Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Naazraawwit kan Chaayinaatti hidhaa to'annoo cimaa keessa jirtu maalitti jirti?
Waggaa torba dura bara 2018 Naazraawwiit Abarraa gara Chaayinaa wayita imaltu miya fuutee deemte keessatti qorichi sammuu adoochu-kookeeniin 5kg ol argamuu hordofee hanga ammaa hidhaa eegumsa olaanaa jala jirti.
Naazraawwit shaampoo hiriyyaan waliin guddatte naa fuudhii deemi ittiin jette keessatti qorichi sammuu hadoochu kun argame.
Mootummaan Chaayinaa dubartii lammii Itoophiyaa injinara taateefi yeroo duraaf garas imalte kana irratti jalqaba murtee du'aa murtesse. Achii oliyyannoo fudhatameen ammoo bara 2022 keessa murteen kun gara hidhaa umrii guutuutti jijjiireef.
Tibba kana miidiyaa hawaasaa gubaatti dhimmi Naazraawwit Abarraa bal'innaan qoodamaa jira.
Dhimma kanaafi haala qabatamaa Naazraawwiit ilaalchisee obboleettiinshee hangafaa Abii Abarraa jedhamtu Ameerikaa irraa miidiyaa biyya keessaaf yaada kenniteetti.
Abiin yaada sagantaa Seifu on ebs jedhamurratti dhiyaattee kenniteen odeeffannoowwan Naaziraawwiit ilaalchisee tamsa'aa jiru gariin dhugaa miti jetteetti.
Ammaan tana Naaziraawwiit ''hidhaa umrii guutuu malee adabamtuu du'aa miti'' jetteetti.
Naazraawwiit Siiviil Injinariingiidhaan digirii tokkoffaan eebbifamteetti, Interior decoration'iin digirii qabdi jetti obboleettiinshee Abiin.
Naaziraawwiit hojjettuu (keessummeessitu) daandii xiyyaaraa turte kan jedhu dhugaa miti, isheen injinaradha keessummeessituu daandii xiyyaaraa kan turte hiriyaashee meeshaa kana itti kenniteedha jechuun himte.
''Akkamiin akka itti kennite booda gaafa hubannu waliin ta'anii gara Chaayina deemuuf turan. Naazraawwiit hojiishee Interior decorationif qorannoo gabaafi galteef garas deema turte. Osoo waliin imaluuf jedhanii sababa abbaakootu du'e jedhuun biraa haftee ishee ergite.''
Meeshaa itti ergite kana fuutee deemuuf Naazraawwiit jalqaba fedha hin qabaanne ture. Dhangal'aa rifeensa ittiin dhiqatan, shaampoodha ittiin jette. Maaliif Shaampoo asii fuunee gara Chaayinaa geessina jettee yeroo gaafattuun, deebii human hair ittiin qopheessu jettee deebifteef'' jechuun haala ture yaadatti.
Meeshaan kun Chaayinaa erga gahees ji'a sadiif erga qoratamee booda maalummaansaa beekame jetti.
''Kookeenii kg 5.65 ta'ee argame. Kun humna Naazraawwiitiin dursee kan beekamu hin turre.''
Naazraawwiit yeroo sanaa jalqabee daddabarsa qoricha sammuu hadoochuun shakkamtee mana hidhaa to'annoo olaanaa qabu kan Guwaanzhutti argamutti hidhamte.
ALI Waxabajjii 20, 2010 yeroo jalqabaatiif mana murtiitti wayita dhiyaatte kokeeyiinii haala shaampootiin qophaa'e eenyu akka itti kenneefi attamiin qabachu akka dandeesse mana murtii biyyattiif ibsuu waggoota dura Obboleettiinshee Beteliheem Abarraa BBCtti himtee ture.
Abukaatoo motummaan Chaayinaa dhaabeefis, ragaa kana dura Naaziraawwiit biyyaa baatee akka hinbeekne mul'isu, yakkarraa bilisa ta'ushee, haala barnootaafi hojiishee (akka injinara taa'ee) ragaa dhiyeessuu Beteliheem ibsitee ture.
Hiriyyaan Naazraawwiit Kokeenii kana shaampoodha jettee itti kennite Itoophiyaa keessatti baka isheen hin jirretti hidhaan waggaa 15 itti murtaahee akka ture. Garuu ammoo to'annoo jala ooltee adabbii murame akka irratti hin raawwatamne Abiin sagantaa Seifu on ebs irratti dubbatteetti.
Sunuu kan ta'uu danda'e namootni lamaan isaaniitiifuu hiriyyaa ta'an wanta ijaan arganiifi beekan ragaa bahuu isaaniin ta'uus dubbatte.
Ququllummaa Naazraawwiit mirkaneessuuf murteen Itoophiyaatti mucayyoo ishee gowwomiste kanarratti darbe afaan Chaayinaatti hiikuun deeggarsaa Imbasii Itoophiyaa Chaayinaa jiruufi Ministeera Haqaa Itoophiyaan mootummaa Chaayinaaf dhiyaatee akka ture Abiin himteetti.
''Haata'u malee seera Chaayinan kokeenii kg 5.6 dhiisiitii, giraama shantama qabatanii argamuun adabbiinsaa murtee du'aati'' jetti.
Waggoota lamaaf erga giddugala to'annoo turtee booda murteen kun erga darbee booda gara Guwaanzhutti ergamte Naaziraawwiit.
Naazraawwit dhugaa jiru himuu mana murtiif ibsitus, jarri garuu akkamiin Injinarri tokko wanta kana akkasumatti osoo hin gaafatiin(shakkiin) fuutee dhufti'' kan jedhuudha.''
'Yeroo lama qaamaan dhaqne daqiiqaa 30f dubbifneerra'
Abiin obboleettiisaanii mana hidhaa to'annoo guddaa Chaayinaa jiru waliin akkamin akka wal argaa jiran yoo ibsitu, waggaa lama dura ji'atti daqiiqaa 10 bilbilaan akka nu dubbiftu ni hayyamamaaf'' jette.
Karaa Imbasii Itoophiyaa Chaayinaa jiruunis haala isheen irra jirtu ilaalchisee odeeffannoon nu qaqqaba jette.
''Ji'a lamaafii sadiitti yeroo tokkos xalayaan Naazraawwit ergite nu qaqqaba.''
''Aniifi obboleettiin koo quxusuun guyyaa lama dhaqnee ishee argineerra. Kan nuuf hayyamame sa'aatii walakkaaf akka ishee arginuudha. Walqaqqabuun hin danda'amu. Akkuma fiilmiin ilaallu daawwitiin gidduu jira. Nu bibilaan walitti dubbanna. Amaariiffaan akka haasofnu hin hayyamamne. Qaamni sadaffaan bilbila qabatee wanna haasa'amu dhagahaa ture. Ingiliffaan qofa dubbachuu qabna ture.''
Abiin imimmaan ishee hudhaa yaada kenniteen ''ishii tuquu hin dandeenye, ishii hin hammanne garuummoo ishee argineerra'' jette.
Kutaa itti hidhamtee jirtu keessa namni ishee wajjin hidhaman meeqa akka ta'an yoo gaafannu ''oljettee erga nama sagalee dhaggeeffatu ilaaltee booda calliste, kana ibsuun hin hayyamamuuf''
Qabinsishee maal akka fakkaatuu beekuun ulfaatus isaaniyyuu yeroo ishee ilaaluuf gara mana hidhaa seenuuf jedhan ''sa'aatii lamaafii sadiif mataa keenyaarraa kaasee hanga miillaatti sakatta'amnee galle. Iddoo sakattaa hedduutu jira'' jette.
Yeroo ishee arganis waan ishee jajjabeessu kutaa macaafa qulqulluurraa itti himnee baanee jetti Abiin.
Naazraawwiin ammaan tana afaan Chaayinaa bareechitee dubbatti, darbee darbees achuma mana hidhaa keessatti afaan hiikuun ni tajaajilti jetteetti.
Abdiin maatii inni guddaan lubbuun jiraachuu isheeti. Ittaanee ammoo ji'oota booda yeroo oliyyannoo dhiyeessan hidhaan umrii guutuurraa gara hidhaa waggootaatti jijjiiramee achiis biyya dhalootaasheetti deebitee adabbiishee akka xumurtu gaafachuuf karoorri jiraachuus himte.
Dhimmi Naazraawwii kun qondaalota olaanoo Itoophiyaafi Chaayinaa jiraniin itti dhiyeenyaafi faara gaariin hordofamaa akka jirus himte.
Hojjettootni Embasii Itoophiyaa Chaayinaa jiruu ji'a lamaaf sadiitti dhaqanii qaamaan arganii jajjabeessu jetteetti.
Hidhaashee rakkisaa kan taasiseefi deeggarsa mootummaan gochuufi danda'us dhibaa kan godhe seerri Chaayinaa dhimmashee wajjin walqabatee jiru baayyee cimaa ta'uusaa himteetti.
Daddabarsa qoricha sammuu hadoochuun walqabatee lammiileen Kaanadaa, Awustiraaliyaa, Biraaziil, UK fi Keeniyaa duuti irratti raawwatameera. Haala kanaan kan jiruyyuu hariiroo gaarii Itoophiyaa waliin jiruufi dhiibbaa mootummaan godheeni jennee yaadna.''
MM Abiy wayita aanga'aa Chaayinaa waliin qaamaan walargan dhimmashee kaasanii gaafatanii turuu himte Abiin.
MM Abiy bilbilaanii dhimma isheerratti maatiisaanii dubbisuus mirkaneessiteetti. Gama mootummaa Itoophiyaan deeggarsi danda'amu hundi akka godhamaa jiru abdii qabaachuus himte.
Wanti abdii irraa qabnu waliigaltee biyyoota lamaan gidduu jiruun wal jijjiirraan hidhamtootaa akka raawwatuudha jette.
Uummatni Itoophiyaa karaa adda addaa sagalee ta'uufisaatiif galata kan galchite obboleettiinshee kun ammoo tarii odeeffannoon adda addaa gadhiifamu adeemsa seeraa miidhuu waan maluuf fayyadamtootni miidiyaa hawaasaa eegumsa akka godhan waamicha dhiyeesite.
'Hiriyyaa koof dhiifama godheera, isinis dhiifama godhaaf'
Xalayaawwan mana hidhaarraa ergiteef keessaa isa tokko irratti ''ani hiriyyaa koof dhiifama godheera, maaloo sinis dhiifama godhaaf'' jechuushee Abiin miidiyaatti himteetti.
Qoricha kana Naazraawitiif naa fuudhii deemi kan jette hiriyyaadhumashee ijoollummaarraa kaasee waliin mana barnoota tokko deemaniifi waliin guddataniidha.
Inumaa takka takka mana dhuftee waliin bulu turee jettetti Abiin.