Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Itoophiyaan kora idil-addunyaa hirmaattonni kuma 50 ol irratti argaman akka qopheessituuf filatamte
Itoophiyaa kora jijjiirama qilleensaa idil-addunyaa COP32 kan bara 2027 akka gaggeessitu filatamte.
Itoophiyaan kora jijjiirma qilleensaa dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UN) bara 2027 akka gageessituuf biyyoota Afrikaa irraa deeggarsa kan argatte yoo ta'u, hiree kanaaf dorgomaa kan turte Naajeeriyaa mo'atteeti.
Itoophiyaan kora idil-addunyaa UN guddaa kana keessummeessuusheetiin carraa ajandaa kana bocuufi bu'aawwan qophii kana keessatti gahee akka qabaattu ishee dandeessisa akka gabaasa Roohitarsitti.
Biyyoonni COP keessummeessan gahee pirezidaantummaa kan fudhatan yoo ta'u, kunis walgahii kanaaf galma kaa'uufi dhimma jijjiirama haala qilleensaa ilaalchisuun hojiifi ejjennoo mataasaanii agarsiisuu, akkasumas waldhabdee yeroo marii uumamu kamiyyuu furuu keessatti ejjennoo barbaachisaa ta'e qabaatu.
Kora COP32 bara 2027 Itoophiyaan akka gaggeessitu murtaa'ullee COP31 eenyu akka gaggeessu ammallee murtee hin argatiin jira. Kun ammoo sababa biyyoonni lama-Turkiifi Austiraaloiyaan irratti wal morkataa jiraniifidha.
Austiraaliyaan hireen COP31 keessummeessuu yoo ishee kenname Odola Paasfik waliin qopheessuuf akka jirtu dubbatti.
Marii kora bara kanaa Biraazil keessatti gaggeeffamerratti, Itoophiyaan konfiraansii bara 2027 magaalaa guddooshee Finfinneetti keessummeessuuf biyyoota Afrikaa birootiin akka filatamte mirkaneessuushee Roohitars dabalee gabaaseera.
Biraazilitti ambaasaaddarri Ityoophiyaa, Lulsaggad Taaddasee Ababbaa yaa'ii COP30 gaggeeffamerratti argamuun, " ummataafi mootummaa Itiyoophiyaa amanuufi abdachuu keessaniif galata guddaa qabdu," jedhan.
"COP32 waggoota kurnan murteessaa ta'e kana keessatti tarkaanfii jijjiirama haala qilleensaa qajeelchuu keessatti gahee guddaa qaba."
Walga'iin COP naannolee addunyaarra kan naanna'u yoo ta'u, murtoon kun biyyoota naannichaa hunda gidduutti sagalee tokkoon ta'uu qaba.
Korri bara kanaa magaalaa Amaazoon kan taate Belem keessatti gaggeeffamaa jira. Filannoon keessummeessitoota bara dhufuu garee "Awurooppaa Lixaa fi Kanneen biroo" gidduutti falmiirra kan jiru yoo ta'u, Turkis ta'e Awustiraaliyaan anatu qopheessaarratti morkiitti jiru.
Awustiraaliyaan dorgommii COP31 ishee kan dhiheessite Odoola Paasifikii waliin ta'uun yoo ta'u, isaanis bakkeewwan jijjiirama qilleensaaf addunyaarratti baay'ee saaxilamoo ta'an keessaa tokkodha.
Pirezidantiin COP30 Kooriyaa do Laagoo biyyoonni garee Awurooppaa Lixaa keessa jiran dafanii akka furan Wixata gaafataniiru.
Yoo furmaata argachuu hin dandeenye, konfiraansiin kun [COP31] bakka dhaabbati jijjiirama haala qilleensaa UN itti argamu Jarman, magaalaa Boonitti gaggeeffama jedhan.
COP maali?
Waggaa waggaan konfiraansiin jijjiirama haala qilleensaa UN mata dureewwan dhibbaan lakkaa'aman kanneen addunyaa kana balaa jijjiirama haala qilleensaarraa baraaruuf tattaaffii godhamurratti xiyyeeffachuun gaggeeffama. Kan bara kanaa Wixata magaalaa bosona roobaa Biraazil, Belem keessatti jalqabe.
Korri waggaa waggaan gaggeeffamu kun COP jedhamuun kan beekamu yoo ta'u, kunis Yaa'ii Dhaabbilee waliigaltee jijjiirama haala qilleensaa UN bara 1992 mallatteessanii jechuudha.
Waliigaltichi UN Framework on Climate Change Convention (UNFCCC) jedhamuun kan waamamu yoo ta'u, biyyoonni jijjiirama qilleensaa ittisuuf akka waliin hojjetan waadaa ittiin waliif galanidha. Rakkoon jijjiirma haala qilleensaa kan biyyoonni hundi akka mudatu beekamtii kennanii waliin furuun gaarii ta'uu irratti walanidha.
Waliigaltichi seera bu'uuraa "itti gaafatamummaa waloo garuu adda baafame" jedhus kan qabu yoo ta'u, biyyoonni dureeyyii faalama qilleensaa sababa guddaa ta'uun akka ho'i pilaaneetii dabalu taasian itti gaafatamummaa caalu akka qabaatan godha.
Itoophiyaan hongee, lolaafi qormaata jijjiirama haala qilleensaa hedduun ishee mudatteera. Kanaafis, kunuunsa naannoofi lafa borqateefi bosonni irraa manca'e deebistee magariisaan uwwisuuf waggoota darban keessa dhimmitee hojjechaa jirti.
Hiree COP32 keessummeessuu argachuun ishee ammo biyyoota Afrikaa jijjiirama haala qilleensaatiin baay'ee miidhamaniif sagalee akka taatu kan godhu yoo ta'u, muuxannoo addunyaaf ta'us dabafrsuu dandeessi jedhamee amanama.
Itoophiyaan kora COP32 akka qopheessituuf filatamuun, Afrikaaf filannoon akka milkaa'ina dippilomaasii guddaa ta'etti fudhatameera.
Duraanuu Finfinneen wiirtuu dhaabbilee dhimmoota jijjiirama haala qilleensaarratti karaa dhaabbilee kanneen akka Gamtaa Afrikaa fi UNECA kan taatedha.
COP32 keessummeessuun faayinaansii jijjirama haala qilleensaa, dandeettii dandamachuu, akkasumas ce'umsa haqaa biyyoota Afrikaa f dursa kennuuraatti xiyyeeffata jedhamee eegama.
Mootummaan Itiyoophiyaa shaampiyoonaa misooma magariisaa ta'ee, tarsiimoo "Dinagdee Magariisaa Haala Qilleensaa Dandamatu" fi invastimantii anniisaa haaromfamuu danda'u, keessumaa humna bishaanii irratti taasifamu babal'isaa jira.