Tartiibni gulantaa waraana Itoophiyaa maal fakkaata, attamiin kennamu?

Madda suuraa, Office of the PM
Bulchaan Itoophiyaafi Ajajaan Waliigalaa Humnoota Waraana biyyatti Ministirri Muummee Abiy Ahimad Fulbaana 20, 2025 qondaalota raayyaa ittisa biyyaa 66'f gulantaa waraanaa olaanaan akka kennamu taasisaniiru.
Kanaanis leetanaal Janaraaloonni afur gulantaa janaraalummaa guutuun kan kannameef yoo ta'u, isaanis Leetanaal janaraal Alamisheet Daggifee, Leetanaal Jenaraala Dastaa Abichee, Leetanaal Janaraal Yimar Makonnin fi Leetanaal Janaraal Dirribaa Makoonniinidha.
Dabalataanis, qondaaltonni lama gulantaa meejar janaraalummaarraa gara Leetanaal Janaraaliitti yoo ol guddatan, qondaaltoonni waraanaa 17 ammoo birgaadar janaraalummaarraa gara gulantaa meejar janaraalummaatti guddataniiru. Qondaaltoonni 43 ammoo gulantaa koloneelummaarraa gara birgaadar Janaraalummaatti ol guddataniiru.
Ofii Raayyaa Ittisa Itoophiyaa keessatti loltuu sadarkaa gadaanaarraa kaasee hanga gulantaa waraanaa olaanaatti gulantaan kennamu tartiibaan maal akka fakkaatu mee haa ilaallu.
Loltuun tokko jalqaba yoo raayyaa ittisa Itoophiyaatti makamuutti moggaasa ''loltuu bu'uuraa'' jedhu qabata.
Moggaasni kunis kan kutaa hawaasa kaanitiin adda yoo ta'u, kan maqaa beekamaa miseensa waraana waliigalaatiin kan walqabatuudha.
Loltuun bu'uuraa tokko yoo xinnaate erga waggaa sadiif tajaajileen boodadha kan gulantaa ittaanuuf gahumsa qaba jedhamee yoo kaadhimame gara gulantaa ittaanaa kurnaalaatti kan guddatu.
Bara tajaajila loltuu bu'uuraasaatti, loltuun itti gaafatamummaan meeshaa waraanaa dhukaasuu fi gahee kennameef bahachuu qofa kennameef yoo gara gulantaa ittaanaa kurnaalaatti guddatu, waan itti gaafatamummaa kaan hogganuu, wali taasisuu qabaatuuf leenjiin dabalataa ni kennamaaf.
Kanaan booda ammo itti gaafatamummaan dursaa jaal (guwaadi) ykn dursaa itaanaa jaal jedhu ni dabalamaaf.
Loltuun ittaanaa kurnaalaa ta'e tokko erga wagga lamaaf tajaajileen booda haaluma hojimaata Ministeerichaa eddoowwan muudamaa banaa jedhamaniitiin, miseensoota waraanichaa gulantaa walfakkaatu irratti argaman kaan waliin dorgomuun gara gulantaa kurnaalummaa guutuutti guddata.

Madda suuraa, Office of the PM
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa mallattooleen gulantaa miseensoota isaatiif itti fayydamamu kan addunyaa yoo ta'u, mallattoon 'V' ittaanaa kurnaalaaf kennamu tokkicha yoo ta'u, kurnaalaa guutuu yoo ta'u mallattoonni kun lama ta'a.
Gulantaan kurnaalummaan booda argatamu ammo gulantaa shantamaadha.
Miseensi waraanaa tokko yoo sadarkaa shantamaa irra gaheen booda haaluma dandeettii qabuutiin gara qondaalummaa ykn moggaasa (magaabii shantamaa jedhuun gara shuumii olaanaa sadarkaa dakaatti dabalamu.
Itti gaafatamummaan qondaaltoota waraanaa lola karoorsuu, qabeenyaa qindeessuu akkasumas hogganuudha.
Shuumiin olaanaa sadarkaa dakaa keessatti ammo miseensoota waraanaa beekumsa teeknikaatiin biiroolee keessa hojjatan ilaalata.
Isaanis miseensoota hojiiwwan tekinikaa garaa garaa fi dame wallaansaa keessa hojjatan ta'u.
Raayyaa waraanaa Itoophiyaa keessatti loltoonni gulantaa shantamaa irra gahan haaluma qormaata madaallii dandeettii kennamuutiin dame kam irratti yoo boba'an caalaa tajaajilu kan jedhu adda baafama.
Madaallii dandeettii kanaan booda, qormaata dirree irratti kennamuun dandeettiin isaanii sakkata'amee gara maggaabii shantamaa ykn gulantaa ittaanaa dhibbatti ce'u.
Gulantaalee qondaalaafi kan biraa
Sadarkaaleen gulantaa dhaabbatichaa kutaa jalqabaa, kan gulantaa biraa, kutaa lammaaffan, qondaala sararaa, yoo gulantaa kumaalaa argatan ammo qondaalaa olaanaa jedhamuun adda baafamaniiru.
Kanaan booda kan jiran ammoo qondaalaa olaanaa, qondaala janaraalaa, qondaalaa janagraala olaanaa jedhanuun kan qoodamaniidha.
Gulantaana qondaaltoota janaraalaatiin oliitti argamu ammo hulantaa maarshaal yoo ta'u, kunis abbaa urjii shaniiti.
Dhaabbaticha keessatti gulantaaleen ittaanaa kurnaalaa hanga baashaa kumaalaatti jiran gulantaa gara biraa (BM) jedhamuun waamamu.
Mallattooleen 'V' sadii gulantaa ittaanaa Shantamaa irratti argaman irratti dabalataan urjiin tokko kan taa'u yoo ta'u, erga wagga sadiif tajaajileen booda gara gulantaa baashaa kumaalaatti ce'a.
Achiinis gara Baashaa Magaabii Kumaalaatti, Baashaa Kumaalaa, Ofisara waaraanti gadaanaa (junior)tti, ofisara waaraanti olaanaa (senior) jedhee guddata.
Miseensi raayyaa ittisaa sadarkaa ofisara waaraanti olaanaa (senior Warrant Officer) irra gahe tokko, miseensa gulantaa koloneelummaarra gahe waliin leenjii wal gitu qabaata.
Koloneeliin beekumsa waliigala hogganu qabaatee yoo guddatu, ofisarri waaraanti olaanaa garuu, beekumsa teekinika waliigalaa qabate guddata.
Loltoonni kunneen dhimma addaa tokko irratti waan beekumsa gadi fagoo qabaniif gahee qondaaltoota olaanoo gulantaa janaraalumaa qaban gorsuu qabaatu.
Ittaanaa shantamaa ta'udhaaf ogummaawwan filatamaniin leenjii'uu kan gaafatu yoo ta'u, leenjiin ittaanaa dhibbaa ammo akka hooggansa waliigalaa ta'uuf leenjii dandeessisu argata.
Loltuun tokko erga gulantaa ittaanaa shantamaa argateen booda, karaa kamiinu gulantaa qondaalumaa dhaqu hin dana'u.
Ittaanaa shantamaatti aansee gulantaa ofisar waaraantummaa irra yoo gahu soorama kan bahu ta'a.
Erga qondaala (makoniin) ta'een booda hanga dandeettii fi humna qabaateetti gara gulantaa janaraalummaa urjii afuriitti gudachuu ni danda'a.
Raayyaa Ittisa Itoophiyaa keessatti gulantaalen humna qilleensaa kan adda ta'an hanga qondaala sararaa kan jiru qofaadha.
Moggaasni gulantaa caasaa gulantaa addaa jedhaman keessa jiran kunneen humna qilleensaa keessatti yoo ta'u, ittaanaa kurnaalaa kan jedhamu 'Junior Air Craft Man', achiin booda ammo 'Senior Aircraft man', Lead Air Craft man' jedhamuun adda bafamu.
Gulantaa Ittaanaa dhibbaatii hanga janaraalaa abbaa urjii shaniitti

Madda suuraa, Office of the PM
Itoophiyaatti gulantaan waraanaa olaanaan beekamtii qabu jeneraalummaa abbaa urjii shanii yoo ta'u, innis maarshaal jedhama.
Gulantaan Ittaanaa dhibbaa ammo kanneen raayyaa keessatti tajaajilaa turan ykn ammo hawaasa keessaa barnoota sadarkaa lammaffaa kan xumuraniifi fedhiidhaan qaccaramanii erga leenjii kaadhiimamaa qondaalummaa (mekoniin) erga fudhataniin booda kan kennamuudha.
Miseensoonni waraanichaa ittaanaa kurnaalaa ykn gulantaa kurnaalaa irra erga gahanii booda kan barnoota garaa garaa baratanii fi kan eebiifaman yoo ta'e, dorgomuudhaan koorsii kaadhimamaa qondaalummaa fudhachuudhaan guantaa ittaanaa dhibbaa argachu ni danda'u.
Miseensi raayyaa ittisaa gulatnaa ittaanaa dhibbaatiin wagga lamaaf tajaajile tokko gara gulatnaa dhibbaatti guddata.
Kana keessattis eddoon mudamaa banana jiraachuu, dandeettiifi raawwiin loltuu kanaa guddina argachuuf ulaagaalee dandeessisaniidha.
Miseensi raayyaa ittisaa gulantaa dhibbaa argate tokko akkasumas gosti itti gaafatamummaa qabaatuus ni jijjirama.
Kunis qondaala miseensa raayyaa ittisaa qondaalummaa sararaa keessa gale jedhamuun waamama. Qondaalummaan sararaa ittaanaa dhibbaa, gulantaa dhimmaa akkasumas kumaalaadha.
Gulantaan qondaalaa lammaffaan ammo qondaalummaa olaanaa yoo ta'u, kunis kumaalaa, leetanaan kolaneel fi kolaneelummaadhaa.
Gulantaan qondaalummaa sadaffaan ammo kan qondaala janaraalaa jedhamu yoo ta'u, isaan ol kan jiran gulantaa birgaadar, meejar, leeftanaant fi gulantaalee janaraalaa kan hammataniidha.
Namni ittaanaa dhibbaa ture tokko tajaajila wagga lamaatiin booda gara qondaalummaa sararaatti seenuudhaan gulantaa dhibbaa guutuu (urjii lama) ni argata.
Isaan booda dirqama wagga afur tajaajiluu kan qabu yoo ta'u, isaan booda gara gulantaa kumaalaa (abbaa urjii sadiitti) guddata.
Yeroo kanaan alatti ammo gulantaalen guddinaa haala addaatiin kennaman ni jiru. Kun agruu baayyee murtaa'oo yoo ta'an, loltuun tokko ergama kennamef osoo bahaa jiruu haala kaaniirra adda ta'een yoo gootummaa raawwatu, osoo yeroo turtii hin eemane haala addaatti gulantaa guddinaa ni argata.
Yeroo turtii kanatti raayyaan rakkoo naamusaa hin qabaanne bakkuma jiruutti tura.
Raayyaa Ittisa itoophiyaa keessatti gulantaan dhumaa janaraalummaa abbaa urjii afuriiti.
Gulantaan janaraalummaa abbaa urjii afurii kunis motummaan yeroo barbaachisaadha jedhee amaneetti murtee siyaasaatiin haaluma dandeettii fi ogummaa qondaaltootaatti yeroo adda addaatti kennama.
Gulantaa ittaanaa dhibbaatiin booda garuu gulantaaleen hundi humna qilleensaa keessattis haaluma wal fakkaatuun itti fufu.
Namni tokko ittaanaa dhibbaa irraa ka'e hanga gulantaa janaraalummaa gahuutti yoo xinnaate wagga 30 itti fudhachu danda'a.
Gulantaan qondaala janaraalaatiin olitti argamu gulantaa Maarshaalii yoo ta'u, kunis gulantaa abbaa urjii shaniiti.














