Mootummaan Federaalaa Itoophiyaa misooma kooridarii fi buqqaatii namaa akka dhaabu Aministiin gaafate

Mootummaan Federaalaa Itoophiyaa misooma kooridarii magaalota 58 keessatti gaggeessaa jiru ''atattamaan'' akka dhaabu dhaabbatni mirga namoomaaf falmu gaafate.

Dhabbatni Aministii intarnaashinaal ibsa Ebla 14 baaseen miidhaa piroojektichi mirga namoomaarraan gahu hanga qoratamutti, warri kaafaman bakka biraa argatanittiifi eeggannoon hojiirra oolutti piroojektichi akka dhaabatu gaafate.

Namootni misooma kanaaf buqqa'an seera namoomaa idila aaddunyaan qabamaa jiraachuun akka mirkaneeffamu dhaabbatichi gaafateera.

Dhaabbatichi gabaasa kana kan baase qorannoo dhimmicharratti gaggeessaa tureen, Sadaasa bara 2024 keessa namootni 872 ta'an kutaa magaalaa Boolee fi Lammii Kuraa keessaa humnaa buqqa'uu bira gaa'ee ta'uu ibseera.

Lakkoofsi kun manneen 47 keessa namoota jiraatan kan hammatu yoo ijoollee 114, jaarrolee 13 fi namoota biroo walumatti 618 ta'an qabata.

''Namoota kana waliin mariin gahaan hin godhamne, dursanii akeekkachiisni gahaan hin kennamneef, miidhamtootni beenyaas hin arganne'' jedha ibsichi.

''Sababa misooma koridariin namootni deeggarsa seeraa malee, eeggannoo biraas osoo hin argatiin manasaaniirraa buqqa'aa jiru.''

Dhaabbatichi namoota kallattiin miidhamaniiru jedhuun kanaan alatti magaalota misoomichi keessatti gaaggeeffamu keessa namootni miiliyoonaan lakkaa'aman tarii mana keenyarraa buqqaanaa jedhanii yaaddoo keessa jiru jedha.

Aministiin bara kana Amajjii irraa eegalee hanga Guraadhalaatti naannoo hordoffii gochaa tureen naannoo Boolee fi Lammii Kuraatti namoota abbaa manneen 47 ta'an haala itti jiran hubateera.

ALI Sadaasa bara 2016 hanga Guraadhala bara 2017 manneen diigaman hektaraara 29 akka ta'u dhaabichi bisera.

Ibsi Aministii kutaalee magaalaa lameen keessatti lakkoofsi namoota miidhamanii ifatti beekamuu baatus kumaan lakkaa'amuu akka danda'u ni eera.

Dhaabichi bu'aa qo'annoosaa kana mootummaa Itoophiyaaf ergee deebii mootummaa eegaa jiraachuus ibseera.

Bakka buutotni manneen 47 diigamanii kan dhaabichi hordofaa turee walgahii bulchiinsi magaalaa buqqa'uusaanii torban tokko dura waame irattı hirmaataniiru. Isaan keessaa namni Aministiin dubbise namootni hanga 5000 ta'an walghaii san irratti hirmaachuu dubbateera.

Gaaffii walgahicharratti dhiyeessaniif deebii osoo hin argatiin aanga'oonni bulchiinsa magaalaachaa manneen isaaniirra naanna'anii guyyoota sadii keessatti mannisaanii akka diigamu itti himuus dabalanii dubbataniiru.

Jiraattotni martuu kan sanada hin qabne waan ta'aniif beenyaa dhabuus himaniiru.

Ijoolleensaanii barnoota akka adda kutan, kiraa manaan jiraachaa akka jiran, yeroo gabaabaatti kraa waan kaffalan akka dhaban yaaddoo qaban himaniiru.

Mana isaanii dhabuun cinaatti hawaasummaa isaanii ittiin waldeeggaran jalaa baduus dubbataniiru. Kanaanis dubartootniifi jaarroleen rakkachuu himaniiru.

Jiraataan Aministiin dubbise tokko ''mucaankoo rakkoon fayyaa sammuu isa mudateera. Mootummaarraa abdii kutneerra'' jedhan.

Jiraataan biroon ammoo ''jireenyi hawaasummaakoo adda citeera. Fayyaan sammuukoo jeeqameera. Kiraa manaa kafaluu rakkadheera'' jedhan.

''Mootummaan Itoophiyaa mirga namoomaa namoota humnaan qe'eesaaniirraa buqqifamanii sarbeera'' jedha Aministiin.

Kanaafis mootummaan human buqqisuu saffisaan dhaabuu qaba jedheera.

Namootni qe'eesaaniirraa buqqa'uu dura filannoowwan jiraachuuf isaan dandeessisan ilaalcha keessa galuu qaba jedha.

''Namootni manasaaniirraa buqqa'an kanneen mana ijaarrachuu hin dandeenye mana argachuu qabu. Mirgi beenyaa fi deebi'anii ijaaramuusaanii eegamuu qaba'' jechuunis ibsichi eereera.