Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Lammiileen Itoophiyaa Jibuutiidhaa akka ba'aniif yeroon kennameef dhumnaan rakkoo keessa galan
Lammiileen Itoophiyaa Jibuutii keessa jiranii fi waraqaa jireenyaa seera qabeessa hin qabne akka biyyattii keessaa ba'aniif daangaan yeroo kaa'ameefii ture xumuramnaan rakkoo keessa galan, amma birmannaa gaafataa jiru.
Baqattoonni kumaatamaan lakkaa'aman gara daangaa, Dawwallee, geeffamuun, kaan ammoo iddoowwan adda addatti walitti guuramuun dararmaa akka jiran lammiin Itoophiyaa waggoota 20 oliif Jibuutii jiraatan BBctti himaniiru.
kanaan dura wayita mootummaan Jibuutii murtee kana dabarsuun daangaa yeroo baqattoonni eeyyama jireenyaa hin qabne keessatti ba'uu qaban kaa'u mootummaan Itoophiyaa yeroon akka dheeratu gaafatee ture.
Haata'u malee mootummaan Jibuutii yaada Imbasiin Itoophiyaa Jibuutii jiru dhiyeesse hin fudhanne.
Jiraataan Jibuutiirraa BBCf yaada kennan ''warri seeraan alaa biyya kana gadhiisanii akka ba'an erga mootummaan ajajee as wanti deemaa jiru ulfaataadha,'' jedhan.
Jibuutii lammiileen biyya eeyyama jireenyaa hin qabne Ebla 3 hanga Caamsaa 2 biyyaashee gadhiisanii hin bahan yoo ta'e Poolisiidhaan qabdee akka deebiftu beeksiftee ture.
Yeroon kenname kun erga obba'ee amma torban lama ta'uuf deema. Yeroo kana keessatti kanneen biyyattii keessaa ba'an jiraatanis, warri ba'uu hin dandeenye garuu dararamaa jiru jedhan jiraataan BBCtti dubbatan.
''Kan nagaan bahe jalaa ba'eera. Warri kuun ammoo humnaan butamaa jiru. Warra humnaan butaman keessa kan maatii qabantu jiru. Poolisiin hundumaa walitti qabee ba'aa jedhee reebaa jira. Manatti seenanii guuraa jiran.''
Jibuutiin biyya argamaanis ta'e hariiroo dippiloomaasiin Itoophiyaatti baayyee dhihaattuudha. Kanaafuu lammiileen Itoophiyaa haala adda addaan biyyattii keessa jiraatu.
Kanneen karaa kana darbanii gara Galoo Galaanaa Edanitti ce'uun karaa Yaman darbanii gara Sa'uudii Arabiyaatti imalanis kumaatama.
Jiraataan Jibuutiirraa dubbisne kun kanneen humnaan biyyaa baafamaa jiran godaantotaa achiin darban osoo hin taane kanneen waggaa dheeraaf biyyattii keessa jiraatan ta'uu dubbatan.
''Warri amma baafamaa jiran warruma biyyattii keessa jiraachaa turanidha. Warri biyyaa eeyyama siif hin kennan. Silaa lammii ta'uu kan dandeessu amata hedduu baqataama taatee teessa. Yeroo fedhanitti eeyyama hin qabdu jedhanii nama ari'u,'' jedhu.
Jibuutii keessa Somaaleen, Arabni, Oromoon, Amaarri, saboonni adda addaa ni jiraatu.
''Kana hundaaf akkaataan eeyyama jireenyaa kennan wal hin fakkaatu. Yeroo hunda lammiilee Itoophiyaa keessaahuu Oromoorra rakkoon ga'a. Kun maaliif akka ta'u kan nuuf dubbatu hin jiru. Asi bakki rakkoon jiru,'' jedhan namni BBCf yaada kennan kun.
Imbaasiin Itoophiyaa Jibuutii jiru murtee mootummaan biyyattii dabarse hordofee yeroon akka baqattoonni ba'aniif kenname ji'oota sadiif akka dheeratu gaafatus, Jibuutiin murteeshaarratti cichiteetti.
Kanaafuu baqattoonni yeroo kenname keessatti ba'uu akka qaban ifa ture. Jiraataan kun baqattoonni waan isaanitt as deemu osoo beekanii ajaja kana maaliif akka hin raawwanne waan beekan irraa akkanaan ibsan.
''Mootummaan namoonni waraqaa seera qabeessa hin qabne akka ba'an daangaa kaa'ee ture. Garuu warri humna hin qabne ba'uu hin dandeenye. Hedduun ilmaan qabu, wana ittiin ba'an hin qaban,'' jedhan.
''Kan ijoollee asitti barsiifatanis jiru. Kaan asitti baqatee waraqaa malee kan jiraatutu jira. Yoo waraqaa qabaattellee hin kabajani. Kun hundi rakkoodha.''
Jiraataan kun rakkoo amma keessa jiraniif mootummaan akka birmatuuf gaafataniiru.
''Mootumoonni lameen waliin dubbataa hin jiran. Yoo walitti dubbatan dhimmi baqataa ajandaasaanii miti. Osoo arganii callisanii ilaalu. Waliin dubbatanii akka rakkoo kana nuuf furan feena.''
Akkasaan jedhanitti lammiileen Itoophiyaa kuma dhibbaan kan lakkaa'aman isaan waliinJibuutii keessa jiraatu.
''Mootummaan kuma 78 kann ta'an ba'uu ibse. Warra hafetu caala. Rakkoo hamaa keessa jirra,'' jechuun birmannaa gaafatan.
''Uummata bakka bakkatti walitti qabanii hiraarsaa jiru. Uummati nama birmatuuf dhabee rakkataa jira. Imbaasiin Itoophiyaas callisee ilaala.''
Dhimma kanarratti mootummaan Itoophiyaa ammatti wanti jedhe hin jiru.
Kanaan dura rakkoo lammiilee Itoophiyaarra ga'uuf deemu qolachuuf Imbaasiin Itoophiyaa Jibuutii jiru haalli jiruu fi jireenya baqattootaa ilaalcha keessa akka galu mootummaa Jibuutii gaafatee ture.
''Kanneen hayyama jireenyaa hin qabne hedduu waan ta'aniif, ijoolleen namoota barnootarra jiranii barnoota akka adda hin kunne, daldaltootni meeshaaleesaanii dafanii akka gurguratan, namoota bakka adda addaa dalaganiifi miindaan hin kaffalamne akka miindaa argataniifi warra dhimma mana martii qaban,'' eeruun yeroon itti gara biyyaa galan yoo xiqqaate ji'a sadiin akka dheeratu gaafachuu Embaasichi ibsee ture.