Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Dimokiraasiin adeemsarra waan jiruuf lammiileen Keeniyaa jaarmiyaalee keenya to'achuu qabdu'
Erga Manni Murtii Waliigalaa Keeniyaa Pireezidantii Itti Aanaa kan turan Wiiliyaam Ruutoon filannoo pireezidantummaa biyyattii mo'achuu mirkaneessuun murtee dabarsee booda, pireezidantiin aangoo dabarsaa jiran Uhuruu Keeniyaataa yaada kennaniiru.
Pireezidanti Keeniyaataan erga filannoon Hagayya 9, 2022 gaggeeffamee yaada kennanii hin beekan, haasaa alana taasisanirrattis maqaa Wiiliyaam Ruutoo hin kaasne, mo'achuusaattis gammaduu hin ibsine.
Aab Keeniyaataan Itti Aanaa isaanii kan ture Wiiliyaam Ruutoo ganuun morkataa isaanii Rayilaa Odingaa deeggaraa turan.
Filannoon pireezidantummaa shanaffaan Wiiliyaam Ruutoo garaagarummaa xiqqoodhaan mo'atan falmii erga kaasee booda Mana Murtii Waliigalaatiin mirkanaa'eeraaf.
Wiiliyaam Ruutootti aanuun lammaffaarra kan turan Rayilaa Odingaa bu'aan filannoo sirrii miti jechuun mana murtiitti iyyatanii turan, garuu iyyatisaaniis kufeera.
''Wayitan kakuu seenee aangoo qabadhe olaantummaa seeraa kabajuu fi kabachiisuuf waadaan seenee ture eeguuf jecha ajaja mana murtii qixa sirrii ta'een hojiirra oolchaan ba'e,'' jedhan Uhuruu Keeniyaataa.
Aangoon bulchiinsa duraanii (kansaanii) irraa gara isa haaraatti karaa nagaa fi danqaa malee akka darbu lammiilee Keeniyaaf mirkaneessaniiru.
''Adeemsa aangoo dabarsuurra jirra. Aangoo karaa nagaa fi danqaa malee gara bulchiinsa haaraatti akka darbu nan to'adha,'' jedhan.
Wiiliyaam ruutoon gamasaan, biyya tokkoomsuurratti akka hojjetan dubbatan, kan sagalee mormii kennanis bulchiinsa isaanii jalatti miidhaan tokkollee akka irra hin geenye waadaa seenan.
Ji'ootaaf Uhuruu Keeniyaataa waliin dubbatanii akka hin beekne kan dubbate Ruutoon, amma garuu bilbilaan waa'ee ce'umsa aangoo akka dubbachuuf jiran ibsaniiru.
Qondaaltonni lameen waggaa shan dura gargar ba'an, Uhuruu Keeniyaataa morkataa isaanii Rayilaa Odingaa deeggaruu eegalan.
Uhuruu Keeniyaataa dhaamsa isaanii tasgabbaa'anii dabarsan, garuu murtee manni murtii dabarserrattis haasaa qeeqa of keessaa qabu dubbataniiru.
''Dimokiraasiin keenya hojii adeemsarra jiru waan ta'eef lammiileen keenyaa jaarmiyaalee bulchiinsa haaraaf utubaa ta'an eeguu fi kabajuu qabu. Bulchiinsa haaraa itti dhiheenyaan akka hordofan, to'atan nan dhaama. Kun hojii tokko tokkoo lammiilee Keeniyaa waan ta'eef,'' jechuun dubbatan.
Qondaalli siyaasaa gameessi kun manni murtii daddaaqama tokko malee hojjechaa jiraachuusaarrattis gaaffii kaasaniiru.
Bara 2017 pireezidantiin kun filannoo erga mo'atanii booda bu'aan filannoo haqamee irra deebiin ilaalamee ture.
''Uummanni dhugaaf dhaabbatee, dhugaan akka hin dabne to'achuu qaba. Osoo jal'atin deemaa jiraa? kan jedhu.''
''Dhimma lakkoofsaatimoo adeemsa kan ilaalamuu qabu? kanneen lamaan keessaa isa kami?''
''Jaarmiyaaleen keenya filannoo tokkorratti kan hojjetanii fi filannoo biraa irratti kan hojjetan tokko moo garaagara? Kanaafuu lammiileen Keeniyaa hundi dhaabbilee mootummaa hunda xiyyeeffannaan hordofuu qabu. waan ta'u hundatti itti gaafatamaa gochuu qabu,'' jedhan.