Itoophiyaafi Masriin Somaaliyaa keessatti akka wallolan hin eeyyamnu - Pirez. Hasan

Humni nagaa kabachiisaa Itoophiyaafi Masrii Somaaliyaa keessa bobba'e akka wallolan hin eeyyamnu jechuun Pirezidantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammud dubbatan.
Hoogganaan Somaaliyaa sagantaan Televijinii BBC Focus on Africa waliin taasisaniin ''waraanni bakka bu'umsaa'' Somaaliyaa keessa hin taasifamu, hin jiraatus jedhan.
Itoophiyaafi Masriin dhimma hidha Laga Abbayyaa Itoophiyaan ijaarteefi kaaniin wal qabatee waggootaaf muddama keessa jiru.
Waraanni Masrii nagaa kabachiisaaf gara Somaaliyaatti bobba'uu Itoophiyaan mormaa turte.
Pirezidantiin Somaaliyaa biyyoonni lamaan haalli itti walitti bu'iinsatti seenuu danda'an hin jiru jechuun dubbatan.
Yoo biyyoonni lamaan walitti bu'iinsa keessa seenuu barbaadan ofiisaanii walitti bu'uu danda'u jedhan.
''Haa ta'u malee, dachee Somaaliyaarratti waraanni biyyoota lamaa bakki qubatan waan walitti hin dhihaannef,'' carraan walitti bu'iinsatti geessu hin jiru jechuun himan.
Waraana biyyoota lamaan gidduu fageenyi kiloomeetira dhibbaan lakkaa'amu akka jiruus himan.
''Sababa Masriin Itoophiyaa jeequuf barbaaddu naaf hin galu. Itoophiyaanis dachee Somaaliyaa irratti humna nagaa kabachiisaa Masrii jeequuf sababni barbaaddu hin jiru,'' jedhan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Biyyoonni lamaan ''waraana bakka bu'umsaa'' Somaaliyaa dirree waraanaa godhu akka hin danda'amne, Somaaliyaanis kana akka hin eeyyamne dubbatan.
Somaaliyaan waraana waggoota dheeraaf biyya ishee adeemeen nuffiteetti jechuun waraana haaraa akka hin barbaane dubbatan.
''Rakkoo mataa keenyaa qabna. Waraana ofii keenyaa qabna,'' jechuunis biyyoonni kaan as dhufanii nurratti akka wallolan hin barbaannu ''tasa hin ta'us'' jedhan.
Mootummaan Pirezidantii Somaaliyaa Ergama Deggarsaafi Tasgabbii Somaaliyaa jalatti biyyoonni loltoota 11,000 akka babbaasan kan ibse waggaa darbe ture.
Ergamni Gamtaa Afrikaa kuni yeroo walgahii Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti ragga'e bakka bu'aan Somaaliyaa haasaa taasisaniin, biyyoonni bobba'an kan murtaa'e marii biyyoota lamaan akka ta'e himanii turan.
Waraanni Itoophiyaa erga Somaaliyaatti bobba'e waggaa digdama lakkoofsisuus, Masriin waraana ishee gara Somaaliyaa kan ergite waggaa darbe Itoophiyaa waliin muddama yeroo seente ture.
Itoophiyaafi Somaaliyaa immoo kan muddama galchee ture Itoophiyaan bulchiinsa Somaalilaand kan Somaaliyaan qaama kiyya jettu waliin waliigaltee ulaa galaanaa taasifame ture.
Itoophiyaafi Somaaliyaan waggaa tokkoof muddama keessa erga turan booda jaarsummaa pirezidantii Turkiin waliigalan.
Yeroos ibsa kennameerratti Pirezidantiin Turkii waliigalteen kuni biyya ulaa galaanaa kan hin qabne Itoophiyaaf, ulaa kan kennudha jechuun dubbatanii turan.
Dhimma kana BBC'n kan gaafataman Pirezidant Hasan, dhimmichi irratti dubbatamaa akka jiru eeruun garuu ''ammallee hin xumuramne,'' jedhan.
''Itoophiyaan buufata doonii Somaaliyaa kireeffattee yoo fayyadamte rakkoo hin qabnu,'' jechuunis dubbatan.
'Al shabaab na ajjeesuu barbaada'
Senaatarri Ameerikaa Teed Kiruuz Donaald Tiraamp Somaalilaandiif beekkamtii akka kennan gaafataniiru.
Pirezidant Hasan ''Kuni chaartara Gamtaa Afrikaa, chaartara Biyyoota Gamtoomanii kan cabsudha. Somaalilaand qaama Somaaliyaati,'' jedhan.
Pirezidand Hasan gartuun hidhattoota al-Shabaab irra deddeebiin yaalii ajjeechaa akka irratti taasise dubbataniiru.
Al shabaab waggoota lamaan darbe walitti aansuun si'a shaniif Moqadishoo akkasumas dirree waraanaatti yaalii ajjeechaa akka isaanirratti godhe dubbatan.
Kunis ta'u gartuun kuni dadhabaa jira jedhan.
Somaaliyaan yeroo ammaa ''shororkeessitoota addunyaa hamoo'' ta'an jechuun kan waaman, Al shabaab fi ISIS dirree waraanaarratti falmaa akka jirtu eeruun kunis rakkoo nageenyaa jabaa uumuu himan.
Yeroo ammaa erga takkaa waraana biyyattii ijaaruufi hidhattoota waliin waraana gaggeessuun rakkoo akka ta'e dubbatani.
Waraana waggaa sadiif adeemeen ''shororkeessitoota'' jalaa ''bakkeewwan, magaalota Al shabaab'' baasuu himan.
Haa ta'u malee, ammallee Al shabaab ''bakkeewwan baadiyyaa'' muraasa akka to'atu hin dhoksine.
''Kan durii waliin yeroo walbira qabamu al -Shabaab dadhabeera,'' kan jedhan Pirezidant Hasan, ''madda maallaqaa gogsuuf ''akkaawuntii baankiifi daddabarsa maallaqaa mobaayilii baay'ee cufneerra,'' jedhan.












