Addunyaa irratti hallayyaan baayyeen gandoota guutuu liqimsaa jiru

Itti fufuuf sololaachisi

Hallayyaan Buritikuppuu dirooniin kan waraabaman keessaa tokko

Kun magaalaa kaaba-baha Biraaziil keessaa, daadii Buriitikupuu keessaa tokko kan turedha.

Hallayyaan Buritikuppuu dirooniin kan waraabaman keessaa tokko

Amma boolla ballaa m80 gadi fagaatudha- gamoon abba darbii 20 keessa seenuu danda'a.

Hallayyaan Buritikuppuu dirooniin kan waraabaman keessaa tokko

Jirraatoota naannichaa warra ganamaa afaan Tupii-Gu'araanitiin bakki akkasii ''hallayyaa'' ykn ''lafa cite'' jedhuun.

Hallayyaan Buritikuppuu dirooniin kan waraabaman keessaa tokko

Lolaan hallayaa kun dhiqama biyyoo roobaafi bishaan xurii yaa'uun kan uumamedha.

Hallayyaan Buritikuppuu dirooniin kan waraabaman keessaa tokko

Laatiin Ameerikaafi Afrikaatti haala saffiisaafi yaaddeessaan babal'ataaafi manneen hedduu barbadeessaa jira.

Qondaalli imaammataa duraanii Joosee Riibaamaar Siilveyiiraan hallayyaa keessatti kufee xiqqummaaf ole.

Caamsaa 2023 keessa halakan tokko bashannanaa booda gara manaatti oofaa osoo jiru daandiirra maqe.

Maanguddoon waggaa 79 konkolaataa poolisii durii booddeetti naanneessuun oofuu eegale. Halkan ture, naannoo Vokorokaawu mallattoon akeekkachiisaa ykn dhorkaa hin turre. Osoo omaa hin argiin konkolaaataansaa hallayyaa guddaa keessa gale.

'Konkolaatichi kan mucucaate saffiisaan ta'ulleen, mucaakoo xiqqaatu sammuutti na dhufe'' jedhan BBCn.

Balaa kanaan dura mucaansaa Geeyil baati afur gutee ture. Waaqni mucaakoo xiqqaa guddifachuu akkan danda'u akka na olchuufan kadhadhe'' jedha Let. Siilveyiiraan.

Balaa kanaan of wallaalee sa'aatii sadiin booda kan dammaqe yoo ta'u, hallayyaa keessatti of arge. Hojii lubbuu baraarsaa cimaafi bayyanachuu baatii dheeraa booda dhadhaabbata malee socha'uu danda'e.

Suura Joosee Riibamaar Silviiraa hallayyaa cinaatti
Joosee Siilveeyiraan erga hallayyaa bu'een booda du'arraa xiqqummaaf oole.

Mudannoonsaa kunis agarsiiftuu balaa jiraattoonni Buriitiikupuu kuma 70n mudataa jiruuti.

Hallayyaa hedduun hanguma uumamu, yaaddoo bulchiinsa Maaraanaahoo bosona Amaazoon biratti argamtu bakka lamatti hira jedhu uumeera. Galaanarraa ol ka'insa m350 irratti kan argamtu Butiikuppuutti, hallayyaa 30n kan argaman yoo ta'u, guddichisaa kan km1 gadii adda qoodamedha.

'Dureewwan kana to'achuu yoo hin dandeenye, walitti dhufuun laga uumu'' jedha ji'olojiistiifi Yunivarsitii Maaraanaahotti pirofessarri, Idiiliiyaa Dutiraa Peereyiraa.

Hallayyaan qaama seenaa ji'oloojii dachee waggoota miliyonootaati.

Piro. Peereyiraafi ogeessoota dubbifne biraatiif hallayyaan amma jiran saffiisaan bal'achaafi haaraan ammoo sababii jijjirama qilleensaa rooba olaanaa hordofsiisuun uumamu danda'uu jechuun yaaddoo qaban himu.

Suuraalee saatalaayitii Buriitikuppuu ibsi itti dabalame

Akkasumas, magaalonni haala hin baramneen yoo babal'atan, balaan naannoolee bu'uraaleen misoomaa lolaan ittiin darbu gahaa hin diriirreefitti ni dabala.

Laatiin Ameerikaatti Biraaziil biyya baayyee saaxilamtuu yoo taatu, Meeksiikoo, Kolombiiyaa, Ikuwaadoor fi Arjentiinaan rakkoo wal fakakatuuf eeramaniiru. Ardittiin alattis Afrikaatti kan akka Angoolaa, DR Koongoo fi Naajeeriyaatti hallayyaan hanaga km 2 dheeratu uumamee balaaf saaximaniiru.

Maappii addunyaa dhiqama hallayyaatiif saaxilamaa ta'an agarsiisu

Dhiqamni akkasiis Chaayinaa, Ameerikaa fi Awuroppaatti kan lafa bajjii qonnaaf ta'utti yaaddoo ta'edha.

As jiraachuuf baayyee balaadha

Ragaan du'a hallayyaan walqabe agarsiisu hin jiru. Haata'u malee, aanga'oonni Buriitiikuppuu hallayyoonni manneen 50 ta'an kan liqimsan yoo ta'u, jirraattoonni muraasni manaafi qe'eesaanii gatanii baqatan jedhan.

Manni Mariisaa Kaardosoo Fireyiree qarqara hallayyaa irratti kan argamu yoo ta'u, dhaabbata ittisa balaa biyyattiin Caamsaa 2023tti ''balaa olaanaa'' jedhameera.

Maatiiwwan 100 gara biraa waliin** manashee gattee naannoo Buriitikuppu irraa deemuu qabdi.

Bulchiinsa magaalaa namoota buqqaafamaniif kiraa manaa kaffaluuf waadaa seene. Ta'us, Mariisaan bulchiinsichi yeroon kiraa akka hin kaffalleef, akkasumas kan itti kireessan baasuuf akeekkachiisa kennuufii dubbatti.

BBCn bulchaan magaalaa Buriitikuppuu wayita dubbisetti, deebii kennuuf hayyamamoo hin taane.

Suura Mariisaa Kaardosoo Fireeree manashee durii Buritikuppuu keessatti
Mariisaan mannishee liqimfamuu amantee fudhachuuf rakkatteeti.

Saroonni lama mana Mariisaa duraanii keessa turan hallayyaa bu'anii du'an.

Guyyaa tokkos mucaashee waggaa 10 fi dhibee otizimii qabu, Inzoon barbaacha sagalee guddaan waamte.

Inzoonis aariidhaan gara hallayichaatti fiiguun, ''lammata yoo natti iyyite hallayyaa kanattan of darbadha'' jechuun dorsiise.

'Isaan booda ture abbaan warraakootti asi jiraachu hin qabnu. Baayyee balaa qaba jedhee itti hime.''
Mariisaa Kaardoosoo

Tarii mana ijaarte keessa jiraachuuf gonkumaa hin dandeessu ta'a.

'Diisee yoon deemu, itti milkaa'uudhaaf baayyee waan dhamaaneef qalbiin koo na cabee ture.''

Attamiin asirra qaqqabu danda'e?

Dhiqamu biyyoo akkasii kanaaf mancaatiin bosonaa gahe olaanaa qaba.

Buriitikuppuun amma lafa gogaa, dhakaadha garuu ammoo qaama bosona Amaazoniif kan dur mukeeniin haguugame ture.

Bara 1990mootatti indastiriin hojii mukaa naannichatti babal'ate. Dhaabbilee muka baqaqsan fi sa'aatii 24 hojjatan 50 olitu ture. Waggaa 20 booda bosonni magaalattii walfaana dhume.

'Naannoon bosonaan uwwifamuun barbachisaadha. Sababiinsaas yeroo robaatti dhiibbaa lafarra bu'u hir'isa.
Idiiliiyaa Dutiraa PeereyiraaJi'olojistiifi Yunivarsitii Maaraanaa'otti pirofesara
Animeeshinii dhiibbaa robin naannoo bosona maleessa ta'an irraan gahu agarsiisu

Biqiltuuwwan ykn mukeen rooba dhuganii hambisan gahaan yoo hin jiraanne...

Animeeshinii bishaan lafarraa

Cobni roobaa biyyoo keessa darbee seenuun akka bishaan kuusu taasisa.

Animeeshinii yoo burqituuwwan uumaman agarsiisu

Burqiituuwwan uumamanii biyyoo dhiqanii fudhatu.

Animeeshinii yoo hallayyaan uumamu agarsiisu

Hallayyaan ykn qileewwan ni uumamu.

Jijjiramni qilleensaa naanolee dhiqama hallayaatiif saaxilamaa ta'anitti roobni cimaan akka jiraatu taasisuun dhiibbaa olaanaa uuma.

Buriitikuppuun kan dur caalaa rooba cimaa bubbee makate akka argattu Yunivarsitii Maaraanhoo'oatti qorataan jijjirama qilleensaa, Ju'areez Mootaa Piinheyiroo ni dubbatu.

Jalqaba baatii 2023tti, bulchiinsi Maaraanho'oo lolaa seenaa keessatti cimaa ta'e mudate. Magaaloonni 60 ol labsii yeroo muddamaa labsan. Lammileen kumaatamni mana malee yoo hafan, hedduun ammoo du'aniiru.

Hallayyaa Buriitikuppuu
Hallayyaan kun kanneen 30 Buriitikuppuutti argaman keessaa tokko.

'Ammi roobaa (dhuma jaaraatti) harka 10-15 akka dabalu raagni ni mul'isa. Baayyee fakkaatu dhiisuu mala. Garuu irra deddeebiin roobni cimaan yoo mudate dhiqamni biyyoos haaluma sanaan jijjirama'' jedhu Beeljeemiitti Yunivarsitii Leyuveen irraa kan ta'an Maatiiyaas Vaanmeerke.

Isaafi hiriyaansaa Jiin Poyisan odeeffannoo hallayyaa 700 ol addunyaa kanaa xinxaluun, yoo roobni haala sanaan dabale, dhiiqamuu hallayyaa dachaa lama ykn sadii dabala jedhan.

'Qorataa bu'aa qorannoo jijjiramni qilleensaa balaa kana ni hammeessa jedhuun waliin hin galle argachuun ni rakkisa'' jedhu Piro. Vaanmeerkeen.

Sodaa roobaa

Taateen kun ummata Afrikaa dabalee kanneen addunyaa guutuutti argaman kan miidhudha.

Magaalaa guddoon DR Koongoo Kinshaasaan hallayyaa magaalaa dhibba ta'an kan qabdu yoo ta'u, tookkonsaa hanga km 2 dheerata. Magaalaa bakka jireenyaa ummata mil.12 taatetti hallayyaan km 165 olitu argama.

Suura hallayyaa Kinshaasaa
2021tti Kinshaasaatti daandii guddaan Aanaan Monti Nigaafuul wal qunnamsiisu jigee hallayyaa ta'e.

Mudde 2022 halkan tokko rooba cimaa Kinishasaatti roobeen, namoonni 60 du'anii mannisaanii jigee hallayyaa bu'eera.

Aleeksaandiraa Kaadaadaa achi ture.

'Wanti hunduu kan mudate daqiiqaa 30-40 jidduutti ture. Hallayyaan uumamuu eegalee manneenis ni badan. Naannichi hin beekamu'' jedhu.

'Qabeenyaankoo, mannikoo, hundi ni bade. Ijoollee fi haadha warrakoo qofan baraaruu danda'e.''

Ollaafi ijoolleen Kaadaadaa arfan saaxilamoota baalaa keessaayi. Abbaan warraashee miidhaaf saaxilameera.

Suura Aleksaandar Kadaadaa qe’eesaa Kinishaasaa keessatti
Amma Aleekisaandar Kaadaadaan pirezidantii bakka butoota garee saaxilamtootaati.

Ijoolleen Kaadaadaa yoo qilleensi xiqqoo jijjiramu ni sodaatu.

'Roobatu waan hunda nu dhabsiise. Roobni du'aafi gadda nutti fide'' jedhan.

Piro. Vaanmeeyirkeen ''Antiroposiin balaa naannoo haaraa akka ta'ettiin ilaala'' jedhan. Antiroposiin jecha saayintistoonni muraasni yeroo dhihoo, yeroo sochiin namootaa pilaaneetii miidhee, jechuuf fayyadamaniidha.

Bara 2023tti ummanni Kinishaasaa mil. 20 ta'a jedhamee tilmaama. 2050tti ammoo mil. 30 gahuun magaalaa guddoo Afrikaa keessaa taati jedha tilmaamni Baankii Addunyaa.

Guddina magaalaa to'annoo malee** ittisa umamaa kan ta'e bosonni ciramuun, akkasumas eddoowwan mijataa hin taane seeraan alaan qabachuu hordosiisa.

Suura saatalaayitii Kinishaasaa bara 2004-2023 agarsiisu

Jiraattonni Buriitikuppuu rooba sodaatu.

Qarqara hallayyaatti abbaan qabeenyaa gaaraajii guddaa namni waggaa 52 ta'e Jo'aa Baatistaa, ''yeroon lafti amma mana tokko gahu itti cite jira. Waan hunda raasa. Ummanni ni booha. Gaddisaa cimaadha'' jedha.

'Maamiltoota harka 40 dhabeera. Baayyeen as dhaabbachuu sodaatu'' jedha. Garuu ammoo dhiisee deemuu hin fedhu.

Vokorokaan garaajii duubaan duraan bakka ijoolleen kubbaa miilaa itti taphatan ture jedhu. Amma garuu hallayyaan hundaa liqimseera.

Suura Jo’awoo Baatistaa hallayyaa Buritikuppuu jiru biratti
Garaajii Baatistaa bira manneen onaa ta'anitu jiru.

Dhiqama biyyoo hir'isuu yaaduun shimala dhaabuu eegalan. Ta'us, cimina rakkinichaatiif Buriitiikuppuu furmaata cimaa barbaaddi.

Maaltu hojjatamuu danda'a?

Piro. Vaanmayarkee garuu kun hundi maandiisii sirriifi invastimantii ''waliin dhaabbachuu danda'a'' jedhu.

Piro. Paayiseen bishaan roobaafi lolaa to'achuuf, biyyoo hallayyaa dhiqamu dhaabuuf, bishaan naannoolee hallayyaaf saaxilaman dabsuuf magaalonni yaa'aa gaarii ijaaruu qabu jedhu.

Suura saatalaayitii hallayyaan Buriitikuppuu 2014- 2022tti agarsiisu

Kun garuu magaalaa bajata gahaa hin qabnetti baasii olaanaadha.

Biiroon abbaa alangaa bulchiinsa Maaraanhoo'o karoorri irratti waliigalame hojiirra oolaa hin jiru jechuun magaalaa Buriitiikuppuurratti tarkaanfii fudhachuuf socha'e.

Kantiibaan Buriitikuppuu, Jo'aa Tekisiiyaraa da Silvaa, dhimmicharratti dubbachurraa of qusatan. Garuu ammoo hojii rooba dabarsuu hojjachuuf mootummaa federaalaarraa maallaqa gaafatan.

Mootummaan biyyaa dol. mil. 60 Buriitikuppuuf kennuuf yaaduu dubbatan. Yaa'aa bishaaniifi ujummoo, daandii suphuufi manneen diigaman 89 suphuuf dol. kuma 125 gadhiisuu beeksiise.

Ministeerri egumsa naannoo akka jedhetti, sagantaan kun ''magaalaatti sirna balaa dandamatu'' qabaachuuf kan ooludha. Kun garuu ammatti Buriitikuppuutti omaa buusaa hin jiru.

'Hojiiwwan wal xaxaadha. Hojiiwwan qabeenya olaanaa gaafatu'' jedhan kantiibichi. ''Kan barbaadnu magaalaa fi sadarkaa federaalaatti itti gaafatamummaan akka jiraatudha.''

Garuu ammoo Jo'aa Baatistaa hallayyaan garaajii duuba jiru bal'ataa jiraachuu yaadate. Tarii achii ka'e deemuu qaba ta'a.

'Dachee umamaa keenya yoo kunuunsine malee akka badnu nutti himaa jirtu. Roobni haala akkanaan itti fufnaan, carraan keenya harka Waaqaa jira. Sababiinsaa wanti gochuu dandeenyu omtuu waan hin jirreefidha.''