Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Hanqina boba'aa Finfinnee fi magaalota kaanitti mul'ate maaltu uume?
Finfinnee dabalatee magaalota Itoophiyaa gurguddoo keessatti hanqina boba'aa cimaa mudateen wal-qabatee buufataalee raabsa boba'aatti hiriirawwan dheeraan mul'ataa jiru.
Konkolaachiftoonni boba'aa guuttachuuf sa'aatiiwwan dheeraaf hiriiruu komachuun marsaalee hawaasaa irratti barreessaa jiru.
Hanqinni boba'aa kun murtee mootummaan Adoolessa irraa eegalee deeggarsa gatii boba'aa kaasuuf dabarseen wal-qabata.
Mootummaan Itoophiyaa waggoota dheeraaf deeggarsa gatii boba'aa gochuun, boba'aa gara biyya keessaa galchaa ture.
MM Abiy Ahimad torbanoota dura paarlaamaatti yoo dubbatan mootummaan maallaqa biliyoona hedduu gatii boba'aa deeggaruuf baasaa akka jiru himuun, kun Adoolessa irraa eegalee akka dhaabbatu himanii turan.
Akka isaan jedhanitti mootummaan Adoolessa booda deeggarsa gatii kan godhu, geejjiba uummataaf qofadha jedhan.
Tarkaanfii dhuma torban kanaa gulantaa gulantaan hojiirra oolu eegalu kanaan wal qabatee abbootiin qabeenyaa 'booda gatii fooyya'aan gurgurachuuf boba'aa dhoksaa jiru' jedhan aanga'aan Abbaa Taayitaa Boba'aafi Inarjii Itoophiyaa Obbo Lammeessaa Tulluu.
Abbootiin qabeenyaa gatii caalmaan gurguruuf boba'aa dhoksuun cinaatti konkolaataawwan boba'aa fe'uun Jabuutii irraa ka'an yeroo ghuu qabanitti Finfinnee akka hin geenye himu.
"Osoo madda isaarraa kanqinni hin jiraatiin, sababa konkolaattota kanaa hanqinni boba’aa mudatee hiriirri magaalota keessa mul’ate" jedhan.
"Hamma guyyaan gahutti suuta jedhanii adeemu. Konkolaataan Jibuutiirraa ka’e yoo guyyaa sadiitti as gaha ta’e, konkolaataan guyyaa torba fa’i ture jira. Kan asuu hin baane jira".
"Sababa kanaani hanqinni kan dhalate" jedhan.
Mootummaan konkolaattota boba’aa fe’an saddeet kan yeroo tilmamamurraa duubatti harkifataniifi bakka wayii dhaabatanii turan dhaaluus aanga'aan kun himaniiru.
"Kokolaattonni boaba’aa fe’an gabaa seeraan alatti gurguraa jiraachuu yookiin karaa irraa maqanii gara Tigraay seenan gabaasi jedhu ammatti hin mirkanoofne" jedhu.
Tarkaanfiin mootummaan deeggarsa gatii boba'aa kaasuuf murteesse gulantaa gulantaan kan hojiirra oolu yoo ta'u gulantaa jalqabaan gatiin mootummaan deeggaraa ture nuusatu kaafama.
Mootummaan baatii Caamsaa irraa hanga Waxabajjiitti guyyoota 30 keessatti birrii biliyoona 16 deeggarsa gatii boba'aaf baasuu Obbo Lammeessaan BBCtti himan.
Waggoota darban haala kanaan mootummaan wagga waggaatti doolaara miliyoona hedduu dhabaa ture jedhan.
Gatiin boba'aa biyyoota ollaa Itoophiyaa keessatti qaalii ta'uurraa kan ka'e, boba'aan mootummaan deeggarsa gatii taasisee gara biyyaa galchuu baay'inaan seeraan ala gara biyyoota ollaa fe'amaa akka jirullee MM Abiy Ahimad dubbatanii turan.
Hanqinni boba'aa kun waraana Kaaba Itoophiyaa fi walitti bu'iinsawwan kutaalee biyyattii gara garaa keessatti adeemaa tureen wal-qabatee, rakkoo geejjiba duraan ture caalaatti hammeessa yaaddoon jedhu jira.
Naannoo Tigraay keessa hanqina boba'aa jirurraa kan ka'e buufatni xiyyaaraa Maqalee tajaajila dhaabuu TPLF yoo himu, dhaabbileen gargaarsa namoomaa sababa hanqina boba'aatiin gargaarsa dhaqqabsiisuu rakkataa turuu himu.