Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Obbo Kiristiyaan fi Yohaannis mana hidhaatti 'dhibeen itti cimuu' maatiin himan
Miseensonni Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataa Kiristaan Taaddalee fi miseensi Mana Maree Naannoo Amaaraa Obbo Yohaannis Bowaayaalawu mana amala sirreessaa Qaallittii keessatti jiran ''dhukkubni isaanii itti cimuu'' maatiin BBC'tti himan.
Maatiin itti dhihoo maqaan isaanii akka hin dhahamne gaafatan, hidhamtoonni kunneen wal'aansa baqaqsanii yaaluu booda ''yeroo dheeraaf dhiigni dhaabachuu diduun akka isaan mudate" himaniiru.
Namoonni siyaasaa lamaan kunneen torban lama dura ''iyyata irra deddeebiiin dhiyaateen'' wal'aansi baqaqsanii yaaluu akka taasifameef abukaatoon isaanii Obbo Soloomoon Gazzaanyi BBC'tti himaniiru.
Wal'aansa baqaqsanii yaaluu boodas hospitaala keessa turuu qabu jedhamus, "sa'aatii muraasa gidduutti konkolaataa mijataa hin taaneen gara mana hidhaatti deebifaman" jedhu maatiin hidhamtootaa kun.
Maatii Obbo Kiriistiyaan dhiyoo ta'an keessaa tokko "Madaan hin gognee dhiigaa jira. Doktoroonni dhiigni dhaabachuu dhiisuu akka maluu fi yoo sun mudate gara Hospitaalichaa akka geeffamuu qaban himanii turan" jedhan.
Haa ta'uu malee, wal'aansa baqaqsanii yaaluu sana booda gara hospitaalatti akka hin geeffamne ibsaniiru.
"Dhiiguu wal'aansa booda uumameef qoricha bayyanachiistuu akka isaaniif kenname fi dhukkubbiin akka irraa salphatuuf dafanii fudhachaa waan turaniifis qorichichi dhume,'' jechuun miseensi maatii kun BBC'tti himani.
Miseensa maatii Obbo Yohaannis; "Kaleessa qoricha bayyanachiisuu qabannee yeroo deemnu galuu akka hin dandeenye nutti himame.
''Maaliif jennee yeroo gaafannu ammoo Jijjiiramuuf jiru nuun jedhan. Garuu, hanga kaleessaatti akka hin deemne nutti himan.
''Kaleessa akka tasaa deemuuf waan ta'eef, nyaatas ta'e qoricha tokkollee fiduu hin dandeessan jedhanii nu dhorkan," jedhan.
Miseensi maatii Obbo Kiristiyaanis haaluma wal fakkaatuun "Kaleessa nyaataa fi qoricha qabannee yeroo deemnu namni nu galchu waan hin jirreef deebinee" jechuun dubbatan.
Komishiniin mana Sirreessaa Federaalaa torban darbe, Wixata Muddee 7, 2017 ALI ibsa baaseen: "Sirreeffamtoota Mana Sirreessaa Qaallittii irraa gara mana hidhaa Abbaa Saamu'eel jedhamuun beekamu kan naannoo Galaanitti argamutti akka dabarsu" beeksisee ture.
Kana hordofees, ''mana amala sirreessaa Qaallittii keessatti maatii gaafachuufi tajaajilli biiroo kennamaa ture ALI Mudde 08 hanga 13, bara 2017 adda kutee akka turuu,'' ibsa.
Komishinichi ibsa isaa keessatti torban darbe gaafa Kibxataa eegalee tajaajilli adda cite ALI Mudde 14 [har'a] akka eegalu ibsee ture.
Haa ta'u malee, maatiin Obbo Kiristiyaaniifi Obbo Yohaannis har'allee midhaan galchuufi hidhamtoota gaafachuun akka hin dandeenye BBC'tti himaniiru.
BBC'n Dubbii Himaa Komishinii Mana Amala Sirreessaa Federaalaa Obbo Garramoo Ayyaalew biraa odeeffachuuf yaaliin irra deddeebiin taasise hin milkoofne.
Abbaan Alangee Obbo Yohaannis fi Obbo Kiristiyaan irratti himannaa kan bane waggaa darbe baatii Bitootessa keessa ture.
Miseensota mana maree lamaaniin dabalata namoonnii biroo 50 galmee Obbo Yohaannis jala eeramaniiru.
Namoonni galmee kana jala jiran Labsii Yeroo Muddamaa ALI Xumura Bara 2015 irratti Naannoo Amaaraatti labsameen walqabatee to'atamanii osoo hin himatamiin baatii jahaaf kann turanidha.
Abbaan Alangee himannaa kana kan bane seerota yakkaafi labsii farra shororkeessummaa eeruuni.
Abukaatonni himatamtootaa gama isaaniin waggaa darbe baatii Caamsaa keessa ragaalee ittisaa isaanii fuula 12 ta'u mana murtiitti dhiheessanii turan.