Gareen waggoota 40 oliif hidhannoon qabsaa'e meeshaa kaa'ee diigamuuf murteesse

Dhaabbanni waggoota 40 oliif hidhannoon mootummaa Turkiirrratti qabsaa'aa ture PKK meeshaa lafa kaahee akka diigamu beeksise.

Waggoota afurtamaaf riphee loltummaan mootummaa Turkii kan mormaa ture gareen kun dhaaba seera qabeessa hin taane jedhamee shororkeessummaan labsamee ture.

Murteen diigamuu kun kan beeksifame hogganaan dhaabichaa hidhaa jiran ji'oota sadii dura waamicha gareen kun haa diigamu jedhu erguu boodadha.

Gareen kun Turkiin qofa osoo hin taane Gamtaa Awurooppaa, UK fi USn dhaaba shororkeessaa jedhamuun labsameera.

Riphee lolaan PKK kaayyoo ganamaa warra Kurdiif biyya walabaa tokko ijaaruu jedhu qabatee qabsoo eegale.

Gosti kun uummata Turki keessaa 20% ta'a. Booda ilaalcha fottoquu qabate dhiisee Turki jalatti bulchiinsa walabaa fi mirga guutuu Kurdootaa eegsisuurratti xiyyeefateera.

Qabsoo dhaaba kanaa keessatti namootni 40,000 ol ta'an lubbuu dhabaniiru.

Guraadhala darbe hogganaan dhaabichaa ganna 76 Okolaan dhaabni kun meeshaa lafa kaahee akka diigamu gaafate.

Hogganaan dhaabichaa kun erga bara 1999 Kibba Lixa Istaanbul odola galaana Marmara jedhamurratti kophaa hidhamee jira.

Ji'a sadii dura mana hidhaarraa xalayaa barreesseen karaa siyaasaa dimookirasii fiduuf haalli hin jiru. Daandiin bu'uraa waliigaltee dimookraatwaa gochuudha'' jedheera.

Dhaaba kana diiguudhana wanta hogganaan kuniifi miseensotni dhaabichaa argatan irratti wanti ifatti jedhame jiraachuu baatus, hidhaa bahuu akka danda'u garuu ni tilmaamama.

Namootni siyaasaa Kurdi mariin siyaasaa akka gaggeeffamuufi mirga warra Kurdiif hireen akka uumamu abdatu.

Gama lamaaniinu waliigalteerra gahuun barbaachisaadha, sababa gahaas qaba.

PKK waggoota dhiyoo asitti waraana Turkiitiin akka malee kan rukutame yoo ta'u, jijjiiramni naannoo isaanii fi dhaabbileen isaan waliin hojjetan Iraaq fi Sooriyaa keessatti socho'an iti jiranis socho'uu akka hin dandeenye taasiseera.

Pirezidaanti Erdohaan filannoo pirezidaantiiTurkii bara 2028 gaggeeffamu irratti irra deebi'anii dorgomuu yoo fedhan deeggarsa dhaabbilee Kurdoota isaan barbaachisa.

Dubbii himaan dhaaba Erdohaan AK yaada dhimma kanarratti kenneen murteen dhaaba kana diiguu biyya ''Turkii shororkaarraa bilisa taate gochuuf'' tarkaanfii guddaahd jehcuun Rooyitarsitti himaniiru.

Ogeessi Chaataam JHaawus tokko ammoo fedha siyaasaa dhaabbilee Kurdiif xiyyeeffannoo kennuuf ''ce'umsa dimookrasii guddaadha'' jedhaniiru.

Namootni siyaasaa Turkii adeemsa kana saffisuuf sochii eegaluus udbbatan.

Ammoo diigamuun dhaaba kanaa hangam takka fedha siyaasaa warra Kurdii siyaasa Ankaaraatti maka kan jedhu ifa miti.

Diigamuu dhaabichaa booda hojii guddaan kan eegamu mootummaa Turki irraayi.