Waa'ee 'Diggaa Saaqoo' yeroon Yuniversitii turen sirbuuf murteesse

''Yoo hojjenne waan guddummaa uummata kanaa [Oromoo] mul'isu hojjechuu qabna,'' jedha Artist Yoosan Geetahuun waa'ee wallee isaa haaraa irratti wayita gaaffii fi deebii BBC waliin taaisu.

Walleewwan jiruu fi jireenya uummataa mul'isan, irra caalaa viidiyoodhaan dabaalee hojjechuun kan beekamu Artist Yoosan, tibbanas wallee mata dureensaa Jomoree jedhu uummata biraan ga'eera.

Walleen haaraan kun qabiyyeensaa jaalalaan qabee seenaa kan mul'isu, waraabbiinsaas qulqullina barbaachisuun akka hojjetame namoonni miidiyaa hawaasummaarratti yaadasaanii ibsaniiru.

Artist Yoosan walleewwan akkanaa turee hojjetus garuu qalbii namaa keessa kan turan hojjeta jechuun kan yaada kennaniifis jiru.

Weellisaan kun maaliif akka yeroo dheeraa fudhatu BBCtti himeera.

''Daddaftee, amma amma, waan gadi fageenyaan hin qoratamnee fi hawaasa keessnya waliin walitti dhufeenya hin qabne sirbuu mannaa yeroo fudhattee hojii gaariidhaan uummatatti gadi ba'uu wayya,'' jedha Artist Yoosan.

''Waan sabni kun keessa jiruun walqabatee waan sirbuu qabdu sirbuurratti of eeggannoo gochuu qabda.''

Wallee jaalalaan qabee seenaa himu- Diggaa Saaqoo eenyu?

Artist Yoosan Geetahuun walleewwan jiruu fi jireenya uummata Oromoo calaqqisiisan weellisuun akasumas qulqullina ittiin hojjetuun baayyee jaallatameera.

Walleen haaraan 'Jomoree' jedhu kunis kan itti ifaajame akka ta'e qabiyyee fi viidiyoo isaatu dhugaa baha.

Artist Yoosan akka jedhutti walleen kun seenaadha, garuu jaalalaan qabee seenaa hima.

''Xiyyeeffannoon kun seenaadha. Waggaa 10 dura wayitan Yunivarsitii Jimmaatti barachaa turen kana yaade,'' jechuun ka'umsi wallee kanaa dur ta'uu ibse.

Barnoota Hoogbarruu fi seenaa Oromoo irratti fuulleffatu- Oromo Folklore and Literature kan barate Artist Yoosan, yeroo sana seenaan wallee kana keessatti eerame qabiyyee qorannoo isaa akka ture hime.

Yeroo sana qorannoo isaa deeggaruuf nama walaloo Afaan Oromoon beekaman Obbo Zalaalam Abarraa wabeeffachaa akka ture hime Artist Yoosan.

''Barnoota walaloo keessatti wayita qorannoo gaggeessinu animmoo seenaasaa [Diggaa Saaqoo] Obbo Zalaalamirraan qoradhe.''

Seenaan Diqqaa Saaqoo yerooma sanarraa eegalee isa hawwatee keessa isaatti akka hafe kan himu Yoosan, waa'ee nama kanaa sirbuu akka qabu yerosuma akka murteesse dubbate.

''Yeroo sanan Yunivarsitii Jimmaa taa'ee gaafan ba'u sirba kana hojjechuun qaba jedheen xiyyeeffannoo qaba. Sirbi kun albama kiyya keessa jira. Bulloo waggaa tokko dursee hojjetame. Amma waggaa shan ykn ja'a ta'a jechuudha.''

Artist Yoosan wallee waggaa shan dura hojjetee fi amma viidiyoo itti hojjetee baase kanaan aarsaa Diggaa Saaqoo dhugaaf kaffale mul'ise.

''Oromoo fi dhugaan jaalalli isaan waliif qaban, danagaan isaan gidduu jiru hangam akka ta'e Diggaa Saaqoo keessatti argita. Bakka Oromoon dhugaaf qabu argita. Dhugaaf hanga lubbuu tokkittii ofii wareeguutti deema.''

Artist Yoosan Geetahuun nama seenaasaa qabiyyee wallee isaa godhate kana wayita ibsu ''haqa qabuuf amanamee dabarsee kennuu dide. Lubbuusaa kennee dhugaa jiraachise,'' jedhe.

Walleen kun sanyii Diggaa Saaqoo jaallatee, ammoo seenaa isaa qaaccessa kan jedhu Artist Yoosan, aarsaa uummanni Oromoo kutaa Oromiyaa gama lixaa jiru guutummaa Oromoo fi Oromiyaaf kaffales kanaan ibsuuf akka ta'e dubbate.

''Sabni koo lixaa kun gabrummaa qolachuu fi Oromoo bilisoomsuu keessatti aarsaa kaffaluu namoota akka Diggaa kanaan mirkanaa'a. Goonni Arjaadha. Sabaaf lubbuusaa kenna. Roorroo qolachuuf gootota wareegamaniif inni calaqqeesaaniiti.''

Walleen haaraan kun sararuma jalqabaarratti ''Yaa intala sanyii shira mormee citu mormaa...'' jedhee eegala.

Intalli sun kan eenyuu akka taate ammoo itti aansuun ibsa.

Korma hin qabu morma koo

Kennaa hin kennu haqa koo

Jedhee albee fudhatee, kufe Diggaa Saaqoo jedha.

Jomoreekoo Jomoraatoo

Du'arrra eenyu sodaatu

Jomoreekoo Jomoraakee

Diggaa haqaaf morma laate

Bara taateen seenaa keessatti dubbatamaa hafe kun mudatu mootii Noolee lamatu walqoccolaa turan.

Jaarsoliin biyyaa dubbii kana gartokkotti baasuuf wayita jedhan rakkoon uumame.

Murteen dabaan Diggaa Saaqoorratti darbuun mootiin Noolee kun dhugaasaa dhabe jechuun waan odeeffate dubbata Artist Yoosan.

''Namni dursee dhiiga buuse abbaa hora kanaa ta'an jedhan. Yoona kana Diggaadhaaf wanti kun shira ta'uun galeef. Mootiin inni kaan dureessa dursee korma bosona kaa'eera.''

Diggaan ammoo hiyyeessa waan ta'eef akkanni waa harkaa hin qabne baranii shira irratti raawwatan. Matta'aa nyaatanii mootiin inni kaan akka korma qopheeffatu itti himan.

''Diggaan garuu haqa koo hin fudhattan. Dhiiga kan barbaachisu yoo ta'e kunooti dhiigni koo jedhe.''

''Korma hin qabu garuu morma koon kenna jedhe. Hin kennu haqa koo jedhe. Haqa dabarsee kennuu dideetu mormasaa kenne,'' jechuun seenaa Diggaa Saaqoo ibsa Artist Yoosan.

''Haqni kan uummataati, seenaadha. Lubbuun kan nama tokkooti.''

Artist Yoosan Geetahuun aartiin kennaa uumamaan yoo ta'e bareeda jedha, garuu ammoo beekumsaan deeggaramuun baayyee bareecha jedhe.

Barnootaan deeggaramuun seenaa, aadaa, eenyummaa fi jiruu fi jireenya hawaasaa isa dhugaa fi qorannoorratti hundaa'e mul'isuuf gargaara.

Artist Yoosan Kennaa uumamaan qaburratti barnoota Afaan fi seenaa Oromoo barachuun hojiisaa akka utubeef hime.

''Hanga beektu hojjetta, hanga beektus waa namaaf ibsita. Beekumsaan deeggaramuun ga'ee guddaa qaba.''

Bara dhaloota teeknooloojiitti dorgomaa ta'uuf...

Jaarraa 21ffaa kana keessa dhalooti Teeknooloojii viidiyoo irratti xiyyeeffata kan jedhu Artist Yoosan Geetahuun, ''keessattuu viidiyoowwan karaa TikTok hojjetamanfaa bira dabartee dorgommii sanaa ol taatee yaaduu qabda,'' jedha.

Wallee haaraa kana keessatti seenessa qofa osoo hin taane waan mul'isu irratti xiyyeeffannaa akka kenne dubbate.

''Seenaa, qabeenya, bareedina..waan sabi sun qabu hunda achi keessatti argita.''

''Sirba tokko yogguu hojjettu Oromoo bakka buutee hojjetta. Oromoon hundi keessatti of ilaala. An Oromoofin sirba,'' jechuun ejjennoo ittiin taliigamu dubbata Artist Yoosan.

Namoonni waan qarshii guddaa baasaniif waan kilippii qulqullina qabu hojjetan itti fakkaata kan jedhu Yoosan, wanti ijoon jalqabarraa kaasanii qabiyyee wallee sanaa ogeessa faana mari'atanii hojjechuudha jedha.

''An ogummaarrattin xiyyeeffadha. Ogeessa malee hin hojjedhu. Qabiyyee sirba koo ergan seenesseefii boodan hojiitti seena.''

Wallee kana namni haaraan Amaanu'eel Margaa jedhamu bareechee kan hojjeteef sababa ogummaadhaan hoogganamaniif ta'uu ibse artistiin kun.

Hojii kanaafis daarektara wallee kanaa Amaanu'eeliin galateeffateera.

Viidiyoon wallee kanaa waan bakka sanattin argamanii hojjetan fakkaata, Artist Yoosan garuu bakka sana osoo hin deemin ogummaa aartii fayyadamuun miira bakka sana jiru mul'isne jedhe.

''Oromoon yaada dhaggeeffata, muuziqaa qofa miti''

Artist Yoosan Geetahuun sadarkaa amma artiin Oromoo irra ga'ee jiru ilaalchisee yaada kenneera.

Walleewwan garii dhiheenya kana ba'anirraa wanti hubannu, yeedaloo, sagalee fi viidiyoon bareedee garuu ammoo walaloon kan hawaasicha hin madaalle ta'ee argina jedhe.

''Aartiin kennaadha. Hunduu kennaa qaba. Yoo sagalee qabaatan waan biraa isa beekutti kennan. Akkanumaan walaloon waan mana rukuteef wallee hin ta'u.''

Uummanni Oromoo ergaa ykn yaadi ati dabarsitu dhaggeeffata kan jedhu Yoosan, ''waan inni keessa jiru akka dubbattuuf barbaada. Seenaasaa dhokate akkati baastu barbaada,'' jedhe.

Seenaa fi duudhaa, falaasama, guddummaa uummata kanaa gadi baasee mul'isuuf dirqama kan qabu aartistiidha jechuun dhaame Yoosan.

Artistiin kun walleewwan isaaf walaloo ofumaaf barreessa. Artistoota hedduufis walaloo kenneera.

Walleewwan isaa keessaa Bulloo kan jedhu YouTube irratti guddoo ilaalame, jaallatamellee.

Kun sadarkaa guddinni aartii fi Afaan Oromoo irra jiruuf agarsiistuu tokko.

Artist Yoosan Geetahuun albama qopheessee jiraachuu fi ji'oota sadan dhufan keessatti akka eebbisiisus ibseera.

''Albama xumureera. Ergan xumuree tureera. Garuu qilleensumti bareeda ta'e saba kiyya keessatti haa dhalatu jedheeni. Albamni yeroo barbaada. Yoo nagaan jiraatedha hunduu. Namni garaan quufee fi kaan gammachuunsaa tokko miti. Hunduu gammadee akka simatuufan yeroo eegaa jira. Yoo Rabbi jedhe Fulbaana kan booda ji'a sadi, afur hin dabarsu jedheen yaada.''

Jiruu aartii fi barnootaa

Artiin kennaadha malee waan barataniif qofa hin argatan kan jedhu Artist Yoosan, ofiisaatii dandeettii fi jaalala aartii ijoollummaan keessa ture barnootaan gabbifachuun milkaa'uu hime.

''Daa'ima waggaa lamaa ta'ee jaalala sirbaa akkan qabu maatiin kiyya natti himaniiru. Egan of barees kutaa ja'arraa eegalee bakka sirbi jiru hunda deemee shaakalaan ture,'' jedhe.

''Abbaan kiyya barnoota koorratti akkan cichu waan fedhuuf anis barnoota kiyya osoo hin gadhiisin baradhee ergan Yuuniversitii seenee barnoota aartiin baradhe.''

Artist Yoosan Yuniversitii Jimmaa kan seene barnoota ''Business Administration and Information System'' jedhamuun, garuu fedhi qaburraa ka'uun barnoota ''Oromo Folklore and Literature '' jedhamu dabalataan barate.

''Aadaa, seenaa fi aartii Oromoo qo'achuuf fedhii waanan qabuuf barnoota 'Oromo Folklore and Literature' halkan barachaan ture. Turtii waggaa ja'aa Yuniversitii Jimmaa ture keessatti gola aartii Oromoo irratti akkaan hirmaachaan ture,'' jedhe.

Aadaa, seenaa fi aartiin Oromoo dur eessa ture, amma eessa jira, garamitti deema kan jedhu haala qabatamaa Saba keenyaa fi taatee biyyoota addunyaan walqabsiisee waanan baradheef dandeettii aartii kiyya naaf cimseera jedhe Yoosan.

Ijoollummaarraa kaasee hojii aartii kanneen akka hurrubbii, diraamaa fi sirba keessatti akka hirmaataa ture kan hime Artist Yoosan, ''Ergan Yuuniversitii seenee, ammoo achiin boodas walaloo fi yeedalloo namaaf gumaachuu akkasumas ofiifis sirbuurratti xiyyeeffadhe.''

Artist Yoosan Biiroo Aadaa fi Tuurizimii jalatti qindeessaa Hawwisoo magaalaa Sabbataa waggaa tokkoof akka hojjete hima.

Biiroon Aadaa fi Tuurizimii namoota ogummaa aartii qaban, akkasumas aadaa fi seenaa irratti barnoota qaban hojjechiisuu qaba jechuunis dhaameera.