Marsaa shanaffaaf kan filatame Pirezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutin eenyu?

Pirezidant Vilaadmiir Puutin

Madda suuraa, Getty Images

Bu’aa filannoo Bitootessa 17, 2024 himameen Pirezidant Vilaadmiir Puutin marsaa shanaffaaf Raashiyaa bulchuu akka itti fufan sagalee guddaan mo'ateera.

Raashiyaa waggoota dheeraatiif bulchaa kan jiru Puutin, biyyattiirra darbee addunyaarratti gaggeessaa falmisiisaa ta’edha.

Gariin Puutin nama jabaa, gaggeessaa surra-qabeessaa jechuun jajatu. Kana qofa miti, Raashiyaan deebitee biyyoota gurguddoo addunyaarratti humna qaban morkachuu akka dandeessu nama taasiseedha jedhu.

Haata’u malee, warri isa qeeqan ammoo abbaa irree humnaan bulchudha jechuun lammilee Raashiyaa bilisummaa dhorkeera jechuun sirna bulchiinsa isaa sirrii akka hin taane himu.

Puutin eenyu?

Puutin yeroo ijoollummaa...

Puutin yeroo ijoollummaatti

Madda suuraa, Getty Images

Vilaadmiir Puutin naannoo amma Seent Piiteersibarg jedhamtutti guddate. Maatii sooreyyii ta’anirraa miti kan dhufe. Kanaaf, yeroo ijoollummaa isaatti jireenya rakkisaa ta’e akka dabarse mul’isa seenaan isaa.

Ijoollummaa isaatti gurguddeessa (lola kan jaallatu) ture jedhama. Yeroo xiqqaa turetti ijoollee dhiiraa umuriifi qaamanillee isa caalaan waliin wal lolaa guddate. Kun ammoo akka inni gosa ispoortii Juudoo [wallaansoo] barachuurra darbee hanga saqqii (qabattoo) gurraacha hidhatutti isa geessiseera.

Puutiin amma Juudoon [wallaansoon] qabattoo gurraacha hidhachuurra gaheera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Akka mootummaan Raashiyaa jedhutti, osoo mana barumsaa sadarkaa lammaffaa hin xumurinillee, hojii basaasaa hojjechaa ture. Boodarra barnoota xumuree ifatti hojii basaasummaatiin biyya tajaajilaa tureera.

Hojiin siyaasaa isaa kan jalqabe bara 1996 maatiin isaa waliin gara magaalaa Mooskoo yeroo deeman yoo ta'u, dafee nama siyaasaa barbaachisaa ta'e.

Puutin bara 1999 prezidaantii duraanii Raashiyaa Booris Yelsiin ministira muummee gochuun kan muudan yoo ta’u, dhumuma bara sanaa Muddee keessa pirezidaantii Raashiyaa ta’e. Erga bara sanaatii Puutin aangoorra jira.

Puutin hogganaa cimaa bara 1990moota keessa Raashiyaa rakkoo dinagdee, hawaasummaa fi siyaasaa keessaa akka baatu gargaare ta’ee of dhiheessa.

Yeroo baayyee cimaa fakkaatee mul’achuu kan jaallatu Puutin, wayita gochawwan ciminsa isaa mulisan agarsiifachuu barbaadutti, fakkeenyaaf yeroo wallaansoo [juudoo] qabutti, yeroo qurxummii qabu ykn adamsutti kaameraan naannoosaa yoo jiraate jaallata.

Imala gara aangoo…

Baha Jarman keessatti Puutin miseensa garee namoota aangoosaanii isa duraa dhaban keessaa isaan tokko ture. Ta'us garuu Raashiyaa haaraa ijaaruuf kan ijaaraman ture.

Gara Mooskootti imaluun Kireemliin waliin hojjachuu jalqabe.

Yeroo sanitti Pireezidaantiin Federeeshinii Raashiyaa Booris Yeelitsin ture.

Bara 1999 Pireezidaant Yeelitsin Puutiniin MM Raashiyaa godhuun muudan.

Amalli Yeelitsin haalan jijjiirame. Achiis Muddee 31 bara 1999 fedhiisaaniitiin aangoorraa bu'uu ibsan.

Puutinis filannoo Bitootessa bara 2000tti pireezidaantii kan yeroo ta'an.

Puutin eega aangoo qabatan ji'oota sadi booda miidiyaa harkasaanii jala galchan.

Miidiyaan walabaa NTV jedhamu ni cufame. Miidiyaalee biroo immoo oduu mootummaatiin guuttaman. Puutin suuta suutaa namoota ofiisaniitii amanan naannoleerratti muuduun naannolee 83 to'annoosaanii jala galchan.

Namoonni muraasni "Dimookiraasii balleessaa jiru" jedhanii qeeqanis adeemsisaanii naannolee akka Cheechiniyaa fa'a keessatti hojjateera.

Mormii namoota dimookirasii leellisaniin taasifameen booda bara 2012 filannoon naannolee gaggeefame.

Ebla 2013 garuu oolaantummaan Puutin naannoleerratti qaban deebi'ee to'annoon isaaniis cime.

Bara 2011 hamma 2013'tti hiriirri mormii filannoo walaba ta'ee fi riifoormii barbaacha irratti Mooskoo fi magaalota birootti taasifamaa ture.

Mormii sunis eega 1990'oota booda isa guddicha ture.

Puutinis sochii uummataa kana akka mootummoonni Lixaa dhimma Raashiyaa keessa seenaniif sababa ta'etti fudhatan.

Eegasii Puutinis naannolee diinagdee isaanii akka to'atanii fi aangoo gara naannolees akka qoodamu waadaa galan.

Jechi 'riifoormii' jedhu dubbii taasisan hunda keessatti fayyadamaa turanis yeroo gabaabaa qofaaf ture. Akkuma sodaatame adeemsasaanii jijjiiran.

Guraandhala bara 2014 Kiriimiyaa to'annoosaanii jala galchuun Puutiniif injiffannoo guddaa, warroota Lixaaf immoo qaanii ture.

Raashiyaan gartokkee biyya ollaa osoo addunyaa ilaaluu fi homaa godhuu hin dandeenye sanitti to'annaashee jala galchiteetti.

Akka xiinxaltoota naannichaatti Raashiyaan waan fedhashee hojjachuuf aangoo addaa akka ishee hin babaachisne amanu Puutin.

Kiriimiyaan injiffannoo Raashiyaa isa guddichaati, ta'us garuu taatee san qofa miti.

Puutiin hariiroo warroota Lixaa waliin qabaachuu dhabuu isaanii akka carraa gaaritti itti fayadaman.

Dhimma Siiriyaa keessa galuu, humnoota Asaad deeggaraniif deeggarsa kennuu fa'a akka carraatti itti fayyadaman.

Gama biraatiin tasgabbii Baha Jiddu galeessaa irratti eenyullee to'annaa guutuu akka hin qabne mul'isaniiru. Gama kaaniin immoo maloota itti fayyadama meeshalee waraanaa itti fayyadaman haaraa agarsiisuuf carraa isaanii kenneera.

Ergaa jabaa 'biyyoota ollaa dhihoo' ta'aniif dabarsaniiru: Raashiyaan hirriyyoota duraaniirratti akka garaa hin jabaanne.

Puutin shofeera taaksii ture

Puutin yeroo taaksii ofaa turetti

Madda suuraa, Getty Images

Diigamuun Sooviyeet Yuuniyen akka isaan gaddisiisu kan himan Pirezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutin, yeroo sanatti jiruu isaaniif galii argachuuf konkolaachisaa taaksii ta'anii hojjechuun dirqama itti ta'uu dubbatu.

Bara sana keessa Yuuniyeniin sun diigamuun burkutaa'uu dinagdee qaqqabsiise lammileen Raashiyaa maallaqa argachuudhaaf maddawwan galii haaraa ta'an akka barbaaddatan isaan dirqisiiseera.

Bara 1991 konkolaachisaa taaksii ta'uun kan hojjetan Putiin, diigamuuniifi addaa adda bahuun Sooviyeet Yuuniyen, "kufaatii biyya seena-qabeetti Raashiyaati" jechuun ibsan.

Bara sana keessa taaksiin Raashiyaa keessa baay'ee hin argamu ture. Namoonni konkolaataa qaban namoota biroo gargaaruudhaaf namoota hin beeknellee fe'achaa turan. Tokko tokko ammoo konkolaataawwan hojii kan akka ambulaansiiyyu akka taaksiitti itti fayyadamaayyu turan.

Puutin fi maatiisaa…

Puutin ijoolleessaa duabaraa waliin

Madda suuraa, Alamy

Pirezidaantiin Raashiyaa, Vilaadmir Puutin, gaaffii waa’ee maatii isaanii irratti ka’u yeroo baay'ee hin dubbatan.

Bara 2015, ibsa miidiyaaleef kennan irratti, eenyummaa ijoollee isaanii ilaalchisee gaaffii ka’eef deebii sirriitti hin kenniin bira darban.

“Ijoolleenkoo dubaraa Raashiyaa keessa jiraatu, barumsa isaaniis Raashiyaa keessatti qofa hordofani, baayyeen isaaniin boona,” jedhan.

“Afaan biyya alaa sadii sirriitti dubbachuu danda’u. Waa’ee maatiikoo eenyu waliinuu hin haasa’u.”

“...jireenya ofii isaanii mataa ol qabatanii jiraatu,” jedhan.

Waa’ee jireenya maatii Pirezdaant Puutin wanti seeraan ifa taasifame jiraachuu baatus, gabaasaaleen miidiyaa, dokimantoonni fi beeksisni takka takka ba’u, waa’ee ijoollee isaanii lamaani waa ibsuuf ga’aadha.

Shamarran kun lamaan ijoollee Pirezdaant Puutin fi haadha manaa isaa duraanii Liyudmilaadha.

Puutin fi Liyudmilaa bara 1983 yeroo isheen kessummeessituu xiyyaraa, isaan ammoo qondaala KGB turetti gaa’eela dhaabbatanii, waggootii 30’f waliin turani.

Bara 2013’tti gargar ba’an. “Kun murtee waliinidha. Lamaan keenyayyuu jireenya ofii keenya qabna, badaa wal hin agarru,” jechuun Puutin kana irratti dubbatan.

Haati waraas “hojii isaa keessatti guutummaatti liqimfameera” jetteetti.

Puutin ijoollee ijoolles qabu. Bara 2017’tti waa’ee isaanii dubbatanis, meeqa akka ta’anii fi ijoollee intala isaanii ishee kami akka ta’an hin ibsine.