Jijjiirraa Haari Keen, Maawunt, Meesi, Moriinoo, Mooyes, fi Mak Alistar ilaalchisee maaltu odeeffamaa jira?

Oduu jijjiirraa taphattootafi leenjistoota kilabootaa ilaalchisee kanneen odeeffaman keessaa tokko jifataa Tootinaam kan ta'e Haari Keenidha.

Haarii Keen, ganna 29 kan guute, jifataa cimaa Paaris Seent Jarmeen ta'a jedhee kan odeesse barruu Faransaayi Le Parisiendha.

Football Insaayidar boordin kilaba Liivarpuul tapahataa sarara gidduu Chelsii kan ta'e Maason Maawunt fudhachuudhaf qophaa'era jedhee barreesse.

Maason tapahataa collee reefu ganna 24 guutedha.

Joosee Moriinon ammoo bara ittaanu leenjisaa kilaba Paaris Seent Jarmeen ta'a jedhee kan gabaase RMC Sportdha.

Joosen kilaboota Awurooppaa gurguddoo leenjisuun kan beekameefi waancaa heddu fudhachuun nama milkaa'edha.

Yeroo ammaa kilaba Weest Haam leenjisaa kan jiru Deevid Mooyes ammoo barana kilabicha gadi lakkisuun isaa hin oolu jedhamee odeeffama.

Leenjisaa Kiritaal Paalas kan ta'e Rooyi Hodsan barana kilabicha akka turu barbaadama kan jedhemmoo Telegiraafidha.

Astonviiladhaa kan gaggeeffame Isteevin Jeerard leenjisaa kilaba Giriikii Olompiyaakos ta'uufi oduun jedhus dhagahameera.

Taphataa sarara gidduu kilaba Biraayitan kan ta'e Aleeksis Mak Alistar ija Maan Yunaayitidfi liivarpuul keessa lixeera.

Arsenaal taphataa kana fudhachuuf mariin jalqabe ija hin godhanne jedhama.

Gama biraan Yunaayitid karra eegaa isaa David de Gea waliin walii galtee haaressuuf fiixerra gaheera.

Kilabni Saawuzamtan Pirimerliigii Ingiliz keessaa yoo gadi bu'e taphataa isaa sarara gidduu Jeems Waard "deemuf qophaa'i" jedheenira jedhame. Tootinaam, Weest Haamfi Niwu Kaasil Jeems Waard fudhachuuf fedhii qabu.

Liyoonel Meesin ammoo kilaba isaa durii Baarsatti deebi'uufi kan jedhus odeeffamaa jira. Meesin amma Paaris Seent Jermenis jifataa ta'ee taphataa jira.