Kaaba Afrikaatti dubartoonni muraasni qofti maaliif hijaaba uffatu?

Madda suuraa, SOCIAL MEDIA
Suuraan dubartoota hijaaba fi wayyaa gadi dheeraa uffatanii suura kan biroo dubartoonni Kaaba Afrikaa fi Baha Giddu galeesaa baroota 1950 fi 60 'oota keessa ka'an wayyaa gaggabaabaa uffatanii mataa isaanii osoo hin haguuggatin ka'an wal bira qabuun namoonni miidiyaa hawaasa irratti maxxansuun baramaa dhufeera.
Ergaan isaas waggoota 50 darban keessatti hawaasa Arabaa keessatti jijjiirama dhufe agarsiisudha.
Warreen suura sana qoodaniif kuni biyyoonni isaanii ilaalcha ammayyummaa fi akkaataa jireenyaa warra lixaa fudhachuu dhiisuu isaaniif agarsiistudha.
Warreen 'konsarvaativ' jedhamanii fi waggoota kurnan heddu darbaniif ilaalcha naannichatti dhiibbaa uumun beekamaniif ammmoo faalladha.
Isaanif hawaasni isaanii duudhaa amantii Islaamaa warra gita bittaa koloniitin jalaa sarbame iddootti deebisuudha.

Madda suuraa, Getty Images
Morookoo irraa kaasee hanga Masriitti, sanarras darbee hanga biyyoota naannichaa kaanitti, dhimmi haala uffannaa amantii Islaamaa fuula haguuggachuu yookin hijaaba godhachuu dhimma wal falmisiisaa ture.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Kuni ammoo sababni isaa guddaan siyaasni Isalaamummaa ykn Islaamizimii naannichatti suuta suuta babal'ataa dhufuu isaati.
Jalqaba bara 1990 keessa biyyoota Kaaba Afrikaa kanneen akka Aljeeriyaa keessatti sochiiwwan Islaamummaa aangoo qabatanii, kaanis aangoo qabachuuf yaalanii turan.
Erga aangoo irraa kaafamanii asis dhiibbaan isaan hawaasa naannichaa irratti qaban salphaa miti.
Waggoota darban keessatti keessatti Kaaba Afrikaatti haalli kun gadi hir'ataa akka dhufe namoonni dubbatan hedduudha.
Morookotti marsariitii Al-Ya'uumif namni barreessun beekamu El-Zaghootin akkana jechuun barreesse:
"Biyyoota Arabaa keessatti hijaabni hangam akka uffatamaa jiru hubachuun nama hin rakkisu, addumatti Morookoo keessatti hijaaba uffachuun haalan gadi bu'eera..."
Dubartiin miidiyaa Morookotti dubbatte tokko ammoo yeroo hijaaba ofirraa fuudhan dhiibbaa fi hiraarsa hawaasa irraa isaan irra gahu ibsiti. Kuni ta'us garuu waanti duubatti isaan deebisu akka hin jiru. Tuniziyaa keessatti yeroo tokko hijaaba uffachuun mallattoo diddaa siyaasaa ture, sabani isaa mootummanni dhufaa darbaa uffannaa hijaabaa dhorkaa turan waan ta'eef.
Warraaksa biyyoota Arabaa keessatti bara 2011 tti ka'e hordofee yeroo muraasaf hijaaba uffachuun hoo'ee ture, garuu ammoo takka turee gadi bu'uu eegale. Masirittis hijaaba uffachuun gadi bu'aa adeemun siyaasa wajjin walqabata jedhama. Musliim Biraazars Huud kufuu hordofee dubartoonni baay'enis hijaaba isaanii baasanii laafa kaa'uu eegalan. Dubartoonni Masirii hedduun isaanii haguuggii fuulaa erga lafa kaa'anii waggoota hedduu lakkoofiseera.
Garuu hijaaba uffachuun baroota 1970 'ooota keessa irra deebin hoo'ee ture. Kunis Pirezidaantin yeroo sanaa Aniwaar Saadaat paartiin Musliim Biraazars Huud biyyattii keessatti akka socho'u eeyyamuu isaa hordfofeeti.
Hanga bara 2013 tti Mohaammad Mursiin aangoo irraa kaafamuutti hijaaba uffachuun itti fufee ture. Sana booda restorantoota fi bakka bishaan itti daakan tokko tokko keessatti nama hijaaba uffatu akka hin keessummeessine ibsuun eegalame.
Kunis hijaaba uffachuun amantii dhaadhessuu wajjin wal qabsiifamee waan ilaalamuuf.
Ergasii asi hijaaba uffachuun baay'ee gadi bu'aa jira. Ammayyuu waa'een hijaaba uffachuu fi uffachuu dhiisuu aadaa fi siyaasa bu'uura godhachuun biyyattii keessatti dhimma wal falmisiisadha.

Madda suuraa, Getty Images
Dhiyeenya Masiriitti namichi barattuu yuunivarsiitii tokko si jaaladhe jedhee isheen itti heerumuu dinaan waraane ajjeese ijoo dubbii ta'ee ture. Jalqaba irratti namni hundi ajjeechaa kana mormeetuma dhiise. Booda irra dubbiin gaafa ifa bahu dheekkamsa cimaa kaase.
Keessumaa erga namichi beekamaan karaa foddaa TV barsiisu "fuula keessan haguuggadhaa, dinnaan carraa akka intala duutee kanatu isin mudataa" jedhee booda dheekkamsi babal'ate.
Yuunivarsiitin intalli ajjeefamte itti barattu gadda ibsuuf suura isheetin barjaa hojjate irratti akka waan isheen hijaaba uffattee fakkeessee hojjate.
Kunis namoota hijaaba uffachuun dirqama miti jedhan aarii dheekkamsi dabalataa akka ka'u godhe.
Namichi intala sana ajjeesse adabbiin du'aa itti murtaa'us warri kaan ammoo namichi kun du'uu hin qabu jedhanii mormii kaasan.
Murteen du'aa namichatti murtaa'e akka jijjiiramuuf namoonni sooreyyiin amantii dhaadhessanii fi biyya biraa jiraatan abbaa seeraa biyyattii qarshii guddaadhan sossobuu hin oolles ni jedhama.
Al-Azaaritti Imaama Olaanaa kan ta'an Sheek Ahmad al-Xaayib akka jedhanitti dubartiin hijaaba uffachuu yoo dhiiste gantuu ishee hin jechisiisu, garuu abboommii Waaqaa hin eegne jedhamti.
Naannichatti,fedhiin hijaaba uffachuu, keessumatti dargaggoota biratti, gadi bu'aa dhufus ilaalchi hijaaba godhachuun eenyummaa Musliima tokkootin adda bahee hin ilaalamu jedhu hidda kan fageeeffateedha.
Keesummattuu Awurooppaa keessatti mootummaan kamiyyuu bakkeewwan murtaa'anitti seera hijaaba uffachuu dhorku yeroo baasu, waraana Islaamummaa irratti labsameedha jedhama. Biyyoota lixaa keessatti waa'ee hijaaba uffachuu qeequn qofti akka jibba Islaamummaa ykn 'Islaamofoobiyaa' tti fudhatamaa jira.
Garuu ammoo biyyoota hawaasni Musliimaa itti heddummatutti akka dubartoota dhiibbaa jalaa baasutti ilaalama.












