Meeshaalee waraanaa ammayyaa US gabaa gurraacha irratti gurguraman

Meeshaaleen waraanaa Afgaanistaan ​​keessatti harka Taaliibaan galan kan walakkaa miliyoonaa ta'an gariin baduu, gurguramuu ykn seeraan ala garee birootti dabarfamuu maddeen BBC'tti kan himan yoo ta'u, isaan keessaayis muraasni harka qaamolee al-Qaayidaa waliin hidhata qaban galuu amanaa jirra jedha UN.

Taalibaan bara 2021 keessa wayita Afgaanistaan ​​deebisee to'ate, qawwee fi meeshaalee waraanaa gara miliyoona tokko, kan irra caalaan isaanii maallaqa USn bitaman to'achuusaa qondaalli Afgaanistaan ​​duraanii maqaansaa hin ibsamne BBC'tti himeera.

Meeshaalee waraanaa kunneenis baayyeen isaanii Ameerikaan kan tolfaman kan akka qawwee M4 fi M16 akkasumas meeshaalee waraanaa durii biroo kanneen waraanaa woggoota hedduun duraa irraa Afgaanistaan keessatti hafan kan hammatudha.

Irra caalaan isaanii mootummaa Afgaanistaan ​​duraaniif kennamanii turan. Bara 2021 keessa wayita Taalibaan Afgaanistaan ​​keessatti cimaa adeemuu, loltoonni Afgaanistaan ​​hedduun meeshaa waraanaa fi konkolaataa isaanii dhiisanii harka kennatan ykn baqatan. Meeshaaleen kaan ammoo kan humnoota Ameerikaatiin akkasumatti gatamaniidha.

Yoo xiqqaate meeshaalee kunneen keessaa walakkaan amma bakkisaa ''hin beekamu'' jechuun Taalibaan dhuma bara darbeerratti koree qoqqobbii Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Dohaatti argamu irratti amanuu isaa maddeen BBC'tti himan.

Namni koree kana keessaa tokko akka jedhetti, meeshaaleen kanneen keessaa kan walakkaa miliyoonaa ta'an eessa akka jiran akka hin beekamne maddeen biroo mirkaneessaniiru.

Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii gabaasa baatii Guraandhala keessa baaseen, Tehreek-e-Taalibaan Paakistaan, Sochii Islaamaa Uzbeekistaan, Sochii Islaamaa Turkestaan ​​Bahaa fi sochii Ansaarulaah Yaman dabalatee, dhaabbileen al-Qaayidaa waliin hidhata qaban meeshaa waraanaa Taalibaan qabatee ture argachaa ykn gabaa gurraachaan irraa bitaa akka jiran ibseera.

Gabaasa Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii bara 2023 baaseen, Taalibaan ajajoonni naannoo meeshaa waraanaa Ameerikaan qabame keessaa %20 akka qabataniif hayyameera, kanarraa kan ka'es gabaan gurraacha guddachaa jira jedheera.

Ajajoonni kunneenis Taalibaan waliin hidhata kan qaban ta'an illeen, ammoo yeroo baayyee naannoosaanii keessatti sadarkaa ofiin of bulchuu qabu.

Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii (UN) "kennaan meeshaa waraanaa ajajoota naannichaafi qabsaa'ota gidduutti aangoo cimsuuf bal'inaan raawwatama. Taalibaaniif gabaa gurraachaa madda meeshaa waraanaa badhaadhinaa ta'ee itti fufee jira," jechuun hubachiiseera.

Gaazexeessaan duraanii Kaandaahaar BBC'tti akka himanitti, gabaan meeshaa waraanaa banaan erga Taalibaan aangoo qabatee as tureera, amma garuu karaa WhatsApp'n harka lafa jalaatiin gaggeeffama.

Namoonni dureeyyii fi ajajoonni naannoo meeshaa waraanaa haaraa fi meeshaalee Ameerikaa moofaa kan daldalan yoo ta'u, irra caalaan isaanii meeshaalee waraanaa humnoota Ameerikaan deeggaraman dhiisanii deemaniidha jedheera.

Lakkoofsi meeshaalee waraanaa Qorataa Waliigalaa Addaa Ameerikaa Ijaarsaa Afgaanistaan ​​(Sigar)n galmeesse, kan maddeen keenya caqasaniin gadi ta'us, dhaabbatichi gabaasa bara 2022 baaseen odeeffannoo sirrii argachuu akka hin dandeenye beeksiseera.

Meeshaaleen waggoota darban keessa maallaqa kutaalee fi dhaabbilee Ameerikaa adda addaatiin kan gargaaramanii fi kan dhihaatan ta'uu ibsameera.

Sigar itti dabaluudhaan, waggoota kurnan oliif ''adeemsa DoD [Kutaa Ittisaa] meeshaalee hordoffii Afgaanistaan ​​keessatti raawwatu irratti hanqinni fi rakkooleen mudataniiru'' jedheera.

Akkasumas , Sigar Ministeera Dhimma Alaa qeequun, "Waajirichi waa'ee meeshaalee fi maallaqa inni booddeetti dhiisee bahee ilaalchisee odeeffannoo daangeffame, kan sirrii hin taanee fi yeroo maleessa nuuf kenne," jechuun komateera. Biirichi garuu himannaa kana ni haala.

Dhimmi kuni baay'ee dhimma siyaasaa ta'eefi pirezidaant Doonaald Tiraamp irra deddeebiin meeshaa waraanaa Afgaanistaan jiruu akka deebifatan dubbataniiru. Meeshaaleen waraanaa sadarkaa olaanaa doolaara biiliyoona 85 baasutuu achitti hafe jedheera.

"Afgaanistaan ​​addunyaa irratti biyya meeshaalee waraanaa gurguddoo gurguran keessaa tokkodha, maaliif akka ta'e beektaa? Meeshaalee nuti dhiifne gurguraa jiru," jechuun ture Tiraamp walgahii kaabinee bulchiinsa haaraa jalqabaa isaanii irratti kan dubbatan.

"Kana ilaaluun barbaada. Yoo kaffaltii isaaniif kaffaluun nu barbaachisees gaariidha, garuu meeshaaleen waraanaa keenya akka deebii'an barbaanna," jedhan.

Sababiin maallaqni Afgaanistaan ​​keessatti ba'e leenjii fi mindaadhaafis gargaarama waan tureef lakkoofsi Tiraamp kaasan kun falmisiisaadha.

Akkasumas, Afgaanistaan ​​bara darbe Dhaabbata Qorannoo Nagaa Idil-addunyaa Istookhoolm, biyyoota baayyinaan meeshaa waraanaa alatti ergan 25 keessatti Afgaanistaan hin argamne.

Yaada Tiraamp kanaaf deebii kennaniin dubbi himaan olaanaa Taalibaan Zaabihullah Mujaahid TV mootummaa Afgaanistaan ​​waliin wayita dubbataniitti akka jedhanitti, ''Meeshaalee kanneen bulchiinsa duraanii irraa kan fudhanne yoo ta'u, biyyattii ittisuu fi balaa kamiyyuu qolachuuf itti fayyadamna'' jedhan.

Taalibaan yeroo hunda meeshaa waraanaa Ameerikaa kan agarsiisan yoo ta'u, dirree xiyyaaraa Baagraam kan akka buufata xiyyaaraa guddaa US-NATOtti tajaajilaa ture dabalatee, akka mallattoo injifannoo fi seera qabeessummaatti kaa'u.

Erga bara 2021tti bahameen booda, Peentaagoon meeshaaleen Ameerikaa Afgaanistaan ​​keessatti hafan hojii dhaabaniiru jedheera.

Haata'u malee, ergasii Taalibaan meeshaa waraanaa Ameerikaa fayyadamuun waraana dandeettii qabu ijaaruun gareewwan walmorkatan kanneen akka Adda Diddaa Biyyaalessaa fi Bulchiinsa Mootummaa Islaamaa Khorasan, kan naannoo garee Islaamummaa waliin hidhata qabu irratti olaantummaa argateera.

Maddi mootummaa Afgaanistaan ​​duraanii BBC'tti akka himetti, konkolaataa Humvees kanneen faayidaaarra hin oolfamiin, konkolaattonni rasaasaa dandamatan (MRAPs) fi helikooptaroota Black Hawk ''dhibbaan lakkaa'aman'' manneen kuusaa Kaandaahaar keessatti hafaniiru.

Taalibaan meeshaalee qabaman kanneen keessaa muraasa viidiyoo ololaa irratti agarsiisee ture.

Haata'u malee, sababa hanqina hojjettoota leenji'anii fi ogummaa teeknikaa irraa kan ka'e, dandeettiin isaa maashinoota sadarkaa olaanaa kan akka helikooptaroota 'Black Hawk' fayyadamuu fi suphuuf qaban daangeffameera.

Meeshaaleen ammayyaa kunneen baay'een isaanii ammallee hojiirra hin oolle.

Haata'u malee, Taalibaan meeshaalee qajeeloo ta'an kanneen kan akka Humnees fi meeshaa waraanaa xixiqqaa oppareshiinii isaa keessatti fayyadamuu danda'aniiru.