Hidhi Kooyishaa anniisaa maddisiisuurratti maaliif harkifate?

Madda suuraa, Miidiyaa Hawwaasaa
Ragaan Baankii Addunyaa akka agarsiisutti, lammiileen Itoophiyaa miliyeena 57 ta'an dhiyeessii elektirikii qaban.
Waggoota kurnan darbanitti Itoophiyaatti dhiyeessin elektirikii fooyya'aa deemus biyyoota Afrikaa Sahaaraa gadii keessaa hanqina dhiyeessii elektirikaan Itoophiyaan sadarkaa sadaffaarratti argamti.
Anniisaa elektirikaa Hidha Guddicharraa argamu dabalatee yeroo ammaa biyyattiin anniisaa elektirikaa meegaa waattii 5250 maddisisuu akka dandeessu Tajaajilli Anniisaa Elektitikaa Itoophiyaa ni iba.
Hidhi Kooyishaa ammoo pirojektoota madda anniisaa ijaarsarra jiran keessaa tokkoodha.
Hidhi Kooyishaa Finfinneerraa fageenya 540km fagaatee Naannoo Kibba Lixa Itoophiyaa keessatti Laga Oomoo bu'uura godhachuun Aanaa Koyishaa keessatti ijaaramaa jira.
Tajaajila Anniisaa Elektirikaa Itoophiyaatti Itti Gaafatamaa Kominikeeshinii kan ta'an Obbo Mogas BBCtti akka himanitti, hidhi Kooyishaa olka'iinsa lafaa meetira 783 irratti kan argamuufi dheerina meetira 201 kan qabu ta'uusaa dubbi
Hidhi anniisaa elektirikaa maddisiisuf ijaaramaa jiru kun bara 2008 ALItti kan eegale yoo ta'u, anniisaa elektirikaa meegaa waattii 1800 omishuuf karoorfameeti.
Hidhi kun yeroo silaa itti xumuramuu qabu bira darbee ammayyuu ijaarsarra jira. Saffisni ittiin ijaaramaa jirus harkifataadha jedhama.
"Liqiidhan wal-qabatee hidhi kun saffisa barbaadamuun akka hin hojjatamne godheera," jedhu Obbo Mogas.
Hidhi kun ijaaramee gaafa xumuramu lafa iskuweerk Kilomeetira 100 kan uwwisuufi bishaan kiyuubik meetirii biliyeena 6.5 kan qabatuudha.
Akka Obbo Mogas jedhanitti hidhi kun hangi bishaan qabatuu xiqqaa ta'us, olka'iinsa qaburraa kan ka'e anniisaa guddaa maddisiisuu danda'a.
Maddi maallaqa ijaarsa Hidha Kooyisaa eessa?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Obbo Mogas BBCtti akka himanitti ijaarsi pirojektii Kooyishaa yeroo ammaa dhibbeentaa 61rra kan jiru yoo ta'u, ijaarsi hidhichaa gaafa eegalu baankin Xaaliyaanii Saachee jedhamu liqii dhiyeessee ture.
"Liqii pirojektichaaf barbaachisu akka dhiyeessu erga walii galee booda, yeroo tokko qofa liqii kennee kaan dhiyeessuu hin dandeenye," jedhuun qaamni qaamni liqii kennu yeroo sanatti dhabamuurraa kan ka'e bajata mootummaan ijaaramaa jiraachuu himu.
Hidhi Kooyishaa yeroo jalqabu Yuuroo Biliyeena 2.4 fudhata jedhamee kan karoorfame yoo ta'u, ammatti baasin pirjektichaa sana caalaa akka deemutu tilmaamama.
Wantoota baasin akka dabalan godhan keessaa tokko yeroo ijaarsi hidhichaa danqamee turetti dhabbanni ijaaru yeroo hojii malee taa'e sana beenyaa gaafachuu isaati.
Dhiyeessii maallaqaa amma jiruun hidha kana xumuruuf hanga waggaa 4 turuu akka danda'u kan himan Obbo Mogas dhiyeessin faayinsansii biraa yoo jiraate garuu yeroo gabaabatti xumuramuu danda'a jedhan.
Pirojektoota madda anniisaa ijaarsarra jiran
Itoophiyaa keessatti pirojektoonni madda anniisaa shan ijaarsarra kan jiran yoo ta'u, ijaarsa hidhaa dabalatee kan bubbee ji'otarmaaliti. Kanneen keessaa pirojektoonni ijaarsa hidhaa harka guddaa qabatu.
Ijaarsi Hidha Abbaayaa kan jalqabaa yoo ta'u, anniisaa elektirikaa meegaa waattii 5150 maddisiisuu kan danda'uudha.
Kan biraa ammoo waggaa torba dura kan eegale Hidha Koyishaa yoo ta'u anniisaa elektirikaa meegaa waattii 1800 maddisiisa jedhamee eegama.
Pirojektoonni bubbeerraa anniisaa eletirikaa meegaa waattii 220 maddisiisan ijaarsarra kan jiran yoo ta'u kan jalqabaa naannoo Somaalee Aanaa Ayishaa keessatti argama.
Ijaarsi bubbeerraa anniisaa maddisiisuu biroo ammoo Naannoo Oromiyaa Asallaatti ijaarsarra kan jiru yoo ta'u anniisaa meegaa waattii 100 maddisiisa jedhame.
Pirojektiin biroo ammoo Aluutoo Ji'ootarmaalii yoo ta'u, maraa lammataan ijaarsarra kan jiruufi marsaan jalqabaa dhibbeentaa 98 irra gahuutu himame.















