Taphattuun Cheelsii Saam Keerii fi jaalalleen ishee dubaraa daa'ima argachuuf jedhu

Taphattuun sarara duraa Cheelsii Saam Keerii fi jaalalleen ishee taphattuu West Haam taate Kiristii Mewis bara haaraa dhufutti daa'ima godhachuuf akka jedhan ibsan.

Amballii ykn dursituu taphattoota garee biyyaalessaa Awustiraaliyaa kan taate Saam Keer, Inistaagiraamii isheerratti "Mewis-Kerr baby coming 2025! jechuun ibsite.

Daa'ima kan garaa [gadameessaa] qabu Meewwis tahuu ibsite.

''Kiristii fi jaalallee ishee Saam Keer daa'ima godhachuuf waan jettaniif baga gammaddan,'' jechuun kilabni Kiristii West Haam ibse.

Saam Keer Awustiraaliyaaf galchii hedduu lakkoofsisuun jalqaba irra kan jirtu yoo tahu, ispoortessitoota maqaa guddaa qaban keessaas tokko.

Saam Keer Cheelsii waliin Waancaa Suupper Liigii Dubartootaa shan walitti aansuun mo'atteetti. Waancaa FA Kaappii sadii, Liig Kaappii lama, Komunitii Shiid tokko mo'atteetti.

Cheelsii wlaiin kontiraata haaraa waggaa lamaa Waxabajji keessa mallatteesiteetti. Garuu sababa miidhama jilbaa ishee mudateen erga Amajji bara darbee qabee hin taphanne.

Meewwiis taphattuu garee biyyaalessaa Ameerikaa yoo taatu, Ameerikaaf taphoota 53 irratti hirmaatteetti.

Mudde darbe ture NY Gootam irraa West Haam kan galte. Saam Keerii fi jaalalleen ishee saala wal fakkaataa Meewwis akka jaalalaan waliin jiran yeroo ibsan akkuma deeggarsa argatan qeeqa guddaanis isaan mudateera.

Qeeqaa fi mormii miidiyaa hawaasaa irratti isaan mudate gareen Cheelsii jaalattoota saala wal fakkaataa deeggaru 'Chelsea Pride' jedhu X [Tiwiitera] balaaleffateera.

''Yeroo nuyi jaalala, tokkummaa mul'atetti gammadaa jirrutti miidiyaa hawaasaa irratti yaadni haasaa jibbinsaa fi balaaleffannaa qabu akkas qoodamu arguun hedduu nama aarsa, nama mufachiisa,'' jedhan gareen Cheelsii kun.

Kana irraa ka'uun Cheelsiin akka namoonni yaada isaanii hin barreessineef sanduuqa yaadaa [Comments] cufuu ibse. Maxxansa kaan ammoo balleesse.

''Callisnee ilaaluu hin dandeenyu. Akka Garee Chelsea Pride' jibba jaalattoota saal wal fakkaataa mudatu kamuu fuuldura cimsinee dhaabbanna'' jedhe.

Kubba miilaa addunyaa bakka taphattoonni, deeggartoonni fi maatiin jiraniif ni dhaabbanna, ni falmina. Sodaa fi loogii malees deeggars akeenya ni ibsinaaf, ni dhaabbannaaf,'' jechuun maxxanse gareen Cheelsii kun.

Gaaffiin jiru erga lameenuu dubartoota tahanii akkamiin ulfaa'uu dandeesse kan jedhudha. Isaan dhimma kana irratti ibsa kennuu baatanis uumamaan waan tahuu hin dandeenyedha.

Tokko hanqaaquu yoo gumaachitu sanyii kormaa [ispeermii] namni biraa gumaacheefiin karaa yaala fayyaa 'intrauterine insemination (IUI) jedhamuu akka hanqaaquun sun akka gabbatu tahuun gadameessa ishee tokkoo [haadha warraa] keessatti guddata.