'Raashiyaan Awurooppaa haleeluun waan hin oolledha, isaan garuu qophii miti' - Poolaand

Madda suuraa, HANNIBAL HANSCHKE/EPA-EFE
Ministirri Muummee Poolaand Doonald Task Raashiyaan Yukireen mo'attee jennaan biyyoota Awurooppaa kaaniif waraanni waan hin oolledha jechuun akeekkachiisan.
Awurooppatti waraanni "waanta darbedha jennee yaaduu hin qabnu, waraanni waggaa lama dura [Awurrooppatti] jalqabe" jechuun weerara Raashiyaan Yukireen irratti gaggeessite kaasuun biyyoota Awurooppaa kaanifis akka hin oolle akeekkachiisan.
Gaggeessan Poolaand akeekkachiisa kana kennuunsaanii erga Raashiyaan gaafa Kamisaa, Bitootessa 28, misaa'ela hedduu Yukireenitti roobsuun bu'uuraalee misoomaafi anniisaa jalaa mancaastee boodadha.
Pirezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutin torbeedhuma kana biyyoota miseensa NATO haleeluuf kaayyoo homaa akka hin qabne dubbatanii ture.
Raashiyaan addunyaarratti kuusaa boombii nikularaa guddaa qabdi jedhamee amanama.
Puutin, biyyisaanii biyyoota miseensa NATO ta'aniifi ollaa Raashiyaa ta'an kanneen akka Poolaand fa'aa weeraruuf kan jedhu "dubbii hundee hin qabneedha" jedhanii ture.
Garuummoo Yukireen xiyyaara waraanaa ammayyaa US omishte F-16 fayyadamuun buufata waraanaa biyyoota Awuroopparraa kaatee Raashiyaa haleelti taanaan, biyyoonni sun "eessattiyyuu haa argamanii, qiyyaafannoo haleellaa Raashiyaa ta'u," jechuun Puutin akeekkachiisaniiru.
Raashiyaan gaafa Kamisaa, Bitootessa 28, haleellaa misaa'elaafi diroonii lakkoofsaan 100 ta'u Yukireen irratti gaggeessite.
Erga waraanni eegalee, haleellaa misaa'elaa guddaa ta'e si'a lammataaf Yukireen irratti gaggeessitedha.
Haleellaa kanaan naannoleen Yukireen hedduun ibsaa dhabaniiru. Pirezidaantiin Yukireen Voloodmir Zeleniskiin haleellaa kana "shororkaa misaa'elaati" jechuun ibsan.
Ministeerri Muummee Poolaand Doonald Task biyyoonni lixaa deeggarsa meeshaa waraanaa Yukireeniif taasisan gaafachuun waraanni kun waggoota lamaan dhufanitti Awurooppatti waan gara fuulduraatti ta'u kan murteessu ta'uu akeekkachiisan.
"Waraana Addunyaa Lammaffaa booda haala baay'ee rakkisaa ta'e keessa jirra," jedhan.

Madda suuraa, EPA-EFE/Jakub Szymczuk/KPRP
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Poolaand yeroo ammaa diinagdeeshee waggaarraa %4 kan ta'u bajata waraanaaf oolchiti. Biyyoonni Awurooppaa biroo ammoo galma NATOn kaa'e 2% waraanaf oolchaa hin jiran.
Akka Poolaand jettutti, biyyoonni Awurrooppaa US irratti hirkachuu caalaa waraanaan of danda'uu qabu.
Pirezidaantii duraanii Kaawunsilii Awurooppaa kan turaniifi amma MM Poolaand ta'uun tajaajilaa kan jiran Doonald Task biyyoonni Awurrooppaa waraana [Raashiyaarraa] itti dhufuuf dursanii qophii akka taasisaniif waamicha akeekkachiisa makate taasisaniiru.
Misniteerri Muummee Ispeen Peedroo Saanches, ummanni akka hin yaaddofneef jecha "waraana" jedhuu hin fayyadaminaa jechuun gaggeessitoota Gamtaa Awurooppaa gaafatanii akka turaniifi garuu Awurooppatti waraanni qabatamaan akka jiru himan gaggeessan Poolaand.
"Keessumaa dhaloonni haaraan lafaa dhufaa jiru waa'ee waraanaa dhagahuu akka hin barbaanne nan hubadha, garuummoo waanti haaran dhufaa akka jiru sammuu keenya qopheessuu qabna," jedhan Doonald Taask.

Madda suuraa, Omar Marques/Anadolu
Akeekkachiisa MM Pooland biyyoota Awurooppaf dabarsan kana biyyoonni Baaltik biroos jechaa turan.
Raashiyaan itti milkooftee guutummaa Yukireen to'atti taanan biyyoonni ollaa Yukireenifi Raashiyaa kanneen akka Pooland, Luweeniyaa, Istooniyaa, Latviyaa fa'aa Raashiyaan nuufis dhufuunshee hin oolu jechuun guyyaa itti Raashiyaan Yukireen weerartee kaasee yaaddoo qaban ibsataa turan.
Biyyoota Awurooppaa miseensa NATO ta'an caalatti bajata waraanaa dabaluunis waan itti dhufuu maluuf qophii gochaa jiru.
Dhiyeenya marsaa shanaffaaf pirezidaantii Raashiyaa ta'uun kan filaman Vilaadmiir Puutin miseensota NATO kamuu haleeluf fedhii akka hin qabne dubbatanis, gaggeesitoonni biyyoota Baaltik dubbii Puutin amanuun rakkoof nama saaxila jechaa jiru.
Ministeerri Muummee Istooniyaa Kaajaa Kaalas Raashiyaan bara 2022 osoo Yukireen hin weerarin dura akkuma kana "Yukireen weeraruuf tasumaa fedhii hin qabu jettee weerarte," jechuun dubbii Raashiyaa amanuun booda gaabbif akka nama saaxilu himan.












