Salaaletti tajaajilli bilbilaa fi intarneetii guyyootaaf adda cite

Madda suuraa, LAKRUWAN WANNIARACHCH
Godina Shawaa Kaabaa aanaalee adda addaa keessatti tajaajilli bilbila harkaa fi inataneetii erga addaan citee guyyooni lakkaa'amuu BBC'n jiraattotarraa qulqulleeffateera.
Namootni BBC'n dubbise kanneen maatiin isaanii godinicha jiran akka jedhanitti, aanaalee akka Dagam, Kuyyuu, Hidhabuu Abootee fi Warra Jaarsootti tajaajilli bilbilaa fi Interneetii adda cituu himan.
Tajaajilli kun Wixata darbe waaree boodarraa eegaluun adda cituu kan himan jiraattonni kunneen, eegasii bilbilaan maatii isaanii qunnamuu akka hin dandeenye dubbataniiru.
Rippoortarri BBC namoota aanaalee Kuyyuu fi Warra Jaarsoo akkasumas Hidhabuu Abootee jiranitti bilbila yaaluun tajaajilli bilbilaa akka hin hojjenne mirkaneeffateera.
Aanaaleen amma tajaajilli Bilbilaa fi Interneetii irraa cite kunneen aanaalee Shawaa Kaabaa rakkoo nageenyaatiin hawaasni waggootaaf rakkachaa jirudha.
Akka namootni BBC'n dubbise jedhanitti ammoo tajaajilli bilbilaa kuni kan adda cite oppireeshiniin hidhattoota irratti fudhatamuuf ta'uu mala jechuun haala kanaan duraa irraa tilmaama kaa'u.
Dhaabbata Itiyoo Telekoomitti aanga'aan Distiriiktii Fiichee Tajaajilli bilbila harkaa fi daataa moobaayilii aanaalee kunneenitti adda cituu mirkaneessaniiru.
"Har'a guyyaa sadaffaadha erga adda cite. Aanaa Dagam, Hidhabuu Abootee, Kuyyuu fi Warra Jaarsootti tajaajilli kan adda cite" jedhan.
Amma tajaajilli kuni erga adda citee guyyaa sadaffaa yoo ta'u, kan adda cite tajaajila bilbila harkaa fi daataa moobaayiliiti malee bilbilli waajjiraa fi 'wifi' hojjechaa jiraachuus himan anga'aan kun.
Tajaajilli bilbilaa adda cite kuni yoom deebi'ee banama kan jedhu wanti beekamu hin jiru.
Godinni Shawaa Kaabaa keessumaa aanaaleen amma tajaajilli bilbilaa irraa cite kuni iddoowwan hidhattoonni Waraana Bilisummaa Oromoo kan mootummaan 'ABO Shanee' jechuun waamu keessa socho'ani.
Sababa kanaanis godina kanatti saamichaa fi mancaatiin qabeenyaa, ajjeechaa fi buqqaatiin jiraattotaa waggoota afurii ol lakkoofsise itti fufeera.
Daandiin aspaaltii tokkichi godinicha keessa qaxxaamuree darbus daandii yaaddoon irra imalamu yoo ta'u, yeroo hedduu hidhattoonni konkolaattota daandii kanarra imalan dhaabsisuun namoota ukkaamsanii fudhataa turan.
Godina kanatti mancaatii manneen barnootaa irratti qaqqabeenis manneen barnootaa hedduun manca'uu fi barbadaa'uu isaatiin barattoonni kumaatamaan lakkaa'aman diree barnootaan ala jiraachuu ammaan dura gabaasaa turuun keenya ni yaadatama.












