Hidhi humna ibsaa guddichi Addunyaa Chaayinaan ijaartu maaliif Hindiifi Baangilaadeesh yaadesse?

Madda suuraa, Getty Images
Chaayinaan ijaarsa hidha aanniiisaa bishaanii addunyaa irratti isa guddaa ta'u ijaaruudhaaf raggaasifteetti. Kunis hawaasaa Tibeet biratti yaaddoo buqqaatii kan umee yoo ta'u, Hindii fi Baanglaadeesh yaa'aa gara gadii keessatti ammoo yaaddoo dhiibbaa naannoo uumeera.
Hidhi kun laga Yaarlung Tsangpo gadiitti kan argamu yoo ta'u, Hidha anniisaa Three Gorges kan yeroo ammaa dhaabbata anniisaa bishaanii guddicha addunyaa ta'e, dachaa sadii maddisiisuu danda'a jedhameera.
Miidiyaaleen mootummaa Chaayinaa pirojekii ijaarsaa kanaan, ''pirojektii nageenya qabuu fi kan eegumsa naannoo dursa kennudha'' jechuun ibsaniiru. Akkasumas, badhaadhina biyyaa kan guddisu fi galmoota eegumsa qilleensaa Beejiing qabduuf gumaacha kan taasisu ta'uu ibsan.
Haata'u malee, gareen mirga namoomaaf falmanii fi ogeeyyiin dhiibbaa misoomni kun miidhaa hidhichi qaqabsiisuu danda'u ilaalchisee yaaddoo qaban kaasaniiru.
kanneen isaan sodaatan keessaa ijaarsi hidhichaa, kan dursa dhuma bara 2020tti ifoome irratti, hawaasa naannoo buqqisuu danda'a, akkasumas haala uumamaa haalaan jijjiiruu fi sirna naannoo gabbataa fi sab-danaa'aa ta'an keessaa tokko ta'e lafa diriiraa Tibeet irratti argaman miidhuu danda'a sodaa jedhu ni mul'ata.
Gabaasni akka agarsiisutti, misoomni guddaan kun yoo xiqqaate ulaawwan lafa jalaa afur dheerina km20 ta'an gaara Naamchaa Baarwaa keessaa qotamuu kan barbaachisuu yoo ta'u, kunis yaa'aa laga Yaarlung Tsaangpo, laga Tibeet isa dheeraa ta'e gara biraatti akka yaa'u taasisa.
Angawoonni Chaayinaa pirojektichi naannoo irratti dhiibbaa guddaa akka hin qabne cimsanii dubbatu. Haata'u malee, namoota meeqa akka buqqisisu garuu hin agarsiifne.
Hidhi anniisaa bishaanii Three Gorges jedhamu kun, namoota miliyoona 1.4 deebisanii qubsiisuu barbaachise.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ogeeyyiin fi qondaaltonni ammoo, hidhi kun Chaayinaan yaa'aa laga daangaa ce'ee gara kibbaatti gara bulchiinsa Arunachal Pradesh fi Asaam Hindii fi ittaansee gara Baanglaadeesh yaa'u, to'achuuf ykn karaa biraatti akka jijjiirtu humna ni kenna jechuun yaaddoo qaban ibsu.
Gabaasni bara 2013 dhaabbata think thank Awustiraaliyaa, Lowy Institute jedhamu maxxanfame akka jedhutti, "lageen [Tibeet keessatti] argaman kanneen to'achuun Chaayinaan dinagdee Hindii irratti sirriidhaan akka ukkaamsitu taasisa" jedheera.
Battaluma Chaayinaan karoora pirojektii hidha Yaarlung Tsangpo kana bara 2020tti beeksifteetti, qondaalli olaanaa mootummaa Hindii tokko Rooyitarsiitti akka himanitti, mootummaan Hindii ''dhiibbaa hamaa pirojektoonni hidha Chaayinaa geessisan salphisuuf'' misooma hidha humna bishaanii fi kuufama bishaanii guddaa qorachaa jira.
Ministeerri dhimma alaa Chaayinaa kanaan dura, yaaddoo Hindiin hidhaa yaadame kana ilaalchisee qabduuf deebii kan kenne yoo ta'u, bara 2020tti Chaayinaan laga kana hidhachuuf ''mirga seera qabeessa'' akka qabduu fi dhiibbaa gara gadiitti dhufus hubannoo keessa kan galcheedhajedheera.

Madda suuraa, Getty Images
Chaayinaan humna laga kanaa akka madda anniisaa haaromfamuutti fayyadamuudhaaf waggoota kurnan darban keessa kallattii yaa'aa Laga Yaarlung Tsaangporratti buufataalee anniisaa bishaanii hedduu ijaarteetti.
Kutaan lagaa kanaa holqa gadi fagoo lafarra jiru keessaa kan yaa'u yoo ta'u, fageenya gabaabaa km 50 qofa keessatti meetira 2,000 kan yaa'uu yoo ta'u, anniisaa bishaanii maddisiisuudhaaf humna guddaa qaba.
Haata'u malee teessumni lafaa laga kanaa dinqisiisaa ta'e garuu qormaata injinariingii guddaas qaba. Hidhi haaraan kunis kan hanga ammaatti Chaayinaa ijaarte keessaa isa guddaa fi hawwii ishee isa guddaa kan agarsiisuudha.
Bakki pirojektii kanaas kan daangaa bakka kirkira lafaadhaaf saaxilamu irratti argama.
Qorattoonni Chaayinaa kanaan duras, qotiinsii fi ijaarsi bal'aan akkasii gogaa cirrachaa fi gogeesa dhiphaa kana keessatti raawwatamu sigiga lafaa akka dabalu irra deddeebiin yaaddoo qaban ibsaniiru.
"Kirkia lafaatiin kan ka'e sigiga lafaa fi yaa'uun cirrachaa yeroo baayyee to'atamuu hin kan danda'amne yoo ta'u, kunis pirojektichaaf balaa guddaas ni fida," jedhan injinarii olaanaa biiroo ji'ooloojii bulchiinsa Sichuan bara 2022 keessa.
Akka tilamaama biiroo Qabeenya Bishaan Choongiitti, pirojektichi baasii hanga Yuuwaan tiriliyoona tokkoo (Doolaara biiliyoona 127; paawundii biiliyoona 109.3) baasuu danda'an.












