Yirgaacaffeetti shakkamaan gaawonii eebbaa hate osoo uffataa jiruu qabame

Madda suuraa, W/K/aanaa Yirgaacaffee
Yirgaacaffeetti shakkamaan gaawonii eebbaa fi wantoota biraa hate tokkoo osoo gaawunicha uffatuu to'atamu poolisiin BBC'tti hime.
Taateen kun Fulbaana 8 , 2022 Godina Geediyoo magaala Yirgaacaffee keessatti raawwate.
Guyyaa kana barataan Kolejjii Kaayizan magaala Diillaatti eebbifame eebbasaa xummuree gara maatiisaa kan Aanaa Yirgaacaffeetti argamanitti imala eegale.
“Diillaatti eebbifamee maatiisaa bira sagantaan waan tureef gara naannoosaa Yirgaacaffeetti deemaa osoo jiruu ‘shaanxaan’ isaa naannoo buufata konkolaataatti hatame,” jedhan qondaalli poolisii BBCn dubbise.
Korojoo miidhamaa keessa gaawuniin eebbaa, abaaboon, waraqaan ragaa barnootaafi kitaabileen akka turan kan himan Ajajaan Poolisii Yirgaacaffee Inispeektar Fiqaaduu Sisaay, korojoon kun shakkamaa Yishaaq Birhaanuun hatamuu himan.
“Erga hatee boodas mana daadhii fudhatee deeme. Achitti shaanxaa keessaa baasee gaawunicha osoo uffachaa jiruu eeruu nu qaqqabeen hordofnee to’anne,” jedhan Inispeektarichi.
“Inni gaawonii ta’uusaa hin beekne. Waanta biraa itti fakkaateeti kan hate,” jedhan.
Gama biraatiin shakkamaan Yishaaq Birhaanuu jedhamu kunis naannoo Kibbaa godina Geediyoo jiraataa aanaa Wanaagoo ta’utu himame.
“Namni kun aanaa Wanaagoo keessatti hannaan kan beekamudha. Innis gochaa kanarratti akka bobba’eefi hojii biraa akka hinqabnedha kan hime,” jedhan Inispeektar Fiqaaduun.
Yeroo ammaa poolisiin shakkamaa kanarratti qorannoo taasisaaa jiraachuu himuun “wayita qorannoon xummuramutti qaama dhimmi ilaallatuuf ni dabarsina,” jedhaniiru.
Mudannoon akkanaa magaalicha keessatti wanta hin baratamne akka ta’es Inispeektar Fiqaaduu Sisaay dabaluun BBCti himaniiru.












