Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Bilisummaa Intarneetiin Afrikaa Kibbaa qabxii olaanaa, Itoophiyaan isa gad-aanaa argatan
Bara 2024 keessa bilisummaan Intarneetii biyyoota Afrikaa fooyya'insa akka agarsiise Itoophiyaan ammoo ''bilisummaa intarneetii kan hin qabne'' ta'uu Freedom House beeksise.
Dhaabbanni bilisummaafi dimookiraasiin akka dagaagu hojjetu Freedom House gabaasa isaa kan waggaa Onkololessa 16, 2024 baaseen Afrikaa keessatti bilisummaan intarneetii fooyya'insa agarsiisaa jiraa jedhe.
Biyyoota Afrikaa 17 keessatti mirga fayyadamtoonni onlaayinii qaban qorachaa akka ture kan ibsu dhaabbatichi, Afrikaan Kibbaa qabxii 100 keessaa qabxii 74 argachuun biyya bilisummaa qabdu jedhamuu, faallaa isaatiin Itoophiyaan qabxii 27 argachuun biyya bilisummaa hin qabne jedhamuu ibse.
Fayyadamtoonni intarneetii biyyoota Afrikaa yaada ibsatan irraa ka'uudhaan doorsiisaa fi miidhaa qaamaatiif guddoo saaxilamuu gabaseera.
Aanga'oonni Itoophiyaafi Sudaan ammoo walitti bu'iinsa hidhattoota waliin godhan akka sababaatti kaasuun intarneetii ugguru, gaazexessitoota oonlaayiniis adamsuu jedha.
Biyyoota qo'annoon kun hammate 17 keessaa biyyoota 16 keessatti fayyadamtootni intarneetii sababa yaada isaanii qoodaniif hidhaan irra gaheera.
Biyyoota sagal keessatti ammoo haleellaan qamaafi ajjeechaan irra gaheera jedha gabaasichi.
Bara kana biyyoota Afrikaa keessaa Zaambiyaan qabxiishe akka gaariitti warra fooyyeffatan keessaa adda dureedha.
Akka gabasa dhaabbatichattiItoophiyaan biyya qabxii gadaanaa argattedha.
Itoophiyaatti aansee qorannoon kan ilaale Sudaanifi Masriin lamanauu qabxii 28 argachuun bilisummaa hin qaban jedhamaniiru. Afrikaa Kibbaatti aansee biyyi bilisummaa intarneetii qabaachuun qabxii argatteen lammaffaarra argamtu Keeniyaadha.
Keeniyaan qabxii 62 argatte, Ugaandaan ammoo 53n sadaffaadha.
Itoophiyaan baroota darban sababa dhibdee nageenyaan intarneeta irra deddeebiin raawwattuun maallaqa guddaa dhabaa jirti.
Akka gabaasni TOP10VPN bara 2022 bahe agarsiisutti sababa uggura intarneetii biyyattiin bara 2021 keessa aallaqa dolaara miliyoona 164.5 kan dhabdeetti.
Bara 2023 keessa ammoo maallaqa doolaara biliyoona 1.9tti tilmaamamu dhabde jedha.
Dhaabbatni Center for Rights and Democracy ammoo biyyattiin sababa uggura intarneetaa bara 2023 keessa maallaqa doolaara biliyoona 1.59 ta'u dhabdeetti jedha. Bara 2023 keessa Itoophiya akeessa intarneetiin sa'aatiiwwan 14,900f baduufi maamiloota miliyoona 29 miidhuu gabaase.
Akka Freedom House jedhutti biyyoota addunyaa irratti qorachaa bahe 72 keessaa 25 kan ta'an intarneeta adda kutu, miidiyaa hwaasaas ni ugguru. Dabalataan marsariitiiwwan dantaa siyaasaaf oolanis ni ugguru.