Boqonnaa haaraa dijitaalaan Oromiyaa beeksisuu

Madda suuraa, OTC
Komishiniin Turizimii Oromiyaa erga hundaa'ee ganna shanaffaa isaati. Hojiiwwan aadaa fi seenaa Oromoo akkasumas bakkeewwan hawwata turizimii Oromiyaa gara dijitaalaatti fiduun beeksisuu irratti hojjeteen hamma yoonaa "faayiloota miiliyoona tokkoo ol ta'an" walitti qabuun tajaajilaaf oolchuu itti aanaan Komishinaraa, Naggaa Wadaajoo BBC'tti himan.
Komishinichi hojiiwwan aadaa, seenaa fi hawwata turizimii Oromiyaa beeksisuu cinaatti dorgommiiwwan waggaa waggaadhaan qopheessuun kalaqa jajjabeessuu, dargaggoota yaada kalaqaa qaban gara seektara turizimiitti fiduun carraa hojii uumuu irrattis gumaachuu ibsu I/aanaan komishinaraa kun.
Erga hundaa'ee ganna shanaffaa qabachaa kan jiru Komishiniin Turizimii Oromiyaa hojiilee gama dijitaalaan gumaachaa jiruun dargaggeeyyii hedduuf carraa baneera. Keessumaa ammoo dargaggeeyyii yaada kalaqaqaa qabaniif bakka itti kalaqa isaanii guddifatan ta'uus dabaluun himu Naggaan.
Komishinichi imala ganna shaniitiin "oomishaaleen turizimii gara garaa akka misooman taasisee jira. Kunis muuxannoo turistiin qabaatudha" kan jedhan I/aanaan komishinaraa kun kabaja ayyaana cuuphaa hora Baatuu irratti qopheessuun turistoota baay'ee hawwachuu akka fakkeenyaatti kaasu.
Kabaja ayyaana cuuphaa Hara Baatuu irratti kabajamerratti "muuxannoo turizimii oomishuu, gabbisuu fi beeksisuudhaan hojii bal'aa hojjenne" jechuun ibsu.
Magaalaa Baatuu ammoo turizimiin wayinii akka hawwata turizimii tokkootti kaasan obbo Naggaan, "qonni wayinii jira, warshaan wayinii jira, dhandhamni wayiniis jira. Kun sadan walqabatee namoota baay'ee hawwachaa ture" jechuun ibsu.
Daawwannaa bunaatiinis, toora bunaa (coffee route) jiraniin walqabatees, bakkeewwan bal'inaan bunni itti oomishamu keessattis, "turistoonni qonna bunaa keessa deemuudhaan muuxannoo addaa akka qabaatan taasisuun" jiruuf jireeya hawaasaa beeksisuun hariiroo jabaa ijaruu ibsu Naggaan.
Adeemsa dheeraa bunni oyiruu irraa kaasee hanga danfee dhugamutti qabu turistootatti mul'isuun, bunni dinagdee utubuu bira darbuun hariiroo jiruuf jireenya haawasaa waliin qabu agarsiisuun akka muuxannoo turistii tokkootti tajaajilaa jiraachuu ibsu.

Madda suuraa, OTC
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Gama biraatiin, "turizimiin shaayiis jira. Bakka uumamaan badhaadhe gara Iluu Abbaabooraatti, uumama naannoo sanaa waliin walsimsiisuudhaan turistoonni yeroo hin dagatamne" akka dabarsaniif hojii milkaa'aa hojjechuusanii himu I/aanaan komishinaraa kun.
"Miidiyaalee dijitaalaa irratti bal'inaan qabeenya turizimii Oromiyaan qabdu kan dawwannaadhaaf qophii ta'an sirriitti walitti qindeessuudhaan turistootaaf odeeffannoo guutuu" qooduunnis namoota hedduu bira gahuu ibsu namni kun.
Komishinichi maqaa dhaabbata isaatiin, Viiziit Oromiyaatiin, Torbee Turizimii Oromiyaa fi Irreechaatiin marsariitiiwwan afur qabaachuu kan kaasan I/aanaan komishinaraa kun, sana irrattis qabeenya Oromiyaan qabduufi carraawwan invastimantii Oromiyaa sirnaan beeksisaa jiraachuu dubbatu.
Marsariitiiwwan hojjetootuma dhaabbatichaan misooman kunneen "hubannoo namtolchee (AI) dhaan kan deeggaraman waan ta'eef, turistoonni odeeffanoo gaafa barbaadan bilbilanii nama gaafachuurra achumarratti odeeffannoo dabalataa yoo gafatan battaluma sana" odeeffannoo akka kennuuf ibsu.
"Kanaa alattis moosaajiiwwan hedduudha kan misoomsine" jechuun hojii gama dijitaalawaan gumaachan kaasu aanga'aan kun.
Moosaajiiwwan akka Oolookeet, Footoostook, dijitaal magaaziin jedhamanis tolchuun fayiidaaf oolchuus dabaluun ibsu Naggaan.
Akka fakkeenyaatti warra ka'an keessaa tokko nu'i

Madda suuraa, OTC
Taateewwan gurguddoo akka biyyaatti qopheessan keessaa Torbee Turizimii Oromiyaa akka fakkeenyaatti kan kaasan I/aanaan Komishinaraa kun, aadaaf seenaa Oromoo sadarkaa biyyaarra darbee akka idil-addunyaatti beeksisuu himu.
Torbee Turizimii Oromiyaa yeroo arfaffaadhaaf kan qopheessan yoo ta'u, jila artistootaa biyya Neeppaalii sagantichaafi kabaja ayyaana Irreeachaa irratti hirmaatan akkasumas artistoota sadarkaa idil-addunyaatti beekaman waliin qindaa'uun hawwata turizimii Oromiyaan kan akka gaarren Baalee beeksisuu yaadachiisu.
Dorgommii Miis Turizim Oromiyaa, kan biraandiin bareedduu Oromiyaa waggaa waggaan itti filatamtus taatee ijoo ta'uu kan kaasan aanga'aan kun, warra filataman qofa otoo hin taane komishinichi shamarran dorgommicharratti hirmaatan hunda waliin akka hojjetan himu.
Artistoota biyya keessaafi sadarkaa idil addunyaatti beekaman waliin ta'uun imala walbarsiisaa bakkeewwan hawwata turizimii gara garaatti taasisuu "hordofee gabaan turistii isaan hodofee yaa'a" kan jedhan Naggaan, sanaanis bu'aan argamuu ibsu.
Hojiilee Komishiniin Turizimii Oromiyaa hojjechaa jiruun milkaa'ina argameen ofirra darbee "naannolee biroo waliinis qindoominaan hojjechaa" jiraachuu kan kaasan I/aanaan komishinaraa kun "naannolee akka Hararii fi Gaambeellaa, magaalota Finfinnee fi Dirree Dawaatiif muuxannoo qabnu sirriitti qoodaa jirra" jechuun ibsu.
"Akka biyyatti yaadamni turizimii akka sirriitti lafa qabatuuf akka fakkeenyaatti warra ka'an keessaa tokko nu'idha. Gama taateewwan qopheessinuutiin walqabatees [hirmaattonni] biyyoota akka Ruwaandaa, Keeniyaa, Ugaandaa, Buruundii, Neeppaal irraa dhufanii" hirmaachuu akka milkaa'inaatti kaasu I/aanaan komishinaraa kun.
'Qabeenya turizimii Oromiyaa faayiloota miliyoona tokkoo ol ta'an walitti qabnee jirra
Hojiilee aadaafi seenaa Oromoo akaksuamas hawwata turizii Oromiyaa gara dirree miidiyaalee digitaalaatti fiduu keessatti hojii guddaa milkeessuu kan himan I/aanaan komishinarichaa, "Google Arts and Culture iratti leecalloo turizimii Oromiyaan qabdu gara suuraalee kuma lamaa ta'an achirra keenyee jirra.
''Suuraawwanii fi suur-sagaleewwan sadarkaa isaanii eeggatan qabeenya turizimii Oromiyaa sirriitti mul'isan kan gara teeraabaayitii saddetamaa, lakkoofsaan gara faayiloota miliyoona tokkoo ol ta'an walitti qabnee jirra. Miidiyaalee fi dhaabbilee gara garaatiif illee madda ta'uun tajaajilaa" jiraachuu dubbatu.
Gama dijitaalaan qulqullina dhaabbilee tajaajilaa keennanii kan akka hoteelaa fooyyessuu fi dhaadhessa invastimatii akkasumas carraa hojii uumuu dablatee hojiiwwan milkaa'oo gumaachuus dubbatu.
"Torbee Turizimii fi Teeknoolojii jennee waggaa lamaan dura sadarkaa guddaadhaan" qopheessanii turuus kaasu aanga'aan kun. Sadarkaa waldorgommii kalaqa dijitaalaa, Hakatuun (hackathon) ammoo ganna afraffaadhaaf qopheessaa kan jiran yoo ta'u, qormaata adeemsa turizimii danqaniif furmaata barbaaduu irratti xiyyeeffachuudhaan dargaggoota yaada kalaqaa dijitaalaa qaban dorgomsiisaa akka jiru himu.
Dorgommichaanis kalaqni dijitaalaa tokkoo hanga sadaffaa kan badhaafaman yoo ta'u, dorgommiiwwan kanaan dura turaniinis dargaggoota hedduuf carraa hojii uumuu yaadachiisu Naggaan.
"Dargaggoota kalaqa addaa gama teeknolojiitiin fidan keessumaa raakkoowwan turizimiitiif furmaata kalaqa digitaalaa qabatanii warra dhufaniif carraa hojii uuma, beekamtii guddaa isaaniif kenna. Biizinasoota gara garaa faana hariiroo akka uumuun, kalaqa isaanii gara hojiitti akka jijjiiran godha" jechuunis fayidaa dorgimmii kalaqa dijitaalaa ibsu.
"Hakaatuunii isa jalqabaa bara hundeeffama keenyaa Imbaasii Indooneezhiyaa fi Ministeera Teeknolojiif Innooveeshinii waliin ta'uun geggeessine. Marsaa lammaffaaf sadaffaa of dandeenyeetu qopheessine. Kan sadaffaa Safaariikoom nu waliin qindoominaan hojjete.
''Warreen [marsaa sadaffaa] injifatan Keeniyaa deemuudhaan wiirtuu teeknoolojii Safaariikoom qabu keessatti torbee tokkoof [daawwachaa] turaniiru" jechuun yaadachiisu.
Dorgomtoonni kalaqa dijitaalaa carraa isaan ittiin "biizinasoota gara garaa waliin hariiroo uuman" ta'uu kan kaasan Naggaan, "ijoolleen dorgommii kalaqa dijitaalaa kana injifatan furmaata teeknolojii yeroo fidan ofii keenyaallee ni fayyadamna" jechuun ibsu.
"Hakaatuunii isa jalqanbaa warri injifatan sochii bareedaa gochaa turani" jechuun kan yaadachiisan I/aanaan komishinaraa kun, "moosaajiiwwan gara garaas kalaquun, virtual reality bakkeewwan hawwata turizimii kan komishina keenyaaf hojjetan jiru. Kun isaaniifis, nuufis waan guddaadha" jechuun komishinicha waliin hojjechaa akka turan himu.
Seenaa Fardaa

Madda suuraa, OTC
Injifattoonni dorgommii kalaqa dijitaalaa jalqabaa injifatan mosaajii Seenaa Fardaa jedhu qopheessanii turuu kan yaadachiisan Naggaan, kalaqichis "namni fardarra taa'ee bakkasaa akka naanna'u, akka bashannanu, akka bohaaru kan taasisudha. Kun baay'ee hawwatummaa qaba" kan jedhan I/aanaan komishinaraa kun, turistiin muuxannoosaa yoo qabaate" waan hin dagatamne ta'uu gorsu.
Miirri sun seenaa fardi jiruuf jireenya Oromoo waliin qabu agarsiisuufis carraa gaarii akka uumu dabaluun ibsu.
Fooramii mata duree 'Turizimii fi Teeknoolojii' jedhuun Waxabajjii 23-24tti qooda fudhattoota gidduutti taasifamu irratti dorgommiin kalaqa dijitaalaa, hakaatuuniis ni geggeefama.
Dorgommicharrattis gareen torbaatamaa ol akka hirmaatan himaniiru I/aanaan komishinaraa kun.
Dorgommii kalaqa dijitaalawaa bara kanaatiinis wantoota haaraa eegna" kan jedhan I/aanaan komishinaraa kun, "dargaggoota kalaqa teeknolojii adda addaa ofharkaa qabantu dhufa waan ta'eef, rakkoolee gama turizimiin, kenna tajaajilaatiin mul'tan akka furaniif carraa guddaa isaaniif kenna" jechuun ibsu.
Komishiniin Oromiyaa gama qabeenya uumamaa fi namtolchee Oromiyaa akkasumas jiruuf jireenya, aadaa fi seenaa Oromoo dijitaalawaa taasisuu keessatti hojiilee jajjaboo gumaachaa jiraachaa ibsu aanga'aan kun.
Bulchiinsa magaalota akka Jimmaa, Bishooftuufi Adaamaatiif dirree tajaajila dijitaalawaa (e-service) qopheessuu akka fakkeenyaatti kaasuun kun cimee akka itti fufus dubbatu.












