'Dubartii guutuu ta'uun miira namatti uumu reefun hubadhe'

Akeekkachiisa: Barreeffama kana keessa qabiyyeen miira keessan jeequ jiraachuu mala.

“Yaanni irra deebiin muruu kun yoo ka’u kan ammaa kun heeyyama kiyyaan ta’ulleen guddoo na jeeqa. Garuu fayyaa sammuukoof jecha gochuun qaba ture.”

Shamsa Sharaawe yeroo yaala baqaqsanii wal’aanuun qaama saalaashee waggoota 25 dura kittaannaan murame deebistee hojjisiifachuuf jettu yaada kennitedha.

Isheen yeroo kittaanamtu daa’ima waggaa 6 turte. Kittaannaa sunis Somaliyaa keessatti hawaasa kittaanatti amanuufi 'ogeettii' aadaatiin isheerratti raawwatame.

Gabaasa UNICEF dhiheenya baaseen addunyaarratti dubartoonnii fi haadholiin miliyoona 230 tahan kittaannaan irratti raawwatameera.

Afrikaa keessatti qofa dubartoonni kittaannaman lakkoofsan miliyoona 140 ta’u.

Biyyoota Somaaliyaa, Jibuutii fi Giinii keessatti dubartoonni harka 90 tahan nikittaanamu.

Biyyoota kunneenitti ilaalcha Kittaannaan dubrummaa eeguuf akka gargaaruufi dubrummaan ammoo bakka guddaa bakka itti kennamudha.

Hawaasni biyya Somaaliyaa hedduun dubrummaan dubartii fi kabajni maatiishee hariiroo cimaa qaba jedhanii amanu.

Kana malees dubartiin osoo hin kittaanamiin yoo hafte fedhii qunnamtii saalaa olaanaa waan qabaattuf maatii hundatti qaanii fiddi jedhanii sodaatu.

Shamsan akka jettutti akkuma guddachaa deemten kessumaa yeroo laguun itti dhufu haalaan akka ishee dhukkubu himti.

“Lamuu irra deebiin dhukkubbii akkasii akka natti dhagahamu hin barbaadu” jetti.

Bara 2023 keessa yeroo ganna 30 turtetti baqaqsanii yaaluu raawwachuun dhukkubbii kanarraa obbaafachuu yaadaa turte.

Isheen yeroo kanatti biyyaa UK keessaa kan jiraattu yoo ta’u kittaannaan dubartootaa kuni akka dhaabbatuuf sagalee tahaa turte.

“Dhimma baqaqsanii yaaluu kanarrattuu odeeffannoo gahaan hin jiru. Ani kanaaf jechan waa’ee kanaa dubbachaa ture” jetti.

Baqaqsanii yaaluu qaama saalaa kanaan kutaalee qaama saalaa dubartii qinxirii (clitoris) fi hidhii qaama saalaa dubartii (labia) jedhaman irra deebiin sirreessu.

Akkasumas, tishuuwwan naannawa sanaa sirreessuun dubartiin kittaannaan irratti raawwatame dhukkubbii yeroo qunnamtii saalaa itti dhagahamu irraa hir’isa.

Yeroo tokko tokko ammoo bal’ina qaama saala dubartii sanaas gara dura turetti guddisuun nijiraata.

Shamsan erga qorannoo hedduu taasifteen booda yaalli isheen barbaaddu biyya jarman akka jiru barte.

Yaala kanaafis duula galii walitti qabuu karaa miidiyaa hawaasummaa banuun doolaara kuma 31 walitti qabde.

Hubannaan miidhaa kittaannaa dubartootaa kuni laafaa waan tureef maallaqa gahaa argachuu baattulleen yaalii kanaaf waliigala doolaara kuma 37 (birrii miiliyoona lamaa ol) baaste.

Kuni ammoo liqii keessa ishee galchuun hanga ammaatuu duubee kaffaltu doolaara 3,200 (birrii 170,000 ol) irra jira.

“Ergan baqaqsanii yaaluu sana raawwadhee gorsaa fi hordoffiidhaaf deebi’ee deemuu hin dandeenye. Sababnisaas maallaqa gahaa waanin hin kaffallee fi kaffaluu hin dandeeyeefi” jetti Shamsan.

“Miidhaa heeyyamaa fi filannookee malee sirratti raawwatame yookan ati hin uumnef kanfaluun dhugumatti sirrii miti” jetti.

Bara 2004 baqaqsanii yaaluun dubartoota kittaannan irratti raawwatamee kan jalqabaa ta’e kan ifoome ogeessa fayyaa biyya Faransaay Dr. Piyere Foldes jedhamuuni.

Ergasii ogeessonni hedduun maloota deebisanii ijaaruu hedduu hojjechaa jiru.

Afrikaa keessatti bakka kittaannaan hammaatu kanatti garuu yaaliin akkanaa hedduu miti. Amma Afrikaa keessaa Keeniyaatti miidhamtootatu ofiin kaffalee yaalama.

Masriitti ammoo dhaabbilee miti mootummaatu baasii isaanii danda’aaf.

Biyyoota Awurooppaa akka Beeljiyeem, Jaarman, Faransaay, Siwiidin, Fiinland, Siwizerland fi Nezerlaand keessatti yaaliin kuni baasii gadi aanaan kan raawwatamudha.

Akka Ispeeshaalistiin Keeniyaa jedhutti amma biyyoota Lixaa muraasa keessatti yaaliin qaama kittaaname deebisanii ijaaruu kuni akka damee Ispeeshaalistii tahaa jira.

Akka Dr. Abdullaahin jedhanitti dubartin kittaannaan irratti raawwatame kamuu yaalii kanarraa faayidaa ni argatu, irra caalaa fayyadamoon garuu warra kittaannaan akka malee isaan miidhedha.

“Da’umsa irrattis yaalii kana gochuun bu’aa gaarii qaba. Keessummaa kittaannaan qaama saalaa dhiphisuu warra irratti raawwatameef” jedhan.

Kana malees dhimmoonni akka dhukkubbii yeroo qunnamtii saalaa raawwatan itti dhagahamuus baqaqsanii yaaluu kanaan booda fooyya’iinsa akka argatan maamilootasaarraa akka hubate hima.

Hajaa Bilikisuu lammii Jarman kan Seraaliyoon irraa dhufte. Bara 2002 yeroo gara Seraaliyoon imaltee ture kittaannaan kan irratti raaawwatame.

Isheen erga Jarmanitti deebiteen booda baqaqsanii yaaluun qaama saalaa kittaaname sirreessuu kana irra deddeebiin raawwatteetti.

Tokkoon tokkoon baqaqsanii yaaluun isheen irra deddeebiin taasifte sa’aatii 6 kan fudhatu ture.

“Yaaliin kuni baayyee ulfaataadha. Qoricha hadoochaa fudhatta. Ergasiis qorichoota adda addaa fudhachuu qabda. Waliigalammoo yaalii kana erga taasiftee torbee sadiif miilan deemuu hin dandeessu” jetti.

Dr. Rehaam Awwaad Masrii keessatti hundeessituu kilinika baqaqsanii yaaluu dubartoota kittaannaan irratti raawwatame tokkooti.

Akka isheen jettutti, baqaqsanii yaaluun miira fooyyee ta’e fiduu danda’a. Garuu baqaqsanii yaaluun dubartoota hundaaf deebii ta’a jechuu miti.

Kanaaf jechas hammeentaa baqaqsanii yaaluu raawwatamanii hir’isuus dubbatti.

Hajaa, kan Seraaliyoon irraa taate ammoo erga baqaqsanii yaaluu kana raawwattee booda qaama haaraa kanaan walbaruuf yeroo itti fudhateera.

“Yeroon jalqaba qaama kittaannaan narraa muramee ture qinxirii koo argu akka wanti kankoo hin taane narra jiru wayiitu natti dhagahame.

‘’Yeroon ganna 8 ture narraa murame. Qaama sana eegasii argee hin beekun ture” jetti.

Bayyanannaa irra kan jirtu Shamsan gamasheetin baasii hin malle keessa seentulleen baqaqsanii yaaluu kana raawwachuusheetti akka gammaduu himti.

“Yeroon bayyanadhee jedhe akkamitti qaama haaraa kana waliin akkan jiraadhu baruun qaba. Amma garuu miira dubartii guutuu ta’uutu natti dhagahama.”