Adda cituun Tajaajila Marsariitii Amaazoon akkamiin marsariitiiwwan addunyaa jeeqe?

Snapchat

Madda suuraa, Getty Images

Tajaajilli Marsariitii Amaazoon (AWS) guyyaa kalessaa halli rakkisaan mudatee ture.

Hojii gaggeessaan olaanaa dhaabbata teeknooloojii Ameerikaa guddaa biraa 'Cloudflare', tarii addaan cituun dhaabbilee kuma tokkoo ol miidhee fi fayyadamtoota inteneetii miliyoonaan lakkaa'aman addunyaa irratti dhiibbaa uume, badii gama dhaabbata isaaniin ta'uu dhiisutti boqonnaa guddaa itti dhaga'amuu hin oolu.

Haa ta'uu malee addaan cituun kun tajaajila bal'aa irratti dhiibbaa uumeera.

Marsariitiiwwan addaan cituu kanaan miidhaman garaagarummaa guddaa kan qaban yoo ta'u, marsariitiiwwan miidiyaa hawaasaa gurguddoo kanneen akka Snapchat fi Reddit, baankonni hedduun kanneen akka Lloyds fi Halifax, akkasumas taphootni kan akka Roblox fi Fortnite hunda isaanii addaan cituun isaan mudatee ture.

Tajaajila Marsariitii Amaazoon (Amazon Web Services) dhaabbata guddaa Ameerikaa addunyaa irratti bal'inaan argamu yoo ta'u, qaama ijoo intarneetii ta'ee of hundeessee dha.

Meeshaalee fi kuusaa raagaa (sarvaroota) tilmaamaan harka sadii interneetii akka hojjetu dandeessisan kan kennuudha.

Bakka kuusaa deetaa fi to'achuuf gargaaran kan kennu yoo ta'u, dhaabbileen sirna teeknikaa baasii guddaa baasu mataa isaanii ijaaruu fi kunuunsuu akka hin barbaachifne taasisa. Akkasumas ragaa daataa fayyadamtootaa fi marsaaritiiwwaan gidduutti ni qajeelcha.

Dhabbatichi fedhii teeknooloojii daldalaa salphisuu keessatti gumaachaa olaanaa qabaachuun kan hubatame yoo ta'u, sababa dogongora 'Domain' irratti uumameen addaan cituun muudate, dhaabbilee fi namoonni indaastirii teeknooloojii kana keessatti hojjetan yeroo ammaa carraawwan biraa jiraachuu qaban akka barbaadaniiniif carraa baneera.

Dogoggorri yeroo baayyee uumamu kun jeequmsa guddaa fiduu danda'a. Dhaabbileen teeknooloojii ammoo rakkoo akkasii yeroo hedduu waan muudateef waan yeroo baay'ee himatan rakkoo teekinikaa kan dogoogra Doomeenii ta'uu himatu

Fayyadamaan tokko appii tokko yeroo tuqu ykn hidhaa tokko yeroo cuqaasu meeshaan isaa bu'uuraan tajaajila sanaan akka wal qunnamuuf gaaffii erguu qaba jedhamee yaadama.

Sana booda Sirni Maqaa Domeenii (DNS) akka kaartaa gaaffii gara bakka sirrii qajeelchutti hojjeta.

Haa ta'uu malee ammallee tajaajilichi guutummaan hin furamne. Marsariitiwwaan akka Snapchat, Canva, fi HMRC ammallee jiru, garuu sirnichi bakka ragaa itti qajeelchu murteessuu hin danda'u.

Dogoggorri dhiibbaa guddaa akkasii fide maali?

Tajaajila Weebii Amaazoon

Madda suuraa, Getty Images

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dogoggorri akkasii sababoota hedduudhaaf kan uumamudha. Yeroo baayyee, rakkoo suphaa ykn hanqina sarvarii irraa kan ka'edha. Darbee darbee dogoggora namaa, bakka namni tokko waan tokko dogoggoraan qindeesse, ykn haleellaa saayibariis ta'uu danda'a. Haa ta'uu malee hanga ammaatti ragaan sana agrsiisuu

Tajaajila Msrasariitii Amaazoon akka ibsutti, taateen kun kan raawwatame wiirtuu daataa guddaa isaa kaaba Varjiiniyaa keessatti yoo ta'u, kunis dhaabbata isaa isa durii fi guddaadha.

Ogeeyyiin hedduun akka jedhanitti taateen kun balaa guutummaatti tajaajila tokko irratti hirkatanii jiraachuun qabu akka fakkeenya ifa ta'etti kan mul'iseedha.

Tajaajila Weebii Amaazoon taphataa guddaadha, dhaabbileen miliyoonaan lakkaa'aman immoo isa irratti hirkatu jechuun ibsan.

Isaan sirrii ta'anii osoo jiranii, garuu qormaanni jiru filannoowwan iskeelii dhaabbaticha wajjin walsimuu danda'an baay'een hin jiran.

Ammatti dorgomtoonni gurguddoon lama qofa kan jiran yoo ta'u, lamaan isaaniiyyuu dhaabbilee gurguddoo Ameerikaa kan Maayikiraasoofti 'Azure' jedhamuu fi kan Googil 'Cloud Platform' jedhamaniidha.

Haa ta'uu malee dorgomtoonni xixiqqoo ta'an akka IBM fi dhaabbata Chaayinaa Aliibaabaanfaas ni argamu.

Bara darbe dhaabbati abbaa suuqiiwwan gurguddoo Lidl dorgomaa Awurooppaa Stackit jedhamu kan jalqabe yoo ta'u, dorgommii kallattiin Amaazoon waliin dorgomuuf yaalera

Garuu Tajaajila Weebii Amaazoon (AWS) hanga ammaatti dorgomaa olaanaa ta'ee itti fufeera.

Gariin UK fi Awurooppaan bu'uuraalee misoomaa mataa isaanii hatattamaan misoomsuu fi hirkattummaa US irratti tajaajila kuusaa ragaa hir'isuu qabu jedhanii amanu. Kaan ammoo yeroon isaa darbeera jedhu.