Filannoo biyyaalessaa 7ffaa bara dhufu gaggeeffamuuf qophiin boordii filannoo maal fakkaata?

Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa qophii Filannoo Biyyaalessaa 7ffaaf taasisaa jiru ilaalchisee miidiyaaleef ibsa kenneera.

Walitti qabduun boordichaa Aadde Meelaatwarq Haayiluu filannoon waliigalaa biyyaalessaa waggaa shaniin adeemsifamu kan marsaa itti aanuuf qophiitti jiraachuu ibsan.

''Bara 2013 filannoon biyyaalessaa taasifameera. Filannoon itti aanus bara 2018 waqtii walfakkaataatti ni adeemsifama kan jedhuun Boordiin Filannoo qophiilee taasisaa jira," jedhan.

Filannoon marsaa 6ffaa ALI bara 2013 erga taasifamee booda hanqinootafi ciminootarratti ykn dhimmoota irraa baratamuu qaburratti qaamolee dhimmi ilaallatu kanneen akka dhaabbilee siyaasaa, dhaabbilee siiviiliifii kunneen biroo waliin qorannoo taasifamuus himan.

Qoranoofi marii kana bu'uura godhachuunis boordichi karoora waggaa shanii qopheessuun ALI bara 2017 irraa eegalee hojiirra oolchaa akka jiru himaniiru.

Karoorri kun oppireeshiniifi loojistiksii filannoo, dhimma seeraa, tekinooloojiifi qunnamtii qaamolee dhimmi ilaallatuu ofkeessatti kan qabate akka ta'es dubbataniiru.

Rakkoo nageenyaafi filannoo…

Dhimmoota filannoo biyyaalessaa marsaa 6ffaa ALI bara 2013 taasifameef qormaata ta'an keessaa tokko rakkoolee nageenyaa kutaalee biyyattii garagaraatti uumaman ture.

Ammallee walitti bu'iinsi humnootii mootummaafii qaamolee hidhatan waliin taasifaman kutaalee biyyattii garagaraatti mul'atu.

Dhimma kana kan gaafataman walitti qabduun Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa Aadde Meelaatawarq Haayiluu, "tasgabbiin qaamolee dhimmi ilaallatu hundaaf barbaachisaadha. Filattootaaf, filannoo kan raawwachiisuuf, taajjabaaf, dhaaba siyaasaaf, hundaafuu dhimma murteessaadha," jedhan.

Haaluma kanaan boordichi iddoowwan haalli filannoo gaggeessuu dandeesisu jirutti filannoo akka adeemsisu himaniiru.

"Bara 2013 iddoowwan haalli filannoo taasisuu dandeesisu jirutti filannoo adeemsiseera. Iddoowwan filannoo gochuun itti hindanda'amnettimmoo hanga haalli mijataan uumamutti eeguun kan itti fufu ta'a," jedhan.

Kana malees gareen sakatta'iinsaa iddoowwan rakkoon nageenyaa jiru jedhametti gamaggama taasisuun filannoo taasisuun ni danda'amamoo hin danda'amu kan jedhu akka murteessu himaniiru.

"Ammatti iddoo hundatti filannoo taasisna jenneeti kan karoorfannu. Garuummoo hanguma filannootti dhiyaannu naannoo filannoo kamitti filannoo gochuun danda'ama yookiin hindanda'amu jedhu adda baafanna," jedhan.

Komii dhaabbilee siyaasaarratti…

Boordiin filannoo dhaabbilee siyaasaa waliin walitti dhiyeenyaan hojjechaa akka jiru kan himan Aadde Meelaatawarq, paartilee siyaasaa waggoota lamaa as galmaa'aniif leenjii dandeettii cimsuu kennuu eeran.

Kunis hojii paartilee siyaasaa gahoomsuuf hojjetame ta'uu Aadde Meelatawarq Haayiluu dubbataniiru.

Gama biraatiin komii hidhamuu miseensotaafii cufamuu waajjiraalee paartileen siyaasaa kaasan kan gaafataman walittiqabduun boordichaa, "gaaffiiwwan akkanaa guyyuu boordii filannoof ni dhiyaatu," jedhan.

"Humni Boordiin Filannoo qabu 'miseensikoo hidhameera' yemmuu jedhamu 'qaamni hidhe eenyu?' jennee gaafanna. Yommuu nutti himan qaama hidheef xalayaa barreessina," jedhan.

Xalayaa kanaanis miseensonni dhaabbilee siyaasaa maaliif fi eenyuun akka hidhaman akkasumas mana murtiitti dhiyaachuusaanii kan gaafatu akka ta'e himuun, "namni tokko hidhamee dhimmichi mana murtiitiin qabamnaan hojiin boordii filannoo iddoo sanatti dhaabbata," jedhan.

Kana malees boordichi tuuta bakka bu'oota paartii komii dhiyeesse, boordii filannoofi paartii biyya bulchu ofkeessatti qabate ijaaruun rakkooleen akka furaman hojjechaa akka tures himaniiru.

"Sadeensaanii iddoo tokko ta'uun taa'anii dhimmicha qorachuun furmaanni akka laatamuufi namoonni heddu hidhaadhaa akka gadhiifaman taasifameera," jedhan.

Gama biraatiin dhiyoo boordichaan kan haqame dhimma TPLF ilaalchisee kan gaafataman Aadde Meelaaatawarq, dhaabichi ulaagaalee guuttachuu qabu akka guuttatu irra deddeebiin gaafatamus haldureewwan kunneen guutuu dhabuusaatiin tarkaanfichi akka irratti fudhatame himan.

"Hojiin boordichaa seera raawwachiisuu waan ta'eef seera raawwachiiseera. Kanaaf rakkoon ni uumama, waraana hamaa dabarsinetti ni seenna jedhee hin amanu," jedhaniiru.

Qondaalli boordii filannoo kun Itoophiyaa keessa dhaabbileen siyaasaa 70'tti siiqan akka jiran himaniiru.