee pirojektii qacceen sanyii Adoolf Hitlar itti qoratamerratti gaafileen ka'aniiru.
Heeyyama Hitlar yookiin nama isa waliin firooma dhiigaa kallattii qabu osoo hinargatin DNA'n Hitlar qoratamuu danda'aa? Kan jedhus gaafii isa tokko.
Gaafii kana yeroo deebisan hayyuu seenaa kan ta'an Subhadra Das, "kuni wanta saayintistoonni hojjetani" jedhu.
"Namoonni yeroo dheeraa dura du'anfi samuudni DNA isaanii qoratame heddutu jiru. Kuni saayinsiifi arkiyoloojii keessatti wanta baramedha. Garuummoo xiinxala bu'aa qorannichaaf kennamutu rakkoo uumuu danda'a" jedhan.
Qorataan seenaa inni biraan Dr. Kay immoo "hanga qorannichi dhugaa qabuttifi karaa sirrii ta'een adeemsifametti" dhimmi naamusaa yaaddessaa akka hintaane himan.
Haa ta'u malee laaboraatooriiwwan ardii Awurooppaa keessatti argaman heddu pirojektii qaccee sanyii Hitlar qo'atee kanarratti hirmaachuuf didanii turan. Qorannichis laaboraatoorii US keessatti argamu keessatti adeemsifame.
Dabalataan kunneen dokumantaricha hojjetan qorannichi, 'adeemsa gamaggama naamusaa idilee' keessa darbuun kan hojjetame akka ta'es himaniiru.

Madda suuraa, Getty Images
Gaafii 'qorannoon kun adeemsifamuu qaba turee?' jedhu ilaalchisee BBC'n qorattoota qaccee sanyii fi hayyuulee seenaa heddu waliin gaafif deebii taasiseera. Deebiin kennames namaa namatti gargari.
Hayyuuleen qorannicharratti hirmaatan, qorannichi adeemsifamuun sirrii ta'uu kaasu. Sababnisaas qorannichi eenyummaa Hitlar baruu keessatti gumaata guddaa akka qabaatu himu.
Haa ta'u malee qorattoonni yaada faallaa kanaa qabanis ni jiru.
Isaan keessaa tokko kan ta'anfi Yunivarsiitii Utrecht'tti gargaartuu pirofeesaraa kan ta'an Dr. Iva Vukusic, qorannoon DNA Hitlar irratti taasifamu sababoota gochaalee Hitlar duuba jiran baruu akka hin dandeesisne himu.
Gama biraatiin qorannichi xummuramee qorattoota biroon gamaggamamaa kan jiru yemmuu ta'u, bu'aan qorannoo guutuu gara fulduraatti akka ifoomu eegama.
Qorataa seenaa kan ta'anfi dokumantaricha keessatti kan hirmaatan Pirofeesar Toomaas Weber, qorannichi "bifa of eeggannoon guutameen" faayidaarra ooluu akka qabu himu.
Dr Kay gama isaaniitiin, namoonni waa'ee argannoo qorannichaa yemmuu barreessanitti ofeeggannoon ta'uu akka qabu kan himan yemmuu ta'u miidiyaalenis dhimmicha yemmuu gabaasan ofeeggannoo gochuu akka qaban dubbatan.
Dabalataan namni dokumantarii kana daawwatan wanti isaan barreessan kunneen rakkoo fayyaa sammuu qaban loogiif akka hin saaxilleef waa'ee dhimmichaa bifa sirrii ta'een barreessuuf itti akka qabanis Dr. Kay himaniiru.





![Ministira Dhimma Alaa Itoophiyaa Dr Geediyoon Ximootiyoos [bitaa] fi Yemaanee G/Masqal, Ministira Odeeffannoo Eertiraa](https://ichef.bbci.co.uk/ace/ws/660/cpsprodpb/97fa/live/520df6b0-c2a3-11f0-ae46-bd64331f0fd4.jpg.webp)









