Akkoo ganna 80tti dorgommii miidhaginaa irratti hirmaachuun ijoo dubbii taate

Chooyi Suun-hawaa

Madda suuraa, Franchely Figueroa

Osoo isin ta'ee yeroo umuriin keessaan ganna 80 guuttu jireenya akkamii jiraachuu barbaadda?

Gariin biqiltuu goorroo duubaa kunuunsuu, afaan haaraa barachuu, biyaa garagaraatti imaluu, ijoollee ijoollee wajjin yeroo dabarsuu jedhu.

Kan wal-dorgommii miidhaginaa addunyaa irratti hirmaachuus kaayyoo guddaa kan godhatanis jiru.

Chooyi Suun-hawaa dhaaf immoo waanuma akka salphaatti murteessitedha.

Torbee kana maguddoon ganna 81 Miis Yunivers Kooriyaa Kibbaa irratti hirmaachuuf shamarran umuriisaanii nuusa tahan waliin wal-tajjiitti baateetti.

Dorgommi injifattoonni xumuraa Meeksikootti adeemsisan irratti hirmaachuufis abdachaa turte.

Gaaffiin guddaan garuu maaliif kan jedhudha.

''Ijoollee guddisuu fi bu'aa bahii baayyee keessa darbuun booda, nama lama taatee gaafa haftu yeroo sandha kan waanta barbaaddu argachuu feetu,'' jetti hojjettuun hospitaalaa duraaniifi drohomtuun bareedinaa ammaa tun akkuma waltajjiirraa buuteen yeroo BBC'tti dubbattu.

''Takkaa waamicha kee waliisaa bartee argannaan humna si jabeessu siif taha, ilaalcha gaarii qabaatta. Namoota waliinis akkasuma hariiroo gaarii qabaatta kunis eenyummaa kee gargaara,'' jetti.

Aaddee Chooyi kana dura waan isheen hojjechuu barbaaddu moodeelii faashinii tahuu ture. Yeroos waggaa 72 taatus gorsa dhukkubsattuun ishee akka hokii moodeelii kanaitti cimtuuf kenniteef fudhatte.

Waggoota dheeraa maatiinshee fi isheen rakkoo diinagdee keessa dabarsuun booda gorsa dhukkubsattuu ishee hojiiirra oolchuuf murteessite.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Waggoota muraasaan as Kooriyaa Kibbaa keessatti beekamtuu tahaa dhufte - torbee faashinii irratti uffaata agarsiiisuun jiruushee tahe - biyyaa ala hojjechuun garuu waan milkaa'uufi danda'e hin turre.

Aadde Chooyi dhalachuun waggaa sagal booda wal-dorgommiin jalqabe - Miis Yunivaris dorgomtoota waggaa 28 ol hin fudhadhu ulaagaa jedhu jalqaba bara kanaa itti dhiise jennaan Aadde Chooyi carrichatti fayyadamte - kanaanis dorgomtuu umrii raagde tahuuf murtoo godhatte.

''Waanin takkaa ni taha jedhee hin yaadnetu tahe, moodeelii tahuun wal-tajjii addunyaa irra hirmaachuu yaadaa ture malee kan bareedinaa hin turre,'' jette.

''Erga dorgommiin Miis Yunivars daangeeffama umrii kaaseen booda wal-tajji addunyaa gahuuf kaayyeeffachuun dorgome,'' jechuun ibsiti.

Dorgomiin Miis Yunivars gama garagaraan danooma jajjabeessuf jechuuni kan daangeeffama umrii kaase. Kanaan alas dubartoonni heeruman, ijoollee qofaa guddisaniifi saala-geeddaratan akka hirmaatan eeyyameera.

Hiramaannaan manguddoo ganna 80 kuni dorgomtoota gidduuttiyyuu dinqisifannaa isheef argamssiseera.

''Hirmaattonni na arguu isaanitti ajaa'iba jedhan, umriin koo 81 tahuu yoo baran yeroo dullomnu akka kee tahuu feena jedhu,'' jette.

Xiyyeeffanno barbaaddus addunyaa mara irra isheef dhufaa jira. Miidiyaalee addunyaarratti mata duree tahaa jirti.

Chooyi Suun-hawaa

Madda suuraa, Franchely Figueroa

Xiyyeeffannoon kuni garuu tikeeta Meeksikoo ishee geessu hin argamsiifneenfii, Miis Kooriyaa Kibbaa shamarree ganna 22 Haan Ariyeel jedhamtuuf gonfoo kana kenne.

Haa tahu malee Aadde Chooyi harka qullaa hin galle - maqaa dorgomtuu ''haalaan faayamte,'' jedhamte.

''Dorgommiidhuma kanarratti hirmaachuun muuxannoo ajaa'ibaafi bareedaadha,'' jette. Umrii kanatti dorgomuun kan jalqabaa tahuu akka abdattuufi ulaagaa bareedinaa akka cabsite himte.

''Umrii kanatti dorgommii kanarratti hirmaachuun waan haaraa gatii taheef ijoo dubbii tahuun itti fufee jira. Yeroon kanneen umriin raagan baay'inaan itti dorgoman ni dhufa,'' jette. ''Amma garuu shamarran yerootti waltajjiitti bahani dhas.'' jetteetti.

Fuulduratti waan ishee eeggatu maraaf deeggartoonni ishee mana akka jiran, isaanis ijoollee ijoollee ishee ganna 23 fi 24 akka tahan beekti.

''Ijoolleen ijoollee koo akkaan nan jajjabeessu, 'akkoon keenyi baayyee miidhagduu, faayamtuufi simboo qabeettii dha,'' jedhu jette.