Koobii Maayinuu Maanchister Yuunaayitidii bahuufi

Taphoota lamaan jalqabaa Piriimer Liigii darban irratti carraa taphaa daqiiqaa tokkoo kan hin arganne taphataan Maan Yuunaayitid, Koobii Maayinuu kilebicha keessaa bahuu barbaada jedhame.

Ruuben Amoorim ifatti yaada yoo kennan, Koobiin taphataa cimaadha, garuu bakka isaaf Buruunoo Fernaandes waliin wal dorgoma jedhe.

Amoorim dursaa taphattootaa Buruunoo waan taa'umsa jijjiirraa irra kaa'u hin fakkaatu. Tapha Fuulham irratti gahumsi isaa gadi bu'ullee jijjiiramee hin baane.

Maayinuun bara 2023-24 keessa taphoota 32 Maan Yuunaayitidiif taphate. Galchiiwwan shan Yuunaayitidiif lakkoofsise. Yeroo sana ija addunyaa keessa gale.

Maayinuu taphataa ol adeemaa jabaa Maan Yuunaayitid irratti hirkatu tahus Amoorim jalatti garuu gaheen isaa xiqqaataa dhufe.

Bara darbe walumaagalatti taphoota 37 irratti hiriiree taphateera. Miidhama salphaa isa mudatee fi jijjiirraa taphattootaa Amoorim taasisaniin carraa taphaa isaa xiqqaataa dhufe.

Bu'aa akkaadaamii Maanchister Yuunaayitid kan tahe Maayinuun dhuma torban kanaa irratti ergisaanis tahe dhaabbiin Yuunaayitid keessaa bahuuf edha qabaachuu himame.

Liidsi Yuunaayitid Maayinuu ergisaan fudhachuuf fedha qaba. Taphataan Liidsi Etaan Ampaaduu miidhamnaan leenjisaan kilebichaa Daani'eel Faark ija isaanii gara Maayinuutti deebisaniiru.

Yuunaayitid rakkoo taphataa sarara gidduu qaba. Kaazemiiroo, Ugaartee, Maayinuu fi Buruunoo qabatee garuu sarara gidduu kilebichaa ammayyuu mdaallii sirrii tahe hin arganne.

Fernaandes bakka isaa malee taphata. Kaazemiiroon umuriin isaa dabalaa waan dhufeef saffisa barbaadamu hin qabu.

Maayinuun maanchister Yuunaayitid keessatti torbaniin miindaa paawondii 25,000 argata. Kontiraanni kilebicha wlaiin qabu ammoo waggaa lama qofatu hafe.

Yuunaayitid Maayinuuf kontiraata yeroo dheeraa kennuuf osoo marii irra jiruu daarikterri kilebichaa waan jijjiiramaniifachumarratti dhaabbate.

Maayinuun miindaa torbanitti paawondii 150,000 tahu barbaada. Yuunaayitid garuu miindaa haga kanaas kaffaluu hin barbaadu.

Cheelsiin taphataa isaa Nikoolas Jaaksan Baayern Muunikiif ergisa kennuuf waliigalteerra gahe.

Taphata sarara ittisaa Maan Siitii Maanu'eel Akaanjii mallatteessisuuf Kiristaal Paalaas paawondii miliyoona 15 dhiyeesse.

Taphataan maanchister Yuunaayitid Rasmas Hooyilaandi Naappoolii galuuf kileboonni lameen wlaiin dubbataa jiru.

Hooyilaandi yoo Naappoolii gale miindaan isaas akka dabaluufii himameera.

Liiverpuul Aleekaander Isaakiif gatii rikardii Biriiten tahe dhiyeessa jedhamee eegama.

Leenjisaan Niwkaasil Eedii Haw fi abbaa qabeenyaa kilebichaa Jeemii Ruuben hoggantoota kilebichaa kaan waliin tahuun manuma deemuun Isaak waliin mari'atan.

Niwkaasil keessa turuun garee Edii Hawutti akka makamuuf gaafatan. Kilebichi taphataa jabaa bakka isa bu'u hin arganne.

Kanaaf Isaak bara kana akka turu barbaadu. Haga ammaa qofaatti shaakala hojjechaa kan ture Isaak garee Niwkaasil waliin ganna kana shaakala homaa hin hojjenne.

Maan Siitiin karra eegaa PSG Jiyaanluujii Doonaarumaa mallatteesisuuf wlaiigaltee xumuraa irra gahaa jira.

Arsenaal Kiwooriin Poortootti gurguruun, taphataa sarara ittisaa Baayern Liiverkusan Hinkaappee jedhamu mallatteessisuuf waliigale.