Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Imala, mudannoofi rakkoo shamarran Oromoo godaanun Jibuutiitti argamanii
Akeekkachiisa: Odeessi kuni qabiyyee miira isin gaddisiisu qaba.
Lammiileen Itoophiyaa jireenya fooyya'aa barbaacha biyya boba'aan badhaate Sa'udi Arabiyaa seenuuf imala lafoo eegalan baay'eedha.
Haa ta'u malee, daangaa Itoophiyaa darbees gammoojjii Jibuutii keessatti balaa hedduuf saaxilamu. Kan yaadaniin faallaa ta'e isaan mudata.
Baayyeen isaaniis bakka yaadan osoo hin gahiin kaansaanii gammoojjii keessatti kaan ammoo galaanaan nyaatamuun lubbuusaanii dhabaa jiru.
Galaana Diimaa qarqara Jibuutii argamurraa wanti irra deddeebiin dhagahamuus kanuma kan mirkanneessudha.
Gaazexeessaan BBC Ammayyuu Ittaanaa tibba gara Jibuutiitti imaleetti, shammarran Oromoo haala rakkisaa keessatti argaman dahoo IOM magaalaa Obook argamutti goree dubbiseera. Daawwadhaa!