Balaa abiddaa da'oo godaantota Meksikootti namoota 40 ajjeese booda dheekkamsi dhalate

Balaan abiddaa kun wayita mormitoonni of duuba deebifamuu mormuun qoccollootti seenan mudate jedhu aanga'oonni

Madda suuraa, Reuters

Balaa abiddaa da'aa godaantotaa Meeksikootti mudateen yoo xiqqaate namoonni 38 du'aniiru.

Balaan kun wayita baqattoonni of duuba deebi'uu finciluun atakaaroo uuman mudate jedhan aanga'oonni.

Namoonni kunneen irra jireessaan giddugalaa fi Kibba Ameerikaa irraa gara US seenuuf yaalaa osoo jiranii balaan kun isaan mudate.

Pirezidantiin Meeksikoo Andirees Maanu'el Lopez Obraador, godaantonni firaashii gubanii balaa abiddaa uuman jedhan.

''Isaantu mormii kaasee balaa kana uume. Biyyatti deebifamuuf akka jiran wayita baran akkas godhan jennee yaadna,'' jedhan.

''Namoonni kunneen rakkinichi haga kanatti deema jedhanii hin yaadne,'' jedhan pirezidantichi.

Suuraan reenfa namootaa huccuudhaan xaxamee ulaa da'oo sana irra kaa'amee ture.

Viidiyoon wayita balaan abiddaa kun mudatu agarsiisu garuu dheekkamsa kaasiseera.

Bakka balaan kun itti mudate da'oo godaantotaa Ciudad Juarez keessatti godaantonni iddoo hidhamanii jiranitti wayita balaa kanaan dararaman mul'atan.

Giddugala kana Inistitiyuutii dhimma Godaantotaa Biyyaalessaa Meeksikootu hooggana.

Battala abiddi giddugala kanatti ka'etti qondaaltonni yuunifoormii poolisii uffatan namoota mana hidhaatti itti cufanii wayita irraa hiiqan mul'atu.

Namoonni hidhaa keessa turan wayita aarri isaan ukkaamsu of baraaruuf yaalaa turan, garuu hin milkoofne.

Da'oo godaantotaa kana keessatti kan argamu giddugala tajaajila godaantotaa - Jesuit Refugee Service jedhamutti qindeessituu kan taate Alejandra Corona bakki godaantonni kunneen itti dhuman mana hidhaati jette.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Wayita giddugala kana daawwachuuf deeman yeroo hunda balballi isaa cufaa ta'uu kan eerte hooggantuun kun, ''yoo godaantotatti dubbachuu barbaannellee gadi ba'anii nutti haasa'uu hin danda'an.

''Nutis aluma turra malee ol hin seennu,'' jette.

Giddugalli kun wayita isheen daawwattutti namoota 40 hanga 60 bakka tokkotti qabatee akka ture himte.

Suuraan wayita balaan abiddaa kun mudatu, godaantonnis keessa miidhaman, agarsiisu miidiyaalee hawaasummaa kanneen akka tiwiitarii irratti baay'inaan qoodameera.

Gaazexaa biyyattii irrattis ba'eera. Keessattuu wayita balaan kun mudatu qondaaltonni yuunifoormii uffatan baraaruuf carraaquu dhabuun dheekkamsa cimaa kaasiseera.

Viidiyoon kun sagalee hin qabu, kanaaf waan godaantonni kunneen jedhaa turan baruun hin danda'amne.

Akkasumas qondaaltonni yuunifoormii uffatanii achi turan yeroo muraasa kaameeraa keessatti mul'atanii dhabaman, ergasii maal hojjechaa akka turan hin beekamu.

Balaan abiddaa akkuma mudateen aarri kutaa sana guutee, namoota keessa turan guddoo darareera.

Balaa kana jalaa kan lubbuun baatee fi abbaan manaashee kutaa balaan kun mudate keessati itti cufamee kan du'e Aadde Viangly Infante Padrón, poolisoonni abbaan manaashee akka hin baane itti cufanii ajjeesuu himte.

Viangly Infante Padrón Wayita balaan abiddaa kun mudatu abbaan manaashee kutaa sana keessa turuu himte

Madda suuraa, Reuters

Akkasheen jettutti namoonni kunneen wayita mana hidhaa sana keessa turanitti bishaan waan dhihaachaafii hin turreef, kana mormaa turan.

Qondaaltonni Meeksikoo wayita balaan abiddaa mudatetti namoonni 68 ta'an kutaa sana keessa turan jedhan.

Hedduunsaanii Guwaatimaalaa irraati, kaan ammoo Kolombiyaa, Ikuwaadoor, El Saalvaadoor, Honduuras fi Veenezuweelaa irraa kan dhufaniidha.

Lakkoofsi namoota du'an 40 ta'uu fi 28 ammoo akkaan miidhamuus ibsaniiru qondaaltonni kunneen.