Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Qondaaloonni olaanoon US iccitii karoora Yaman haleeluu dogoggoraan garee gaazexessitotaarratti qooduun yaaddoo kaase
Bulchiinsi Traamp, erga Waayit Haawus osoo hin beekin gaazexeessaa marii garee iccitiinsaa hin eegamne kan qondaaltonni nageenya biyyaalessaa Ameerikaa, Yaman keessatti haleellaa raawwachuuf karoorfatan irratti dabalamuu isaa mirkaneesseen booda, jeequmsa siyaasaa isa mudachaa jira.
Gabaasaan barruulee Atlaantiik, Jefarii Goldbarg akka gabaasetti, garee ergaa Signaal kan ittaanaan pirezidaantii JD Vaansii fi Ministirri Ittisaa Peete Hegseth miseensota keessaa ta'an fakkaatu keessatti dabalame.
Karoora waraanaa dhokataa Ameerikaan finciltoota Huutii irratti haleellaa raawwachuuf qabdu, paakeejii meeshaa waraanaa, bakka itti xiyyeeffataniifi yeroo dabalatee, haleellaa boombii raawwachusaanitiin sa'aatii lama dura akka arge dubbateera.
Gabaasni kunis Dimookiraatota irraa qeequumsa kaasuun alatti Rippabilikaanota hedduu biratti yaaddoo kaase.
Qeeqxoonni icciittin bahe akka qoratamu gaafatan
Goldbarg akka jedhetti, haala akka tasaa fakkaatuun nama gorsaa nageenya biyyoolessaa Waayit Haawus Maayikeel Waaltz fakkaatu irraa gaaffii garichatti dabalamuu erga argameefii booda garicha keessa gale.
"Lakkoofsa bilbilaa dogoggora ta'e fudhachuuf yoo ta'e, yoo xiqqaate nama Huutii deeggaru miti jechuu kooti. Sababiin isaas dhugumatti odeeffannoo lubbuu namoota tajaajila Ameerikaa hojii sana keessatti hirmaatan balaadhaaf saaxiluu danda'a jedhee amanu dabarsaa turan," jechuun gaaffii fi deebii PBS waliin taasiseen kan dubbate.
Pirezidant Doonaald Traamp Wiixata waaree booda gaazexeessitotatti wayita dubbataniitti waa'ee barruu Atlaantiik kana quba akka hin qabne himani.
Barreessituun pireesii Waayit Haawus Kaarooliin Liiviit ibsa kennaniin, ''haleellaan Huutii irratti raawwatame milkaa'ina olaanaa fi bu'a qabeessa ta'eera,'' jedhan.
''Pirezidanti Doonaald Tiraamp Gorsaa Nageenya Biyyaaleessaa Maayiik Waaltaz irratti dabalatee, garee nageenya biyyaaleessaa isaa irratti amntaa cimaa akkuma qabutti jira.''
Ministeerri ittisaa ammoo akkasumas milkaa'ina isaa kaasuun hojii waraanaa garee ergaa irratti mari'atame ittisaniiru. Hegseth rippoortarootaan yeroo dhiibaman, Goldbarg gaazexeessaa "gowwoomsaa fi maqaa guddaa hin qabne" jechuun qeequudhaan, gaaffii qabiyyee ergaawwan kanaa irratti dhiyaate mormaniiru.
Af-yaa'iin mana maree bakka bu'oota uummataa Maayik Joonsan, kan paartii Rippabilikaan irraa, taateen kun dogoggora ta'uu ibsuudhaan, garuu mariin kun ''qondaaltonni sadarkaa olaanaa hojii isaanii akka gaariitti hojjechaa jiraachuu'' agarsiisa jechuun falman.
Miseensonni mana maree paartii Dimookiraatotaa taatee kanaan akka salphina nageenya biyyaaleessaatti ibsuudhaan qorannoon akka gaggeeffamuuf gaafatan.
Hogganaan paartii Dimookiraatotaa Chuk Iskumar, "Kun sarbama basaasa waraanaa ajaa'ibsiisaa ta'ee fi yeroo baay'ee baay'ee dheeraa keessatti dubbise keessaa isa tokkodha," jedhan.
Dura Taa'aan Koree Tajaajilawwan hidhannoo Seenet Rogar Wiikar, Rippabilikaan Misisippii, paanaaliin isaanii dhimmicha qorachuuf karoorfachuu isaanii dubbatan.
Itti dabaluudhaanis, ''Yaaddoo ta'uun isaa hin oolu,'' jedhan. "Dogoggorri waan
Vaansi Tiraampiin waliin hin galle
Gulaalaan olaanaan barruu Atilaantik Goldbarg Bitooteessa 11 irratti barruu isaa irratti akka barreessetti, appii ergaa icciitii ta'e Signal irratti akkaawuntii kan Waaltz jedhamtu irraa affeerraan akka itti makamuuf isa qaqabe.
Jalqaba irratti ergaawwan marii garee soba ta'uu danda'a jedhee yaaduu kaasuudhaan booda garuu guyyaa afuriin booda, gaafa Sambataa Bitooteessa 15 osoo inni supparmaarkeetiitti lafa onkolaataan dhaabbatu guddaa keessa taa'ee, ergaan Signal waa'ee oppareshinichaa ilaalatu argu dubbateera.
Waa'ee Yaman odeeffannoo haaraa argachuuf X yeroo ilaaluutti, gabaasa dhohinsi magaalaa guddoo Sanaa keessatti mudate arguusaatti ajaa'ibsiifachu barreesse.
Yeroo sanattis qondaaloonni Huutii haleellaa qilleensaa USn namoonni 53 ol ajjeeffamuu fuula X gubbaatti maxxansanii ture.
Gareen marii 'Signal' yeroo baayyee sababii nageenyaatiif jecha kan gaazexessitootaa fi qondaaltoota Waashingitan itti fayyadaman yoo ta'u, innis dandeettii maqaa biraa uumuu fi ergaa bade erguu qaba.
Guyyaa lama booda, Goldbarg garee marii 'Signal' mata duree "Houthi PC small group" jedhuu keessatti akka dabalame dubbateera.
Akkaawuntiiwwan miseensota kaabinee fi qondaaltota nageenya biyyaalessaa fakkaatanii hedduun marii namoota 18 waliin taasifame kana keessatti hammatamaniiru jechuun turen Goldbarg kan gabaase.
Akkaawuntiiwwan "JD Vaansi" jedhaman, maqaa itti aanaa pirezidaantii; "Pete Hegseth," barreessaa ittisaa; fi "Joon Raatcliffe," daayreektara Ejensii Odeeffannoo Giddugaleessaa; maqaawwan hidhata marii sana keessa jiran keessaa turan.
Tulsi Gabbard, daayreektara basaasa biyyaalessaa Tiraamp fi Ministira Dhimma Alaa Maarkoo Rubiyoo dabalatee, qondaaltonni olaanoo nageenya biyyaalessaa dhaabbilee adda addaa irraas keessatti hirmaatanii ture.