Hezbollaan rookkeettiifi diroonii 200 ol Israa'elitti dhukaase

Hezboollaan rookkeetii Israa'elitti dhokaase

Madda suuraa, EPA

Gareen hidhattootaa Leebaanos Hezboollaan ajjeechaa ajajaa olaanaa isaa tokkootiif deebii kennuuf jecha kaaba Israa'el irratti rookkettiiwwaniifi dironii 200 ol dhukaase.

Waraanni Israa'el ammoo, qondaaloota isaa keessaa tokko balaa ibiddaa bakka baayyeetti babal'ate kanaatiin du'uu himeera.

Waraanni kunis deebii kennuudhaaf “caasaa waraanaa” Hezbollaah fi bakka biroo kan kibba Libaanos keessatti argamurratti xiyyeeffachuu himeeraa.

Miidiyaaleen Libaanos akka gabaasanitti, haleellaa diroonii Israa’el magaalaa Howulaa keessatti raawwateen namni tokko du’e.

Haleellaa dhiheenya Roobii waaree booda rookkeetota 100 of keessaa qabu hordofee, erga baatiiwwan sagal darbaniitii kunis haleellaa daangaa qaxxaamuraa guddicha hanga ammaatti ta’an keessaa tokko yoo ta’u, haalichis Israa'elifi Hezbollaan waraana guututti galchuu mala sodaa jedhu uume.

Ajjeechaan ajajaan Hezbollaa, Mohaammad Nimah Nasser, kan haleellaa qilleensaa Israa’eliin naannoo magaalaa kibba Libaanos Taayireetti raawwates, ajajoota olaaloo garee kanaa halellaa Israa'elin ajjeefaman keessaa tokko.

Waraanni Israa’el akka jedhetti, Naasir kan Hezbollaa kutaa Aziiz ajaju, kibba dhiha Libaanos irraa rookkeettii furguggisuuf itti gaafatamummaafi “haleellaa shororkeessummaa baay’ee” dursaa akka ture himatte.

Akkasumas ajajaan kutaa biraa ji’a darbe keessa ajjeefamuunsaa Hezbollaan guyyaa tokkotti rookkeettii fi misaa’ela 200 ol gara kaaba Israa’elitti akka dhukaasu taasise, Taleb Saami Abdullah “fakkaataa” jechuun ibseera.

Ajjeechaa qondaal kanaatiif Israa'el keessa eddoo biraa haleeluuf dhaadtan

Madda suuraa, Reuters

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Erga waraanni Onkoloolessa 7 Gaazaatti jalqabame irraa eegalee daangaa Israa’elii fi Libaanos irratti guyyaa guyyaan wal jijjirraan dhukaasa ni mul’ata.

Hezbollaan garee Filisxeen kanneen Iraaniin deeggaraman bira dhaabbachuuf socho’aa akka jiru ibseera. Gareen lamaan kunneenis Israa’el, UK fi biyyoota birootiin akka dhaabbilee shororkeessummaa farrajamaniiru.

Hanga ammaatti Libaanos keessatti namoonni 400 ol ajjeefamuu kan gabaafame yoo ta'u, harki calaan isaanii loltoota Hezbollaa fi namoota 25 Israa’el keessatti ajjeefaman keessaa ammoo, irra caalaan isaanii loltoota.

Ministirri Mummee Israa'el Beenjaamiin Netaaniyaahuun kaaba Israa'el keessatti nagaa deebiisuu waadaa seenan.

"Duula cimaa Libaanos irratti taasifneen qajeeltoo tokko kaa'annee jirra. innis- namni nu miidhe nama du'eedha kan jedhuudha. Sana qabatamaan dhugoomsaa jirra," jechuun Kamisa darbe dubbataniiru.

Walitti bu'insi kunis namoota kuma kudhaniin lakkaa’aman hawaasa daangaa kaaba Israa’elii fi kibba Libaanos irraa akka buqqa’an taasiseera.

“Deebiin ajjeechaa hogganaa jaallatamaa Haajj Abu Nimaah [Naasser]... halkan edaa saffisaan eegale,” jechuun ture qondaalli olaanaa Hezbollaa Haashim Saafeddiin sirna awwaalcha Naasser kan Kamisa darbe Beerutitti raawwatame irratti kan akeekkachiisan.

“Tartiiba haleellaa kunis iddoowwan haaraa diinni ni rukutama jedhee hin yaadne irratti xiyyeeffachuun itti fufa.”

Dubbi himtuun humna nagaa eegsisuu Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Libaanositti argamu, Unifil, amma waljijjiirraan dhukaasaa kun gara daangaa gama lamaankeessa galuun babal’achaa jiraachuu ibsuun, Israa’elii fi Hezbollan lamaa isaanituu akka of qusataniif waamicha taasifte.