Teeknooloojiin hubannoo nam-tolchee ChatGPT yaaddoodhamoo abdiidha?

"Waan falfalaa natti fakkaata. Xiqqoo na yaaddessee ture," jedha ogeessa kompitaraa kan ta'e Pietro Schirano waa'ee teekinooloojii ChatGPT yoo dubbatu.

Teekinooloojiin hubannoo nam-tolchee dhiyeenya kana kalaqame addunyaa ajab jechisiisaa jira. Waan tokko barreessitanii yoo gaafattan, akkuma namaa deebii isinii laata.

Pietro Schirano pirogiraamiiwwan kompitaraa hojjachuuf teekinooloojii nam-tolchee ChatGPT fayyadamuu eegaleera.

ChatGPT afaan ittiin piroogiraamii ykn koodii hojjatan maal ta'uu akka qabuufi geemiiwwan hojjachuuf koodiiwwan barbaachisan barreessee namaaf kenna.

Namni ogummaa koodii geemii barreessun beekamaa ta'e tokko waan sa'aatii tokkoof walakkaatti barressee fixu hubannoon nam-tolchee ChatGPT secondii 40 kan hin caalle keessatti barreessa.

Marsaa intarneetii gubbaa koodiiwwan geemii heddutu jira, hubannoon nam-tolchee ChatGPT kun garuu koodiiwwan kana intarneetii gubbaa hin barbaadu. Ofiidhumasaatii waan sirriidha jedhe tilmaamuun barreessee namaa deebisa.

"Akkamitti geemii kana beekamaa akkan godhu gaafadhee ChatGPT'n gaaffii koo hubachuu danda'eera. Waan namni Google irraa argachuu hin dandeenye baay'ee hubatee namaa deebisa," jedha ogeessi teekinolojii Pietro Schirano.

ChatGPT koodiiwwan geemii barbaachisaa fi qajeelfama isaa waliin akka namaaf kennu hima.

"Amma namoonni waan hojjatan hin beeknellee lafumaa ka'anii marsariitii wayii uumuu danda'u," jedha Pietro.

Teekinoolojiin hubannoo nam-tolchee akkuma faayidaan isaa fudhatama qabaataa dhufe yaaddoon nageenyaa uumee jirus salphaa miti.

Keessumaa hubannoon nam-tolchee haaraa dhufe ChatGPT jedhamu waan namni gaafate hundaaf deebii kennuu irraan kan ka'e namoota heddu biratti sodaa guddaa uumera.

Gaaffii barataa deebisuu kaasee hanga kitaaba barreessun qopheessee namaaf keennuutti kan gahedha.

Ogeessissi teekinooloojii biraa Toonii Ismiz ammoo faayidaasaarra miidhaan isaa akka caalu falma.

"ChatGPT fayyadamuun sooftiweerii gabbisuun faayidaasaarra miidhaa isaatu caala. Koodiwwan AI (hubannoon nam-tolchee) kunneen kalaqan yeroo baay'ee dogoggora kan qaban ykn dorgomaa kan hin taanedha," jedha.

Yaaddoo nageenyaa teekinolojiin hubannoo nam-tolchee kun fiduu danda'uun wal-qabatee mootummaan Xaaliyaanii ChatGPT ugguree jira.

Xaaliyaaniin murtoo kanarra kan geesse hubannoon nam-tolchee kun qajeelfama nageenya icciitii biyyattii saaxiluu mala yaaddoo jedhu waan qabduuf.

Kanumarraa ka'uun dhiibbaa ChatGPT'n nageenya iccitii lammiilees ta'ee biyyaalessaarran gahuu malu qorataa jirti.

Gam biraan ammoo hubannoon nam-tolchee ChatGPT gara fuulduraatti carraa hojii namoota miliyeena hedduu saamuu danda'a kan jedhus sodaan jira.

Kana jechuun namoonni gaaffii barbaadan hubannoo nam-tolchee ChatGPT fayyadamuun salphaatti argachuu danda'u waan ta'eef humna namaa barbaaduun hir'ataa deema jechuudha.