Tigraayitti muddamni itti fufe: Warri karaa cufu eenyu?

Madda suuraa, SM
Naannoo Tigraay bakkeewwan garaa garaatti miseensonni humnoota Tigraay' jedhamuun beekamanii mormiifi karaa cufuu itti fufuusaanii jiraattonni BBCtti himan.
Mormiin miseensonni humnoota naannichaa Wiixata darbe, Onkoloolessa 13, maagaalaa Maqaleetti eegale bakkeewwan naannichaa kaanittis babal'achuun mormiifi daandii cufuun guyyaa arfaffaaf itti fufuutu himame.
Guyyaa hara'aa [Kamisa] magaalaa Addigiraatifi naannoosheetti mormiin dhalachuun daandiin Addigiraat irraa gara Maqalee geessu cufamuu jiraattonni BBCtti himan.
Akkasumas daandiin Godiinota Kibbaafi Giddu Galeessa Tigraay magaalaa Maqalee wajjin wal-qunnamsiisu cufameera.
Qaama humnoota Tigraay kan ta'e Armii 22 kan jedhamu miseensonni isaa guyyaa afur dura magaalaa Maqaleetti mormiif karaatti bahuun daandii cufuun sochiin gufatee jira.
Mormiin magaalaa Maqaleetti gaggeeffame mormii qondaalota naannichaa olaanoo waliin taasifameen dhaabbatus bakkeewwan naannichaa biroo keessatti babal'atee jira.
Kibxata, Onkoloolessa 14, Godiina Giddu Galeessa Tigraay naannoo Nabaalaat jedhamutti mormiin kan ture yoo ta'u, daandiiwwan gara Hawuzeenifi Aduwaa geessan cufamaniiru.
Dabalataanis daandiin Wuquroo irraa gara Maqalee geessu magaalaa Agulaatti cufamuurraa kan ka'e konkolaatonni deeggarsa namoomaa fe'an danqamuu himu jiraatonni BBCn dubbise.
Kibbaa Tigraayitti daandiwwan Mahoniifi Addichuu irraa gara Maqalee geessan cufamaniiru.
Daandiin Indaabbaagunaa, Shireefi Maayitsabrii cufamus abbootiin amantiifi jaarsoliin biyyaa marii erga godhanii booda banamaniiru.
Miseensonni humnoota Tigraay kunneen hiriira bahuufi karaa cufuuf kan isaan dirqisiise mindaafi fayidaan argachuu qaban yeroon kennamuufii dhiisuu akka ta'e himatu.
Gaaffii fayidaafi mindaa qofaa osoo hin taane dhimma siyaasa naanichaafi haala yeroo irratti sagalee isaanis dhageessisaniiru miseensonni hiriira bahan kun.

Madda suuraa, SM
Miseensonni humnoota Tigraay kunneen bakkeewwan tokko tokkotti hiriira yeroo bahan lola biraatti seenuu akka hin barbaannefi nagaan akka bu'u gaafataniiru.
Wiixaata darabe miseensonni humnoota Tigyaar magaalaa Maqaleetti gaggeessaa naannichaa Jeneraal Taaddasaa Warradaafi qondaalota waraanaa biroo waliin wal-arguun waan waan hiriira isaan baase dhiyeeffataniiru.
Namoota hiriira bahan keessaa kanneen BBCn dubbise, mindaan waggaa lamaa akka hin kaffalamneefi fayidaaleen biroos akka hin kabajamneef komiisaanii ibsatu.
Miseensonni humnoota Tigraay mormii dhageessisaa jiran kun kanaan dura miseensota raayyaa ittisaa, poolisii federaalaafi humna adda duraanii naannichaa kan turaniifi humnoota Tigraayitti dabalamaniidha.















