'Amma gulantaan murteessaa waraanicha dhaabuuf tarreefame waan hojiirra ooluu danda'udha'-Zeleniskii

Pireezidantiin Yukireen Voloodmiir Zeleenskii karoora waliigaltee nagaa abbaa qabxii 28 irratti waraana Raashiyaa dhaabuuf fooyya'insa taasifame fudhatan.

Michooti Yukireen Awurooppaa karoora nagaa kaayyoo waraanaa Raashiyaa deeggaru dhiisuun fooyya'insa godhaniiru.

''Amma gulantaan murteessaa waraanicha dhaabuuf tarreefame waan hojiirra ooluu danda'udha...''jedhan Zelenskiin.

Yaada Telegiraamii irratti kennaniin ''dhimmooti soroorfaman baayyeen karooricha keessatti hammatamaniiru,'' jechuunis ibsaniiru.

Gama biraan Kibxata ganama misaayelli Raashiyaa magaalaa guddoo biyyattii Kiiv keessatti gamoowwan irratti haleellaa raawwachuu kantiibaan magaalattii Vitaalii Kiliitischikoo himan,tajaajilli bishaaniifi elektiriikiis addaan citeera jedhaniiru.

Minsitarri Aannisaa Yukireenis ''bu'uuraalee misoomaa annisaa biyyattii irratti haleellaa qindaa'aa diinaa raawwateera,'' jedhaniiru.

''Qondaaloti annisaa miidhaa qaqqabe qorachuun hojii deebisanii ijaaruu hammuma haalli nageenyaa isaaniif eeyyame hojjetaa jiru,'' jedha ibsi ministeerichaa.

Qondaaloti Yukireeniifi Ameerikaa karoora nagaa kana mariiyachuuf Dilbata ture Jiniivaatti kan walgahan, karoorri kuni Onkololeessa darbe ture qondaalota Ameerikaafi Raashiyaadhaan kan qophaa'e, Yukireeniifi michootashee Awurooppaa gidduu yaaddoo uumee ture.

Bakka buutonni Raashiyaa kora miilana Siwiizarlaanditti taa'amerratti hin hirmaanne.

Qondaalli Raashiyaa fooyya'insa Wiixata kana taasifame ''guutummaatti kan waa'ee hin baasne,'' jedhan.

Gama biraan Pirees Seekireetariin Waayit Haawus Kaaroolaayiin Leeviit bulchiinsi Tiraamp adeemsa waraana kana dhaabuu keessatti Raashiyaa deeggaraa hin jiru jedhan.

''Yaadni waraana kana dhaabuu keessatti Ameerikaan qaamota lamaan wajjin qixxee haasa'aa hin jirtu jedhu guutummaan guutuutti wal faalleessa,'' jechuun Gaazexeessitootatti himte.

Pireezidant Donaald Tiraamp karoorri kuni waraanicha dhaabuuf ni hojjeta ''abdii'' jedhu qabu jette.

Kora Jiniivaan booda Tiraamp miidiyaa hawaasaa irratti yaada kennaniin ''waan gaariin dhufuu uumamuu danda'a,'' garuu ''hamma agartanitti hin amaniinaa,'' jechuun barreessan.

Korri Jiniivaa haasaa ministirri hajaa alaa Ameerikaa Maarkoo Ruubiyoo karoorri abbaa qabxii 28 Tiraamp dhiyeessan Raashiyaadhaan barreefame kan jedhu haaluun jalqabame.

Karoorichi fedhii Moskoo yeroo dheeraa kan raawwachiisu fakkaata ture jechuun qaamoti baayyee qeeqaa turan.

Wiixata galgala Zeleenskiin karoorri fooyya'e ''dhugumaan adeemsa isa sirrii dha,'' jedhan.

''Dhimmoota eeggannoo barbaadan, Pireezidant Tiraamp waliin nan marii'adha,'' jechuun kan dubbatan yoo tahu yoo akka tahe garuu hin himne.

According to an official in Zelensky's office, the 28-point plan leaked on Friday no longer existed.

Akka wajirri Zeleenskii beeksisetti karoorri abbaa qabxii 28 Jimaata bahe amma hin jiru.

Karoorri fooyya'e miilanaa qabxiilee 19 kan qabu yoo tahu dhimma daangaa dabalatee dhimmoota hogganootaan murteeffamu qabu.

Michoota Awurooppaa Yukireeniifi MM UK Kaar Istaamar guyyaa dhimma ittaanurratti walgahiin akka taasifamu beeksisaniiru.

Ministirri Mummee Yukiren Kar Istaamar Yukireen keessatti ''nagaan waarawaa'' akka dhufu nan hojjedha jedhan.