Osoo tajaajilli interneetii adda citee addunyaan maal fakkaachuu dandeessi?

Madda suuraa, Getty Images
Intarneetiin sababii mootummoota abbaa hirree ykn miidhaa gosa qurxummii Shark jedhamuun akkasumas dogongora nama dhuunfaa tokkootiin rakkoon mudachuu danda’a.
Dhiheenya kanas appi tokkorratti jijjiiramni taasifamnaan kompitaroonni miiliyoonotaan lakkaa’aman hojii dhaaban.
Kanaanis daandiiwwan qilleensaa sagantaa balalii kumaatamaan lakkaa’aman haqan.
Hospitaalonnis wallaansa baqaqsanii yaaluu adda kutan. Bilbila yeroo balaas rakkoon mudatee ture.
Maayikrosoftiifi Kiraawudistiraayik dhumarratti rakkinicha furan. Ta’us garuu rakkinichi hanga tokko torbaniif tureera.
Sochiin hundi interneetiin kan walitti hidhate ta’usaatiin, rakkoon wal fakkaatu kanaan booda mudachuunsaa waan hin oolleedha.
Adda ciccituun interneetii kanaan dura addunyaarratti mudatan, addunyaan interneetii malee maaltu mudachuu akka danda’u kan agarsiisaniidha.
Oggeessi nageenya intarneetii fi xinxalaan teknolojii, Riitesh Kotaak, ‘‘faayidaan amma argataa jirru kuni gatiis kan nu baasisuudha’’ jedhan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Add ciccituun intarneetii cimaadha jedhame bara 1997tti mudateera. Dhaabbata ‘Network Solution’ jedhamu mudate ture.
New York Times akka gabaaseetti, yeroo sanattis marsariiwwan .com fi .net jedhuun xumuran hundi hojii dhaabanii ture.
Addunyaarrattis marsariiwwan miiliyonotaan lakkaa’aman adda citanii ture.
Namoonni imeeliin hin qaqqabu ture. Dhaabbileen maamiltootasaanii waliin wal qunnamu waan dadhabaniif hojiin rakkoon mudatee ture.
Faayidaan interneetiin yeroo sana qabu kan ammaa waliin wal bira qabame yoo ilaalamu, miidhaan yeroo sana qaqabee ture murtaa’aa ta’e ilaalamu danda’a.
Ammaan tanati jireenyi keenya hundi kan walitti hidhameedha. Interneetiin adda cite ykn network wayita rakkoon mudatuutti jireenyi keenya ni burjaaja’a jechuudha.
Bara 2019 Matanuskaa-Sustinaa miidhaan interneetii hawaasa Alaaskaa irra gahe akka fakkeenyaatti ni eerama.
Jireenyi namoota kuma 100 akka dhaabbatu dirqiisiiseera. Miseensa hawaasichaa kan taate Heelan Munz ‘‘wanti hundi ni dhaabbate. Hanga ammaatti naannoon keenya kompitaroota sirreessee hin xumurree’’ jetti.
Torbanoota kudhaniis sararri interneetii hin sirreeffamne. Hojjattoonis taayippiidhaan barreessuuf dirqisiifamanii ture.

Madda suuraa, Getty Images
‘Keebiliin guddaatu nu barbaachisa’
Interneetiin Armeeniyaa kan sarara tokkicha irratti bu’urreeffateedha. Sararichi karaa Jorjiyaatiin kan darbu ture.
Bara 2011tti maanguddoon wagga 75 intarneeti Armanaawota miliyoona 2.9 adda kutan.
Maanguddoon kunis osoo gara Joorjiyaatti ce’uuf jiranu sararicha meeshaa qara qabuun kutanii darban.
Namni kunis to’annaa jala oolfaman illeen boodarra sababii umuriisaanitiin gadhiifamaniiru. Erga gadhiifamaniin boodas ‘‘intarneetiin maal akka ta’e hin beekuun ture’’ jedhanii ture.
Gorsaan intarneetii Awurooppaa, Baha Jidduugalaa fi Jidduugala Eshiiyaa, Vaan Hopsipaan, ‘‘yoo interneetiin adda cit akka maraatuun nu godha’’ jedhan.
Kunis rakkoo amantaa sarara interneetii dheerina kiloo meetiroota kumaatama qaburratti jiru agarsiisa. Sararoota kanneen dijitaala gochuun filmaata ta’u danda’a.
Bara 2017tti Zimbabween guyyaa wallakkaadhaaf interneetii hin qabdu turte. Rakkinichi kan mudates erga keebilii karaa Afriikaa Kibbaatiin darbu tiraaktarri adda kuteen boodha ture kan mudate.
Keebiloonni bishaan galaanaa jala diriirfaman haleellaa shaarkiitiif saaxilamoodha. Kanaan duras shaarkoonni keebiloota adda kutanii beeku.
Miidhaan shaarkoonniifi sanyiiwwan qurxummii kaan qaqabsiisan, bara 1964 irraa kaasee sararawwan bilbilaafi Telegraamii irratti rakkoo uummaa tureerra.
Google sararawwansaa bishaan galaanaatiin gadi jiran kan maruuf sababii kanaatiin.

Madda suuraa, Getty Images
Osoo addunyaan dijitaalaa adda citeehoo?
Bara 2022tti rakkoo Kominikeshiniin Roojansi Kaanaadaa mudateen sararrii intarneetiifi bilbila Kaanaadaa harki tokko afur adda cite ture.
Sababii kanaatiin sochiin namoota miiliyoona kudha tokkoo danqamee ture.
Bilbilli yeroo balaa tasaa adda citeera. Hospitaalonnis beelamasaanii haqanii ture. Kanfaltiin karaa onlaayinii dhaabate.
Jiraataan Torontoo Kootaak jedhaman, ‘‘hiriyyaan tiyya sarara bilbila Roojarsi fayyadamaa turte. Guyyaa sana qormaanni jala baheera. Sababiinsaa lakkoofsa kutaa qormaatashee bilbilasheerraa baafachu hin dandeenye turte’’ jedhe.
Yeroo tokko tokkos mootummoonni intarneetii adda kutu.
Mootummoonni abbaa hirree fi dimokiraatoota jedhamanis to’annoodhaaf jecha gochaa inatarneetii adda kutuufi dhiibbaa irraan gahan argamu.
Xinxalaan odeeffannoo Access Now kan ta’an, Zaak Roosan, ‘‘bara 2016 irraa kaasee yeroo 1,500f mootumotaan, hidhattootaa fi humnoota poolisiitiin intarneetiin adda kutameera’’ jedhu.
Dhiheenya kanas walitti bu’iinsa Baangilaadishiitti mootummaa aangoorraa buuse barattootaafi poolisoota jidduutti umamuu hordoofe, mootummaan intarneetii adda kutee ture.
Tarkaanfii humnootiin mootummaa fudhataniin yoo xinnaate namoonni 150 ajjeeffamuun gabaafameera.
Yeroo ammaatti tajaajila intarneetii argachuun mirga namoomaati sochiin jedhu beekkamtii argataa jira.
‘‘Hojii, tajaajila fayyaa, barnoota, daldala, namootaan wal qunnamuu fi waliigalatti karaan ittiin addunyaa wal agarru adda cituun maal uumuu akka danda’u yaadaa. Intarneetiin yoo adda citu sarbama mirga namoomaa galmeessuun hin danda’amu’’ jedhu xinxalaan kun.
Hindiitti mormii ukkaamsuudhaad intarneetii adda kutuudhaan biyya jalqabaati. Biyyoonni biraa 83 tarkaanfii walfakkaatu fudhatu.
Kallattii kanaatiin adda durummaadhaan intarneetii adda kutuudhaan Iraan, Raashiyaa, Aljeeriyaa, Seeneegaal, Taanzaaniyaa, Kaameeruun fi Veenziweelaa eeruun ni danda’ama.
Keebiliin intarneetiin ittiin imalurra yoo miidhaan qaqabe rakkoo guddaa hordofsiisuu danda’a. Haata’u malee sararri kunis hanga bu’aa inni qabuutiin eegumsi taasifamaafii hin jiru.
Dhaabbanni Nageenya Odeeffannoo Diskoneektiitti Daareektarri Olaanaan, Kaasii Opinhayim akka jedhaniitti, rakkoleen kanaan dura sararawwan intarneetii irratti mudatan bilbila akeekkachiisaati.
‘‘Dhiyeessitii interneetii keessatti hirmaataa kan jiran dhaabbilee muraasaadha, kunis rakkoof saaxilu mala’’ jechuun dameen kun dhaabbilee muraasaan durfamuunsaa qaama rakkoo ta’u kaasu.
Dhimma kanarrattis motummoonni yaadu qabu jedhan.












