Kooriyaan Kibbaa waliigaltee Tiraamp Kim Jong-Un waliin taasifamu nan simadha jette

Madda suuraa, BBC/ Hosu Lee
Pirezidantiin Kooriyaa Kibbaa waliigaltee Doonaald Tiraamp fi Kiim Joong Un gidduutti akka kan Kooriyaan Kaabaa oomisha meeshaa niwukilaraa ishee dhaabdu dhorkuu irra akka waliigalamu akka barbaadan dubbatan.
Lii Jee Miyaang BBC'tti akka himanitti, Kooriyaan Kaabaa waggaatti meeshaalee niwukilaraa dabalataa 15-20 ta'u oomishaa akka jirtuu fi dhorkamuun ishee ammoo akka ''tarkaanfii hatattamaa yerootti'' ammaaf ''filannoo danda'amufi qabatamaadha'' jedhan.
Kooriyaan Kaabaa bara 2022tti akka biyya humna niwukilaraa hidhatte ta'uu kan labsite yoo ta'u, meeshaa waraanaa kana oomishuus gonkumaa akka hin dhiifne dhaadattee turte.
Piyoongiyaang meeshaa waraanaa kana akka dhiiftu gochuuf yaaliiwwan kanaan dura taasifamaa ture kan hin milkoofne yoo ta'u, bara 2019 irraa eegalee ammoo marii irratti akka deebi'amuuf waamicha godhame hunda ni dide.
"Hanga galma yeroo dheeraa niwukilaraa irraa bilisa ta'e irraa abdii hin kutannetti, Kooriyaan Kaabaa gabbiisa meeshaalee niwukilaraa fi misaa'elaa akka dhaabdu gochuun faayidaa ifa ta'e qaba jedheen amana," jedhan Liin.
"Gaaffiin jiru yaaliiwwan bu'aa hin qabne gara galma dhumaa [kan niwukilarii balleessuu]tti itti fufniidha moo, ykn kan galmoota qabatamaa ta'an kaa'uudhaan isaan keessaa muraasa galmaan geenya kan jedhudha," jechuun Liin dabalanii dubbatan.
Ji'a Waxabajjii keessa aangoo kan qabatan Pirezidaanti Liin, Kooriyaa Kaabaa waliin hariiroo nagaa uumuu fi waldhabdee hir'isuu barbaadu. Kunis ejjannoo faallaa pirezidantii isaan duraa kan bara darbe seera waraanaa kaa'uuf yaaluun aangoo irraa kaafaman, Yoon Suk Yeol jalatti ka'ameeti.
Hogganaan Kooriyaa Kibbaa kun Pirezidanti Tiraamp Kiim waliin marii niwukilaraa kan bara 2019 kan bara aangoo Tiraamp jalqabaa keessa adda citee ture akka jalqaban akka barbaadan ifatti dubbataa turaniiru.
Mariin sunis kan adda cite erga Ameerikaan Kooriyaan Kaabaa akka dhaabbilee nikulaaraashee diigtuuf gaafatteen booda ture.
Liin BBC'tti akka himetti, Tiraampii fi Kiim ''hanga tokko wal amantaa hanga tokko qaban'' ilaalcha keessa galchuun walitti deebi'uu danda'u jedhee yaade. Kunis Kooriyaa Kibbaa fayyadamoo taasisuu fi nagaa fi tasgabbii addunyaaf gumaachuu danda'a jedhan.

Madda suuraa, Getty Images
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
BBCn imala Wiixata gara Yaa'ii Waliigalaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Niiw Yoorkitti taa'amuutiin dura, pirezidantii Kooriyaa Kibbaa waliin waajjira isaanii Saawuliitti gaaffiifi deebii taasiseera.
Kooriyaan Kibbaa yeroo ammaa pirezidantummaa Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniiti.Manni marichaa Kooriyaa Kaabaa sababii sagantaa nikulaara isheetiin qoqophii dabalataa irra kaa'udhaaf yaaliiwwan waggootaaf taasise sababii Raashiyaafi Chaayinaatiin osoo hin milkaa'iin hafeera.
Kanaan kan ka'e manni marichaa Kooriyaa Kibbaatiif hin dhaabane jedhanii kan yaadan yoo ta'e kan gaafataman pirezidanti Liin, kallattiin deebiisu irraa of qurasaniiru.
''UN addunyaa nagenya dhugaa qabdu uumuu akka hin dandeenye ifaa ta'ulleen, ammalleen hojiiwwan barbaachisoo hedduu raawwachaa jira jedheen amana,'' kan jedhan Liin, Mana Maree Nageenyaa haaromsuun ''baay'ee qabatamaa akka hin taane'' dubbatan.
Chaayinaan amma sagantaa gabbisa meeshaalee niwukilaraa Kooriyaa Kaabaa gargaaraa jirti jedhamee gaafatamanii, Liin ''adda baasuun rakkisaadha'' jechuudhaan, garuu haala odeeffannoo amma qaban irratti hundaa'uun Chaayinaan deeggarsa taasisaa jirti jechuun akka hin hubannne dubbatan.
Jaqaba baatii kanaarratti Pirezidantiin Chaayinaa Shii Jinpiing Kiimin agarsiisa waraanaa kan magaalaa Beejiingiitti qophaa'ee irratti pirezidantii Raashiyaa Vilaadmiir Putiin waliin simatanii ture.
Walgahiiwwan kanaan dura irratti Chaayinaan ifatti dhimma sagantaalee nikulaaraa Koriyaa Kaabaas ta'e waa'ee nikulaara hiikkachiisuu hin dubbattu turte.
Hariiroon Beejiing, Moskoo fi Piyoongiyaang gidduutti guddachaa dhufe, agarsiisa Chaayinaa irrattimulates kan Kooriyaa Kibbaa ''haala baayyee rakkisaa'' keessa galcheedha jedhan Liin.
''Chaayinaa, Raashiyaa fi Kooriyaan Kaabaa akkasitti walitti dhihaachuu isaanii arguun nuuf gaarii akka hin taane ifaadha,'' jechuun, Ameerikaa fi Jaappaan waliin walitti dhiyeenyaan hojjechuu itti fufuun deebii kennuu isaanii hin oolu jedhan.
Seenaa keessatti Kooriyaan Kibbaa hariiroo US, michuu waraanaa ishee taatee fi Chaayinaa, kan michuu daldala ishee taatee kan baay'ee irratti hirkattu gidduu jiru madaalawaa taasifte jirti. Haata'u malee, funyoon cimaan kun deemuun rakkisaa ta'aa jira.
Dhiheenya kana Liin sirna addunyaa haaraa mul'achaa jiru keessatti US waliin akka dhaabbatu dubbatan. Haata'u malee ammoo, adeemsa keessa diina uummachuu irraa fagaachuu akka barbaadu ifaadha.
Addunyaa jijjiiramaa jirtu keessatti bakki Kooriyaa Kibbaa qabdu ogummaadhaan qajeelchuuf yeroo yaalu, jechootaa fi ejjennoo isaa of eeggannoodhaan filataa jiru.
''Addunyaan kaampii lamatti qoodamtee jirti, Kooriyaan Kibbaa immoo daangaa irra dhaabbattee jirti,'' jechuun biyyisaanii Chaayinaa fi Raashiyaa maddiitti ''bakka dhugaa hin eegamne'' kan jirtu ta'uushee hubachiisaniiru.
"Haalli kun baay'ee rakkisaa ta'aa dhufeera. Garuu kaampiileen kunneen guutummaatti balbala isaanii cufuu waan hin dandeenyeef bakka ta'etti gidduu of dhaabuu dandeenya."
Liin hariiroo gara fuula duraa Raashiyaa waliin qabdu kan yeroo waraana Yukireen Kooriyaa Kaabaa waliin tumsa waraanaa uumte waliin qabdu akka hin dagatamne illee of eeggannoo godhan.
Raashiyaan bakka gumaacha meeshaalee waraanaa fi loltoota deebisee nyaata, boba'aa fi maallaqa guddaa Kooriyaa kaabaatiif ergiti.
''Weerarri Raashiyaan Yukireen irratti raawwatte balaaleffamuu akka qabu, waraanni kun dafee xumuramuu akka qabu ifaadha,'' jedhan Lii.
"Haata'u malee, hariiroon biyyoota gidduu jiru qajeelaa miti, bakka danda'ametti karaa itti tumsinuu fi karaa nagaadhaan itti waliin jiraachuuf dandeenyuu dandeenyu irratti karaa argachuuf ni carraaqna,'' jedhan.
arganna."
















